Chimpaanziin mala ulfa ittisuu fudhachaa jirtu 'osoo hin yaadin' dhalte

Chimpaanzii deettee

Madda suuraa, Ngamba Island Chimpanzee Sanctuary

Erga 'malli ulfa ittisuu milkaa'uu dhabee booda' osoo hin yaadiin Chimpaanziin daa'ima ilmoo intalaa deesse.

Mooraa kunuunsa Chimpaanzii Yuudaandaa keessatti malli ulfa ittisuun chimpaanziin fudhataa jirtu sababii hin beekamneen hojjechuu dhiisnaan 'osoo hin karoorfatiin intala' deesse jechuun hoggantoonni mooraa kunuunsichaa BBC'tti himaniiru.

Hoggansi 'Ngamba Island Chimoanzaee Sanctuary' Haroo Viiktooriyaa irratti argamu Chimpaanziini sun ulfa ta'uusheefi abbaan daa'ima dhalattee 'DNA' isaa barbaadamaa akka jiru yoo dhagahan nahaniiru.

Haati Naatashaa yoo jedhamtu umuriin ishee ganna 29 taateetti jedhamee amanama. Naannoo Aaru'aa jedhamu kan lixa biyyatti keessatti argamtu keessaawaggoota 21 dura kan baraaramtedha.

Hogganaan dahoo kanaa akka jedhanitti, daa'imman chimpaanzii dhalataniif kunuunsa gahaa gochuuf humni gahaan waan hin jirreef akka kan biraan dhaltu waan hin barbaanneef akka hin ulfoofnees dhorkaa turuusaanii dubbatu.

"Akkuma dhala namaa chimpaanziin dhaltuus ulfa hin barbaachifneef akka hin saaxilamne mala ittisa ulfa fayyadamu. Kunis mooraa kunuunsa kanaa keessatti chimpaanzoota maatii hin qabneefi rakkatan qofaaf waan ta'eefi, " jedhu Tiitus Muukunguu.

Waggoota 20 darban keessa daa'imman afur qofaatu turan, kana jechuun malli ittisa ulfaa hojjachaa ture jechuudha jedhan Tiitus.

Dhalachuun chimpaanzii kanaa gaafa Fulbaana shanii kun lakkoofsa isaanii gara 50'tti ol guddiseera.

Haaluma kanaan eeggumsi biyyattii namoonni chimpaanzii dhalatte saniif maqaa akka moggaasan gaafataa jira.