Gaazexeessaan BBC Danny Baker daa'ima maatii moototaatti qoose hojiirraa ari'atame

Danny Baker

Oduu dhiyeessaan BBC sagantaa Raadiyoo 5 Danny Baker, waa'ee daa'ima maatii moototaa Harii fi Megaan kan tibbana dhalate waan isarraa hin eegamnee fi bifa adaba hin qabneen fuula Twiitara isaarratti waan barreesseef hojiirraa ari'atame.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Ergaan Twiitara isaa irratti barreessee ture amma haqamus, miidiyaa hawaasummaarra hedduu naanna'aa waan tureef hojii dhabu isa hinolchine.

Daa'ima dhiyoo dhalatte jaldeessa chimpaanziitti fakkeessuun haati fi abbaan of gidduutti harka qabatanii wayita deeman: ''Daa'imni maatii moototaa hospitaalaa ba'e,'' jechuun barreesse.

Gaazexeessaa Danny Baker maatii moototaatti qoosuu isaatiin himatame.

''Ammaan tana sagantaa @bbc5live keessaa ari'ameera," jedhe Baker.

Dubbi Himaan BBC: ''kun murtee dogoggoraa duudhaa nuti akka dhaabbataatti qabnu faallessuudha. Daaniin nama jabaa ture garuu kana booda hojii kanarratti hin hirmaatu'' jedhan.

Harii fi Megaan Roobii kaleessaa daa'ima dhiyoo godhataniif maqaa Archie Harrison Mountbatten-Windsor jechuun baasan.

Suuraa daa'ima maatii moototaa jaldeessa Chimpaanzii fakkeessee twiitara isaarratti erga gadi dhiisee booda dhiifama gaafateera Baker.

Namni umurii waggaa 61 kun hordoftoota twiitara isaa miiliyoona walakkaadhaan ergaa kana ga'eera.