Daa'ima warra mootii: Meghaan ilma da'uu abbaan manaa ishee, Hariin beeksise

Hariifi Meghaan

Madda suuraa, Reuters

Maatiin sanyii moototaa UK waggaa darbe butoo ijaarratan, Meghaaniifi Hariin ilma argatan.

Hariifi Meghaan dhala argachuu isaaniitiinis maatii moototaatti ilmi dabalameeraaf.

Inniifi haati warraa isaa Meghaan mucaa ilmaa argachuu isaaniitti "guddaa gammaduu" isaaniis Hariin himeera.

Deggersa uummanni yeroo haati warraa isaa ulfa turtetti namoonni taasisaaa turaniifis galata dhiyeesseera.

Megaaniifi daa'imni "haala gaariirra" jiru jechuun maqaa dhalataa kanaaf moggaasan ammallee itti yaadaa akka jiran himaniiru.

Masaraan Mootummaa Buckingham akka beeksisetti daa'imni dhalate kun kiiloo giraama 3.2 ulfaata.

Itti dabaluunis: "Giiftittiin, Ilmi Mootii Edinburgh, kan Wales, haati warraa ilma mootii Cornwall, ilmiifi haati warraa ilma mootii kan Cambridge, Aadde Jane Fellowes, Aadde Sarah McCorquodale, akkasumas Earl Spencer oduun ilma argachuu maatii moototaa kun kan isaan ga'eef hedduu akka gammadan ibsameera.

Ilmi dhalate kun maatii moototaa kanaaf jilba torbeffaadha.

Erga haati warraa isaa deessee Hariin akka dubbatetti, daa'imni kun "yeroon itti dhalachuu qabu xiqqoo irra darbeera" dubbatee namni hunduu ilma isaanii akka arguuf guyyaa lamaan booda beeksisuuf akka jiran himeera.

"Mudannoo addaafi ajaa'ibaa ani yaaduun alidha," jedhe.

Hariifi Meghaan eessaa garamitti?

Hariifi Meghaan

Madda suuraa, Reuters

Sadaasa 8, 2016 - Masaraan Mootummaa Kensington ibsa akka Ilmi Mootii Hariin Meghaan Markel waliin jaalala hiriyyummaan "ji'oota muraasaaf" waliin jiran mirkaneeffatee pireesiin mirga icciitii dhuunfaa isaanii akka eeganiif gaafateera.

Sadaasa 28, 2017 - Hariifi Megaan wal fuudhuudhaaf akka wal kaadhimmatan beeksisan.

Mudde 15, 2017 - Masaraan Mootummaa Kensington jarri lamaan Caamsaa 19 akka Windsor tti cidha akka qopheeffachuu filatan mirkaneeffate.

Caamsaa 19, 2018 - Hariifi Meghaan bakka keessummoonni 600 irratti argamani waldaa St George's Chapel and become the Duke keessatti gaa'ela isaanii raawwachuun ilma sanyii mootiifi haadha warraa sanyii mootii ta'an.

Onkoloolessa 15, 2018 - Masaraa Mootummaa Kensington haati warraa ilma sanyii mootii kun akka ulfa taate beeksisuun Arfaasaa 2019 keessa akka deessu beeksise.

Caamsaa 6, 2019 - Meghaan ilma deessee, ilmi ishee kunis sanyii moototaa keessaa jilba toorbeffaa ta'a.