Cidha Ambanii-Piraamaal: Cidha keessummoota heddu hawwate irratti Biyoonseen sirbite

Sirbituu US Biyoonsee

Madda suuraa, Instagram/Beyonce

Ibsa waa'ee suuraa, Sirbituu US Biyoonsee

Cidha namoota beekamoofi dureeyyii Indiyaa baayyee guddaa, baasiin akka malee irratti ba'eera jedhame kana irratti sirbituun beekamtuun Biyoonseen sirbiteetti.

Intala nama Indiyaatti soorumaan tokkoffaa ta'ee, Ishaa Ambaanii, ilma nama dureessa Indiyaa ta'e biraa waliin gaa'ela dhabbata ture torban darbe keessa.

Biyoonseenis namoota bebbeekamoo kan akka namoota Booliiwuud keessatti fiilmii hojjechuun tujaara ta'aniifi Hilaarii Kilinteen dabalatee cidha kana irrati hafeeraman keessaa ishee tokko turte.

Cidhi Biyoonseen irratti argamtee sirbite kun tibbuma cidhawwan hedduu sooreyyiin biyya Indiyaa gaggeeffataa jiranitti ta'uun isaa dorgommiin cidha kana bareechuuf adda gochuu mul'ateera.

Sababii dorgommii cidha kanaan baasiin akka malees baheera jedhan.

Cidhi kun Roobii darbe kan raawwatame ta'us garuu ayyaanni cidha kanaa sirbuufi nyaatanii dhuguun garuu hanga dhum-torbee kanaatti itti fufeera.

Cidhi kun cidha biyya Indiyaa keessatti kan sooressaafi guddina, baasiif namoota bebbeekamoo addunyaa kanaa hafeeruudhaan isa tokkoffaadha jedhameera.

Akka miidiyaaleen gabaasanitti, cidha kanaaf jecha keessummoota dhufan keessaa xiyyaarri namoota dhuunfaa 100 ta'u dhufeera. Kan xiyyaara geejjibaa kan walootiin gara cidhichaa deemaniin alatti jechuudha.

Cidha kana irratti Biyoonseen hangamti kaffalameef akka sirbite garuu ifa hin baane. Ta'us kaffaltaan maatii qabeenyi daangaa darbe kanaaf kaffaltiin dhimma yaaddoo miti. Mukeesh Ambaanii, hoji gaggeessaa Reliance Industries, kan ta'an qabeenya dhuunfaa isaanii dolaara Biliyoona 47 qabu.