Kaambodiyaan ilkaan arbaa Afrikaa hedduu to'annaa jala olchite

Madda suuraa, Getty Images
Kaambodiyaan ilkaan arbaa Afrikaa Kg 3000 ol konteenara Mozaambiik irraa ka'e keessatti dhoksame ture to'annoo jala olchuu isaanii qondaaltonni mootummaa dubbatan.
Buufata dooni of danda'aa 'Phnom Penh' jedhamutti ilkaan arbaa 1,026 Kamisa kan qabame odeeffannoo imbaasii US irraa keennameen booda.
Koonteenarri kun biyyiitti kan gale waggaa darbe ta'us namni ergameef buufata galanaa kana biraa hin fudhanne.
Fedhiin Chaayinaa fi Veetnam bira jiru dabaluun isaa, daldala seeraan alaa biineensota dagallaaf Kaambodiyaan buufata daddabarsaa ciimtu taasiseera.
Dareektarri Waajjirra Qaraxaa buufata dooniichaa Sun Chhay akka AFP'tti dubbbatanitti, "Ilkaan arbaa kun koontenara irraanfatame kana keessa albuuda maarbil waliin makamee dhukate ture."
Sun Chhay koonteenarri kun biyyootii biraatti ergamuuf yaadamee kan ture ta'uufi dhiisuu akka hin beekne dubbateera.
Waggooti shanan darbe keessaatti Kaamboodiyaan daldala seeraan alaa ilkaan arbaa gurguddoo to'annoo jala olchiteetti.
Adoolessa 2017 keessa, Hoong Koong kuusama ilkaan arbaaa seeraan alaa isa guddaa Kg 7200 to'annoo jala olchuushee aangaa'onni dubbataniiru.
Waggaa waggaatti adaamsitootan arbooti Afrikaa 30,000 akka ajjeefaman kanneen biineensota daggaalaaf falman ni amanu.
Daldallii ilkaan arbaa idil addunyaa kan dhorkame bara 1990tti.













