O Locate: Dargaggoo applikeeshinii iddoofi kallattii hawwata tuuristii Oromiyaa agarsiisu tolche

Madda suuraa, Daraaraa Taaffasa
Daraaraa Taaffasa Ayyaanaa nama ganna 29 yoo tahu, Itiyoo Telekoom keessa tajaajila maamilootaa irraa hojjeta.
Aappii ‘O Locate’ jedhamu kan iddoowwan haawwati tuurizimii Oromiyaa keessa jiran kallattii fi maqaa isaanii wajjin agarsiisu tolchee dhiyeenya kana gadhiiseera.
Akkasumas aappii kana fayyadamuudhaan iddoowwan magaalaa Finfinnee keessa jiran salphaatti argachuun ni danda’amas jechuun BBCtti himeera Daraaaraan.
Daraaraan hojiin isaa idilee hojii aappii kanaa waliin wal-qabatu ta'uu baatus muuxannoo ogummaa ICT gatii qabuuf fedhii fi kaka’umsa ofiisaatiin ‘O Locate’ akka tolche dubbata.
‘’Finfinneen magaalaa guddoo gatii taateef iddoo argachuun rakkisaa dha. Aniyyuu yeroo baayyee taaksii irraa iddoon itti bu’u wallaalee darbee bu’ee miilaan deemee beeka.
Barattoota taanee yeroo hojii barbaadaa turre, iyyata hojii galchuuf bakka waajirri jiru argachuu rakkanna turre.
Namni kaanis mudannoo akkasii baayyee ni qabaata, keessumaa ijoolleen naannoorraa hojii barbaacha faa dhufan,’’ jedha.
Hojii kana yeroo jalqabu akka ‘qajeelfama iddoowwan magaalaatti’ eegalus boodarra, ’’Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa waliin tahuun hojjechuu yaadne,’’ jedha ogeessi kun.
‘’Bakkeewwan hawwata tuuristii tahan hunda aappiicharra galchee Oromiyaa mara beeksisuu barbaade.
Daawwattoonni yeroo imalan namni itti agarsiisuu otoo hin taane, appii kana buufatanii kiloomeetira meeqa akka irraa fagaatee jiru baranii deemuu danda’u,’’ jedha.
Akkasumas daawwattoota qofa osoo hin taane hawaasni biraallee iddoo deemuu barbaade tokko ‘the nearest ‘ kan dhihoo isaatti argamu appicharraa barbaadee argachuu danda’a jedha.
‘O Locate’ baakkeewwan hawwata tuuristii, hoteelota, mana daldalaa gosa hundaa, dhaabbile tajaajila garaagaraa keennaniifi waajiraalee mootummaallee of keessatti hammateera.
Dabalataan odeeffaannoo sagantaalee (events) naannoo dhiyeenyatti adeemsifamuuf jiran jala jalaan galchamaa adeemu gatii taheef namoonni irraa odeeffannoo argachuu danda’u jedha Daraaraan.

Madda suuraa, Daraaraa Taaffasa
Haala kanaan, ‘’fakkeenyaaf namni tokko dhaabbilee Oromoo dhiyoosaa jiran ijaa arguuf, achi dhaqee fayyadamuu danda’a,’’ jedha.
‘’Yoo fayyadamtoonni ‘location access’ bilbila isaaniirra jiru akka fayyadamu eeyyamaniif, appichi iddoo deemuu fedhaniifi daandii/sarara galma isaanillee itti agarsiisa,’’ jechuun ibsa dargaggoon kuni.
Appii kana yeroo itti aanu fooyyessaa yoo deemu Afaan Oromoo dabalatee, Afaanota Amaaraa, Tigree, Somaaleedhaan akka hojjetuuf kanneen afaanicha beekan waliin hojjechaa jiraachuu himeera.
Daraaraan hojiin appii kanaa ammallee hojiin odeeffannoo gahaa tahe kanneen akka suuraa iddoowwanii fi argama ji’oogiraafii fa’i galchuun iddoon hundi salphaatti argamu gochuuf hojiin hafu akka jiru dubbachuun yeroo yerootti foyya’aa adeemas jedheera.
‘’Kuni jalqabaafi uummata waliin wal baruuf gatii taheef iddoowwan muraasatu galee jira, iddooleen appicharra jiran garuu guutummaatti iddoo sirrii nama geessu,’’ jedha.
Hojii kana hamma yoonaa ‘qofaan’ hojjetaa ture, kana booda garuu Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaallee eeyyama koo argatee odeeffannoo barbaachisu yeroo yerootti akka itti dabalu gochaan jira jedheera.
Appiin kuni yeroodhaaf ‘Play Store’ irra waan jiruuf namoonni bilbila andirooyidii kanneen akka Saamsangiifaa qaban buufatanii fayyadamuu danda’u. Yeroo dhiyootti kanneen iOS (bilbila iPhone) fayyadamaniifillee na dhiyeessa jechuun BBCtti himeera.
‘’Appichi erga gadhiifame reefu torbee tokko tahus al kuma tokkoo ol buufameera, namnis jaalateera,’’ jedha.
Akka Daraaraan jedhutti appii isaa namoonni daataa bilbilaa fayyadaman akka salphaatti fayyadamuu danda’an, yeroo yerootti hojjechuu akka hin dhaabneefi ijaafis hawwataa akka tahuttin qopheesse.
Namootarraas yaada gaarii argachaa akka jiru hima: ’’appiin haaraa bahu dafee sirriitti hin hojjetu, kan kee gaarii hojjechaa jira,’’ akka jedhaniinis hima.
Kana boodas namoonni Oromiyaa guutuu keessatti salphaatti akka socho’an gochuuf hojiisaa guddisuu akka fedhii qabu dubbata.
Akkasumas, ’’diinagdeen Oromoo akka guddatu ijaan barbaaduuf dhaabbileen daldalaa kan Oromoo tahan akka salphaatti argamaniifi fayyadaman gochuun fedha,’’ kan jedhu Daraaraan, dhaaboti akka biyyaatti hojjetaniis akkasuma odeeffannoowwan hojii isaa keessatti galchee akka faayidaarra oolchaa jiru dubbateera.


















