Hundeessituun Theranos, Elizaabeet 'sobaafi hannaan' ittiin himatamte waakkatte

Madda suuraa, Getty Images
Hundeessituun dhaabbata Theranos Elizaabeet Holmis maallaqaa argachuufi maqaa ergachuuf jecha "namoota sobdeetti, sossobuunis hatteetti" jechuun abbootiin alangaa himatan.
Elizaabeet tekinooloojii qorannoo wallaansa fayyaa keessatti warraaqsa gudaa fida jedhamee ture Theranos yeroo hundeessitu abbootii qabeenyaa hedduu amansiisuun maallaqa guddaan akka irratti invasti godhan amansiistee ture.
Boodarra garuu tekinooloojiin kun jijjirama fida jedhamee abdatame kan fiduu hin dandeenyeefi kan sobaa ta'uun isaa bira gahame.
Aadde Elizaabeet Holmis dhaabbata tekinooloojii dhiiga qorata jedhame kana akka hin hojjenne osoo beektuu sobaan maallaqa hanga dolaara Biliyoona 9 ittiin walitti qabdeef yakkawwan waliin dha'uu 12 ta'uun himatamteetti.
Theranos coba dhiigaa fiixee quba namaarraa fudhachuun qofa fudhachuun dhukkuboota beekamoo qorachuu ni danda'a jechuun inesterootaafi dhukkubsattoota sossobuun himatamte.
Abokaatowwan ishee ammoo dubartiin kun haadha qabeenyaa ogummaa hin qabne dhaabbanni ishee milkaa'uu habee jalaa kufedha jedhan.
"Milkaa'uu dhabuun ammoo yakka miti. Hanga dandeessa yaaltee garuu siif hin milkaa'iin hafuun isaa yakka miti," jedhe abokaatoowwan ishee keessaa tokko kan ta'e Lance Wade.
Adeemsa mana murii Saan Joozee, Kaalifoorinyaatti gaggeeffamu namoonni hedduun itti dhiyeenyaan hordofaa jiran kana irratti Aadde Elizaabeet Holmis mana murtiirratti dhiyaachuun himannaa isheerratti dhiyaate mara haalteetti.
Himannaa isheerratti baname kanaan yakkamtuu osoo taatee garuu adabbii waggaa 20 ta'utu ishee eeggata.
Hoji-gaggeessaan duraanii Theranos kan tureefi Aadde Elizaabeet Holmis waliin ammoo waggoota afuriif jalallee kan ture Aab Raamesh "Sunny" Baalwanii, himannaa walfakkaatu isheerratti hiyatetu isa eeggata. Inni garuu aatti bara dhufu himatamuuf kan jiru yoo ta'u, yakka kana akka hin raawwatiin himeera.
'Maqaa ergachuufi jajamuu'
Aadde Elizaabeet Holmis bara 2003 keessa yeroo Theranos hundeessitu umuriin ishee waggaa 19 ture. Yeroo sanattis adunyarratti shamarree umuriin xiqqoo dhamaatii ofiisheetiin biliyeenera taate.
Barruun Forbes dhaadessuu hordofee barruun daldalaan biroo Inc jedhamus "Steve Jobs itti aantu" jechuun fuula isaa duraarratti baase. Steve Jobs kaampanii kompiyutaraafi sooftiweerii Ameerikaa keessatti beekamaa tahe Apple nama hundeessedha.
Barnoota Yunvarsiitii Istaanford keessaa kan kutte dubartiin kun, kaampaanii qabeenyi isaa dolaara biliyoona 9 ta'u hundeessite. Kaampanii isheen hudeessite kunis dhukkuba qorachuu keessatti warraaqsa jabaa fida jedhamee ture.
Coba dhiigaa xiqqoo fudhachuudhaan qofa osoo lilmee namatti diruu hin rakkatiin, yeroo gabaabaa keessatti haala fayyaa dhibee akka kaansariifi sukkaaraa qorachuuf gargaara jedhamee abdatamee ture.
Maqaan meeshaa qorannoo fayyaa Elzaabeet Homis kun Theranos jedhama. Edison ammoo qe'ee ykn magaalaa qorannoon tekinoooloojii Elzaabeet itti gaggeeffamudha.
Tekinooloojii fayyaa maqaan dubartii kanaa waliin ka'u irratti namoonni gurgoddoo Henerii Kisiiner irraa kaasee hanga Ruupert Murdok invast irratti godhaniiru.
Haata'u malee, bara 2015 keessa pirojektiin ishee kun walqabachuurra jalaa diigame.
Yeroo sanatti ture waan Aadde Elzaabeet Holmis hojjechaa turte kan sobaa ta'uun isaa kan saaxilame.
Elizaabeet Holmis fi hojjetoonni dhaabbatashee waa'ee qorannoo fayyaa dhaabbanni kun gaggeessuu sobuufi kan inni hojjechuu hin dandeenye ni hojjeta jechuun bara 2010 fi 2015 keessa dolaara miliyoona heduu arganiiru.
Kun ammoo tekinooloojiin kun dhaabbata Faarmaasii guddichi Pfizer jedhamuun, akkasumas loltoota USn lafarratti ilaalamee bu'a qabeessummaan isaa milkaa'era jechuun soban.













