Namicha waggoota 30f poolisiin utuma barbaadamuu fiilmiiwwan 28 keessatti taatoo ta'ee hojjete

Namni kun lammii Indiyaati. Poolisiidhaan waggoota 30f baayyee barbaadamaa ture. Utuma barbaadamuu ammoo fiilmiiwwan 28 keessatti taatoo ta'ee hojjete.
Namichi kun seenaan isaas fiilmii fakkaata malee waan dhugaa ta'es namatti hin fakkaatu.
Osoo ajajni akka qabamee hidhamu irratti bahee barbaadamuu fiilmiiwwan 28 keessatti hojjte.
Fiilmii keessatti akka poolisiitti ta'eeyyu ture kan hojjeteera.
Hoom Piraakaash ykn Paashaa Kaaluu kutaa bulchiinsa Indiyaa Piraadeesh jedhamtu keessatti gurra guddaa qaba. Bakka jiraatu keessatti namoonni hunduu isa beeku.
Kutaa bulchiinsa Indiyaa gama Kaabaan jirtu Hariiyaanaa jedhamtu keessatti garuu seenaa biraa qaba namni kun.
Poolisiin maqaa isaa "yakkamtoota baayyee barbaadaman" keessatti tarreeffatee adamsaa tureera.
Duraan miseensa loltuu Indiyaa kan ture Piraakaash, waggoota 30 darban keessa yakka saamichaafi ajjeechaa waliin walqabatee hedduuf barbaadama.
Namni kun garuu bilisaan kutaa bulchiinsa Piraadesh keessa jiraata.
Jireenya haaraas achitti tolfateera. Sanadawwan haaraa biroo baafachuudhaan dubartii naannawaa sanaa ammoo fuudhee ijoollee sadii dhalchee nagaan jiraataa jira. Dhuma torban kanaa garuu aduun itti dhiite.
Poolisiin maanguddoo umuriin isaa gannaa 65 ta'e kana mana jireenyaa isaa Gaaaziyaabaad jedhamu keessaa to'annoo jala oolcheera.
Hoom Piraakaash hanga gaafa hidhamuutti waan hedduu godheera.
Shufeera konkolaataa guddaa ta'ee hojjeteera. Gandoota naannawaa isaatti dhiyoo jiran deemuudhaan faarfannaa amantaatiin guyyoota ayyaana waggaarra tajaajileera.
Waan hunda caalaa kan nama ajaa'ibu ammoo poolisiidhaan namni baayyee barbaadamu Piraakaash fiilmiiwwan 28 keessatti taatoo ta'ee taphachuu isaati.
Hoom Piraakaash yeroo ammaa mana hidhaa waan jiruuf yaada isaa kana keessatti dabaluu hin danda'amne.
Poolisiin nama kana to'annoo jala oolche Inispeektar Viivik Kuumar ajjeechaa bara 1992 tti raawwate keessaa harka qaba jechuun BBC tti hime.
Hoom Piraakaash erga hidhamee guyya lama booda yaada maatii isaa argachuuf BBC'n gara mana maatii isaa deeme.
Haati manaa isaa wagga 25 wajjin turan Raajkumaari fi ijoollee isaanii sadi keessaa lama mana turan.
Raajkumarin mana siree isaanii seentee hafata jalaa gaazexaa afaan Hunduutin barreeffame fiddee dhufte. Waan ta'e ammayyii hin amanne. Gaazexicha irratti yakki abbaa manaa ishee hojjate jedhame tarreeffamee jira. Waanta ta'e amanuu akka dadhabde dubbatti.
"Bara 1997 tti gaa'ela dhaabbanne. Dursee fuudhee akka turee fi magaala Hariyaanatii maatii akka qabu osoon hin beekinan itti heerume," jechuun abban manaa ishee akka ishee akka yakka irratti hojjate dubbatti Raajkumaarin.

Hoom Piraakash eenyudha? Himanni irratti dhihaate hoo maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Piraakash akka beeku kan dubbatu jiraatan manadara Naayiraana kan ta'e Kumaar, "Hoom Piraakash buufata rediyoo waraana keessatti waggoota 12 konkolaachisaa konkolaataa fe'iisaa ta'e tajaajileera.Waggoota afuriif hojiirraa waan badeef bara 1988 tti hojiirraa hari'atame" jedha.
Hoom Piraakash yakka ajjeechaa ittiin shakkameen alatti yakkawwan heddu irratti hirmaachuu isaa Kumaar ni yaadata.
Bara 1986 tti konkolaataa hate; itti aansun doqdoqqee hate. Maashina hodhaa huccuu fi biskileetii akka hates ni hima Kumaar. Yakkoonni kun yeroo garaa garaatti raawwataman.
Piraakash to’annoo poolisii jala galee yeroon inni itti mirga wabiitinis bahe ni jiran jedha.
Bara 1992 tti namichi biskileetiin deemu tokko hiriyaa isaa wajjin hatuuf akka yaalanis ni hima Kumaar.
“Namichi ni dide. Sana booda billaadhan waraanan. Uummanni naannichaa birmannaan dhiisanii baqatan,” jechuun yaadata.
Hiriyaan isaa Niidaa Kumaar qabamee waggaa saddeet itti murtaa’e. Hoom Piraakash garuu hin argamne.
Piraakash erga to’annoo jala oolee booda, yakka ajjeechaa ittin himatame sun erga raawwatee waggaa tokkoof kibba Taamil Naadu fi bulchiinsa Andiraa Piraadeshitti akka dabarse poolisiitti hime.
Waggaa tokko booda gara kaaba Hindiitti qajeelun iddoo jireenya isaa godhachuun konkolataa fe’iisaa konkolaachisuu eegale
Bara 1997 tti haadha manaa isaa ammaa Raajkumarii fuudhe; bara 1990 oota keessa mana fiilmiwwaan itti gurguru fi kireessu banatee hojjachuu eegale. Namoonni naannoo sanaa Baajiraang Baalii ykn Baajiraangii jedhanii isa waamuu eegalan.
Akka poolisii, ajajaa fi konistabiliitti fiilmiwwan irratti hirmaatee hojjateera. Fiilmiwwan inni taato ta’ee irratti hirmaate keessaa tokko Yutuubii irratti si’a miliyeena 7.6 ilaalameera.

Seenaa Raajkumaarii
Maatin haadha manaa Hoom Piraakash waa'ee yakka inni hojjatee waan beekan akka hin qabne poolisiitti himaniiru.
Erga gaa'ela godhataniin booda waan ta'e wayii akka ishee dhokse akka shakkaa turte haati manaa isaa Raajkumaarin ni dubbatti.
Gara mandara Naaraayinaa ishee geessee obboleessa fi maatii isaa wajjin akka wal ishee qunnamsiisera.
Waggoota muraasa booda "haati manaa isaa durii dhuftee jeequmsa uumte. Sana booda akka inni fuudhee turen bare," jetti.
"Anii fi ollaan keenya akka inni mucaa tokkoo fi gaa'ela biraa qabu barre" jetti.
Yeroo baay'ee manatti hin galu. Konkolaachisaa waan ta'eef yeroo tokko tokko turuu isaa irraa kan ka'e waan deebi'ee hin dhufne fa'aa itti fakkaata.
Gaa'illi isaanii gidduu qilleensi gale. Yeroodhaa gara yerotti walii galuu dadhaban. Bara 2007 tti deebi'ee bade.
"Baay'ee abdii waanan kutadheef keessa kootin isa baase. Bulchiinsa naannoo keenya jiru deemen gaa'ela keenya akkan diige beeksise," jetti Raajkumaarin. "Deebi'ee gaafa dhufu, namni maqaa nutti baasa waan ta'eef, abbaa keenyas waan ta'eef nu gaddisiisee nyaata kenninaaf," jetti intalli isaanii ganna 14.

Akkamitti qabame?
Piraakaash yeroo garaa garaatti to'annaa poolisii jala oolus odeeffannoon poolisii dijitaala waan hin taanef, yakki inni bakka biraatti hojjate bakka kan biraatti irratti hin beekamu.
Waajjiraalee poolisii bulchiinsa garaa garaa keessa jiran gidduu odeeffannoo wal jijjiirun dhabamuu irraa kan ka'e yakkamaa barbaadamu ta'uu isaa osoo hin baramin yeroo dheeraa fudhate. Bara 2020 tti koreen dhimma yakka kanneen akka baala sammuu namaa hadoochu, shororkeessummaa fa'aa qoratu hundaa'e. Faayilli Hoom Piraakash bifa haaraa ta'een akka ilaalamu ta'e.
Gareen yakka qoratu kun, tarree namoota yakka guddaa hojjachuun shakkamanii barbaadamanii keessa isa galche.
Gareen kun ji'a lama dura mandara Naarayinaa daawwachuun namoota umurii 50 fi 60 keessa jiran waa'ee nama Hoom piraakash gaafatan. Waa'ee isaa odeeffannoo jalqabaa argatan.
Lammaffaa gaafa deebi'an bilbila maqaa Hoom Piraakashin galmaa'e argatan. Poolisiin torban tokkoof qorannoo naannichatti gaggeessen mana isaa adda baafachuu danda'e.
Nama isaan barbaadan ta'uu adda baafachuuf iciiitii guddaan akka hojjatan dubbata poolisoota keessaa tokko.
Barbaacha waggaa 30 booda ajjeechaa fi yakkoota garaa garaan shakkamee Hoom Piraakash to'annoo jala oole.












