Namichi baankii saamuun waggoota dheeraaf barbaadamaa ture erga du'ee booda barame

Madda suuraa, US Marshals Service
Saamichawwan baankii Ameerikaa isa guddaa jedhame keessa tokko keessatti hirmaachuun namichi waggaa 52'f barbaadamaaa ture, du'uunsaa adda bahuu qondaaltoonni seera raawwachiisan beekiisan.
Ted Konraad, Baankii Biyyaaleessaa kan Ohio Kiliivlaand keessaa wayita hojjachaa ture kan Adooleessaa bara 1969 keessaa saamicha jedhamee raawwate..
Innis doolara 215,000 ykn yeroo ammaatti doolara miiliyoona 1.7 ta’u fudhachuun bakka buteensaa dhabame.
Tajaajila Maarshaal US irraa qorattoonni poolisii, saamicha kana gaggeessuun booda jireenya callisaa akka jiraataa ture himu.
Koonaard, kan Caamsaaa keessa dhibee kaansariitiin lubbuun isaa darbe, yeroo samicha sana gaggeesseetti dargaggeessa umurii 20 ture.
Hanqina of degannaa eeguumsa baankichi ture fayyadamuun, galgala guyyaa Jimaata tokko yoo hojiin xumuramee baankiichi cufamaa turetti maallaqa korojootti guutattee ba’e.
Guyyaa lamaan booda yeroo hojjataan baankiichaa biraa maallaqichi hatamuun isaa bareetti, Koondaar badee ture.
Gara jaarraa walakkaa oliif barbaadamaa kan ture Koonraad, waa’een isaa sagantaalee TV akka America's Most Wanted fi Unsolved Mysteries jedhaman irratti gabaafamaa tureera.
Akka Taajaajilli Maarshaal jedhutti, Koonraad kaarorraa baankicha saamuuf qabuu fi akkam saamuun akka salphaa ta’u hiriyyoota isaatti himaa ture.
Yeroo sanatti Fiilmii seenaa saamichaa, ‘The Thomas Crown Affair’ jedhamu akka jaallatu tureefi, yeroo saamicha kanaaf qophaa’utti irra daddabeen akka ilaale ni himama.
Sana booda, Konraad maqaa isaa Toomaas Raandeelitti jijjiiruun gara Waashingitan DC fi Loos Anjelesitti baqatee, dhumarratti bakka yakkicha raawwate irraa gara km1000 fagaatee Boostan keessa jiraachuu eegale.
Qorattoonni akka jedhanitti, jireenya salphaa fi shakkii hin qabne jiraachaa ture, gaazexaan New York Times ammo waggooti 40 darbaniif akka taphataa goolfii fi daldalaa konkolaataa moofatti hojjachaa akka ture gabaaseera.
Dhimmi isaa waggoota hedduuf dagatamee erga turee booda, yemmuu oduun du’a isaa gaazexaa irratti maxxanfameetti, qorattoonni raga inni bara 19689 keessa galche kan inni dhiyoo galchee waliin akka wal fakkaatu barani. Ragaalee kunneen keessa tokko dhimmaa kasaaruu Raandeel mana murtiitti bara 2014’tti ilaalamaa turedha.
Maarshaal Piitar Eeliyoot, dhimma kana irratti qorataa isa dursaa tokko ture. Dhimicha abbaa isaa kan saamicha kana furuuf hojachaa ture irraa dhaale.
“Abbaankoo, hanga du’asaa bara 2020tti Koonraadiin barbaadu fi deebii argachuuf yaalu hin dhaabne ture,” jedha Eeliyoot.
“Abbaankoo gaffiin waggootii dheeraaf ture akka furamee fi tajaajilli isaa Marshaalii US keessatti taasise deebii akka argate beekee, caalatti ni boqota jedheen abdadha.”












