Hidhaa waggaa 100, 200,... adabbiin tokko tokko maaliif akkas dheerata?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Eliyaas Mulugeetaa Hordofaatiin
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Oduu ''hidhaa waggaa 200 sitti mureera!'' jechuun abbaan seeeraa tokko yakkamaa tokkorratti muran ergan dhagahee booda, ''namni akkamiin ganna 200 jiraata?'' jedhee gaafachuun koo hin oolle.
Oduulee akkasii irra deddeebiin dhageenya - jalqaba ji'a Guraandhalaa keessa Ameerikaatti namtichi Jose Olivarez Fernandez jedhamu hidhaa ganna 200 itti muran.
Namni ganna 58 kun daa'ima umuriinshee jahaa turte, haga umuriinshee sagal ta'utti miidhaa saal-qunnamtii irraan gaheef kana itti muran.
Adabbii kanaan egaa, namni kun gaafa hidhaasaa obbaasu umuriinsaa waggaa 258 gaha jechaadha.
Haatahu malee, hangan ani quba qabutti yeroo ammaa addunyaa kanarra namni umurii haganaa qabu hin jiru. Yoo baay'atee jedhe 110 fi 120 yoo jiraannedha.
Kanaaf maaliif nama balleessaan irratti argamerratti hidhaa waggaa dhibbaan lakkaa'amu yookiis kuma fa'itti lakka'amu itti muru? Hidhaa umurii guutuu oliyyannoo hin qabne jechuun itti muruun hin gahuu?
Gaaffilee kanneeniif akkuma keessan anis deebii barbaacha qorannoo yeroo gabaabaaf godheen, akkasumas gaaffii fi deebii ogeessa seeraa wajjin godheen waan armaan gadi argadhe.

Seeroonni adabbii akkuma biyyoota addunyaatti garaagarummaa qaba. Kaan adabbii du'aa dabarsu, kaan hidhaa guutuu muru - haalaan gargari.
Dhimma hidhaa umurii dheeraatti wayita deebinu, oduuwwan akkasii irra deddeebiin kan dhageenyu biyya Ameerikaa irraatti.
Biyya kanatti yakkootni garagaraa nama tokkoon raawwataman xiyyeeffannoo akka argatuuf jecha hidhaa ganna hedduu dabarsu.
Kun maal jechuudha? Hima salphaa taheen sinitti himuuf - namni balleessaan irratti argame kun yakkoota garagaraa raawwateef, tokkoon tokkoon yakka raawwateef adabbii kopha kophaa irratti muruu jechaadha.
Ammallee ifa hin taanee? Fakkeenyaan haa ilaallu mee:
Namicha yakka miidhaa saal-qunnamtii daa'imaan balleessaan irratti argame jalqaba odeessa kanarratti kaase haa fudhannu.
Namni kun daa'ima ganna jahaa taate, hanga umuriinshee ganna sagal gahutti, miidhaa saal-qunnamtii irra deddeebiin irratti raawwate. Yakkootni garagaraa itti himatames lakkoofsaan 19.
Kanaafuu namni kun himatoota 19 kanneeniin yakkamaa tahee argamuu isaatti, kopha kophaan irratti murame. Yakkootni kun oggaa walitti dabalamanii ida'aman waggaa 200 tahu jechaadha.
Yeroo hedduu himatamaan adabbiin hidhaa itti murtaa'e, balleessaa dalage hunda yeroo walfakkaataatti fudhata.
Fakkeenyaaf namni himatoota garagaraa shaniin hidhaan waggaa 20 irratti murameera taanaan, bakkuma tokkotti ganna 20 adabama, waggaa 100 otoo hin taane.
''Murteen namni tokko mana hidhaa keessatti hangam dabarsuu akka qabu murteessuuf callaa hin dabru. Mallattoodha,'' jedhu Yunivarsiitii Kaaliforniyaatti piroofeesara seeraa ka tahan Franklin Zimring.
Ogeessa seeraa kan tahe Adii Dhaqqaboo akka jedhutti, biyyoonni murtee akkanaa dabarsan kanneen daangaa adabbii olaanaa hin qabnedha.
''Daangaan adabbii olaanaa waan hin kaa'amneef, namoonni umurii jiraachuu danda'aniin olitti itti murama,'' jechuun fakkeenya kan tahu jechuunis kan armaan gadii kaasa.
Bara 2004 haleellaa boombii Ispeenitti raawwatamee lubbuu namootaa 191 dabarse kanneen duuba jiran, hidhaan waggaa 43,000 gahu irratti murameera jedha.
Biyyootni kaan garuu murtee hidhaa gabaabaa tahe qabu. Fakkeenyaaf Norweeyitti namtichi namoota 77 ajjeese Anders Breivik jedhamu, hidhaa waggaa 21 qofaan adabame.
Seerri Itoophiyaa hoo maal jedha?
Adii Dhaqqaboo akka jedhutti seera biyya Itoophiyaatiin ''adabbiin hidhaa inni olaanaa waggaa 25,'' jechuun namni tokko ganna 25 ol adabamuu hin danda'u jedha.
Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessatti namni tokko yakkoota garagaraa jahaan shakkamee balleessaan irratti argameera taanaan, yakkoota balleesse tokkoon tokkoon ida'amanii adabama jedha Adiin.
Tahus garuu ida'amni yakkoota kanaa waggaa 25 kan hincaalle yoo tahedha jechuun, adabbiin yakkootaa gara garaa walitti ida'amee ganna afurtamas, jahaatamas gahu, namni sun kan adabamu hidhaa waggaa 25tin jedha ogeessi seeraa kun.
''Biyyoota kaanitti garuu ida'amni yakkootaa hangamiyyuu haa tahu, akka raawwatu irratti muramuu danda'a,'' jedha.
''Sababni lakkoofsi haganaa itti muramu biraas, namni yakka raawwate sun dhiifamaan mana hidhaa keessaa bahee uummatatti akka hin makamne gochuufi" jedha.

Ammahoo, hubattanii? - amma booda yoo oduuwwan namni tokko hidhaa waggaa haganaan adabame jedhu dhageessan haaraya isinitti hin tahu jechaadha.
Horaa bulaa!













