Namtichi dogoggoraan ganna 30 hidhame ammas yakka dirqiin gudeeduun himatame

Madda suuraa, Springfield Police Dept
Namtichi yakka gudeeddiin dogoggoraan hidhaa waggaa 30 erga dabarsee bahee booda, bara kana immoo dubartii irratti haleellaa saalaa raawwachuun himatameera.
Joorji Perroot nama ganna 50 yoo tahu dirqiin gudeeduufi himannaa birootiin mana murtiitti dhiyaachuuf akka tahe gaazexaan Republican gabaaseera.
Taatee Amajjii gaafa bultii 4 mudateen balleessaa akka hin taane falmateera.
Perroot dhimmi isaa gaafa Wiixtata dhadachatti hanga dhagahamu mirga wabii malee to'annaa jala tura.
Yakkaa gudeeddiin dogoggoraan hidhame jedhamee waggaa 30 booda bilisa bahee waggaa sadii booda dha, himannaan ammaa kuni kan irratti baname
Joorji Perroot bara 1985tti dargaggeessa waggaa 17 ta'ee manguddoo ganna 78 Meerii Pirreekoop jedhaman mana isaanii Maasaachuusettitti argamutti gudeeduun himatame.
Yeroos balleessaa dha jedhamuun hidhaa umrii guutuun irratti murtaa'ee, waggaa 30 erga dabarsee booda Manni murtii olaanaa ragaa dogoggoraan hidhame jechuun isa gadhiise.
Warri abbaa alangaa ragaa dogoggoraa FBI rifeensa qeenxee bakka yakkichi raawwatameetti argataniin Joorji irratti murtoon kan darbe.
Perroot hidhaa dogoggoraa waggaa 30 booda gadhiifamuunsaa miidiyaalee addunyaarraa xiyyeeffannaa argatee ture.
Himannaa haaraa
Himannaawwan haaraa immoo dirqiin gudeeduu dabalatee, namoota karaa ifaafi jibbiisiisaa taheen wal-quunnamtii saalaaf gaafachuu, tao'annoo jala ooluu diduu, haleellaa saalaafi poolisiitti dhukaasuufaa dha.
Perroot miila dubartii walakkaan ishee qullaa jirtu irra ciisee, lamaanuu of wallaalanii poolisiin akka isaan argate gaazeexichi gabaaseera.
Dubartiin poolisiin gaafatamte, isaa wajjin saal-quunnamtii raawwachuuf akka hin hayyamne dubbatteetti.
Otoo of hin wallaaliin dura daakuu funyaansheetti akka kenneef poolisiitti himteetti.













