Joon Geeddert: Leenjisaan duraanii Olompikii US erga haleellaa saalan himatamee du'ee argame

Joon Geddeert garee jiminaastikii dubartootaa bara 2012 leenjisaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joon Geddeert garee jiminaastikii dubartootaa bara 2012 leenjisaa ture

Leenjisaan duraanii garee jiminaastikii US haleellaa saalaa fi daddabarsa namaan himatame sa'aatiiwwan booda of ajjeesuu qondaalonni mootummaa himan.

Abbaan alangaa waliigalaa Michigaan Daanaa Nessel du'a Joon Gedeert kaleessa mirkaneessaniiru.

Ganama kaleessaa Obbo Nesel himata 24 Joon irratti baasuu himan. Gedeert bara 2012 leenjisaa garee jiminaastikii Ameerikaa tahuun Olompikii irratti dhiyaataniiru.

Gedeert hakiima garichaa Laarii Naasar atileetota hedduu irra miidhaa saalaa geesisaa ture waliin dhiyeenyaan hojjechaa turan.

Naasar bara 2018 keessa dubartoota 250 irra miidhaa saalaa geesisuun hidhaa waggaa 300'n adabame.

Joon Gedeert, nama ganna 63, Michigaan keessaa bakka leenjii jiminaastikii kan qabu yoo tahu Naasar ammoo hakiima tahuun achuma keessa tajaajilaa ture.

Kamisa sa'a booda dhiyaata jedhamee eegamus hin dhiyaatiin hafuu isaa abbaan alangaa waliigalaa himan.

" Waajjirri koo Joon Gedeert of ajjeesuun reeffi isaa'' jette Neeser. ''Kun xumura gaddisiisaa kan seenaa gaddisiisaa qaban hundaati.''

Himata Gedeert irratti dhiyaate maal beekna?

Aadde Neseer himatawwan 24 adda baasuun Gedeert irratti kan dhiyeessite yoo ibsitu ''miidhaa dubbii, qaamaa fi saalaa baay'ee shammarran irraan gahuun irratti xiyyeeffata.''

Isaan keessaa lama tahe jedhee haleellaa saalaa shamarran umuriin ganna 13 fi 16 irra geesisuu isaati.

Yakka daddabarsa dhala namaa 14 ''atileetota isaa hojii humnaa yookaan tajaajila adda addaa dirqamaan haala hamaa miidhaa qaamaaf isaan saaxile'' keessa galchuun akka hojjetan gochuun himatameera.

Gedeert "miidhaa qaamaa miidhamtota irra gahe yeroo dhagahe dhagahuu diduun humnaan, sodaachisuun, doorsisuun dirqisiisee sadarkaa barbaadameen akka hojjetamu isaan gochaa ture'' jedha ibsi abbaa alangaa waliigalaa.

Qorannoo Naasar irrati bara 2016 keessa gaggeeffame irrattis sobeera jedhamuun himatame.

Bara 2020 Jiminaastikiin USA doolaara miliyoona $215 tahu garee atileetotaa Naasar midhaa irraan gahaa tureef akka kaffalu ibseera.

Pirezidaantiin Jiminaastikii USA, Lii Lii Liyuung '' amanamummaa atileetotaa fi hawwaasa keenyaa hammam akka cabsine baay'ee nutti dhagahama, amanamummaa sana deebisnee ijaaruuf cimsinee hojjechaa jirra jedhan.