Namtichi dubartii ulfaa ajjeese hidhaa waggaa 20’n adabame

Tishegofatsoo Pulee

Madda suuraa, @Keba99

Namtichi Afrikaa Kibbaatti dubartii ulfaa ganna 28 haala suukaneessaa taheen ajjeesse hidhaa waggaa 20’n adabame. Kunis mormii uummataa kaasuun pireezidantichi haasaa akka godhan taasisee ture.

Reeffi shamarree ganna 28 Shegoofaasoo Piiwul mukarratti rarra’eetu argame. Iddoo baayyees waraanamtee turte.

Iziikaayisee Meelfaaneen nama ganna 31 yoo tahu Johaanisbargitti balleessaa dha jedhame.

Jaalalleeshee duraaniitu akkan ajjeesu na qaxare jedhe, namni sunis amma to’annoo poolisii jala jira.

Akka abukaatoon isaa dhaddachatti himanitti Meelfaaneen jaalalleenshee duraanii doolaara 480 akka kennufi itti himus waadaasaa otoo hin eegiin hafe jedhe.

Piiwuul gaafa Waxabajjii 4 achibuuteeshee dhabame ture. Reeffishee madaa’e mukarratti rarra’e guyyaa afur booda argame.

Poolisiin gaafa Kamisaa nama ganna 32 yakka kanarratti hirmaate jedhame qabateera. Maqaa dhahuu baatuus torbee dhufu dhaddachatti dhiyaata jedheera.

Du’a shamarree kanaan booda Afrikaa Kibbaa keessatti miidiyaa hawaasaa Tiwiitara irratti dheekkamsa kaasee ture.

Pireezidantiin biyyattii Siriil Raamaafoosaanis haleellaa saalaa balaalleeffachuun ibsa baasanii turan.

Weerarri kuni dubartootaaf balaafamaa yoo tahu, dhiiroti immoo carraa kana fayyadamuun dubartootaa fi ijoollee haleelaa jiru jedhan.

Afrikaa Kibbaa keessatti dubartoonni %51 nama isaanitti dhiyaatu jaalallee isaaniin fa’i haleellaan irra gaha.

Dheekkamsa ka’een pirezidantiin biyyatti ‘’Afrikaan Kibbaa akka addunyaa biyya dubartootaaf gaarii hin taaane dha,’’ jechuun dubbatanii turan.