Miidhaa daa'immanii: Dhimmi daa’imman 101 magaala Finfinnee keessatti gudeedaman rifannaa uume

Ji’oota lamaan darbanitti Finfinnee keessatti daa’imman 101 gudeedamaniiru.Miidhaan daa’imman irratti qaqqabe kun miidiyaalee hawaasaa dabalatee kallattii garaagaraan uummata biratti rifaatuu fi yaaddoo uumera.
Hoggantuu itti aantuun Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee Aadde Wuddee Teessoo, ji’oota lamaan darbanitti daa’imman 101 gudeedamuu isaanii BBCti himan.Haleellaa gudeeddii raawwataman keessaa tokko tokko miseensoota maatii daa’immaniitin kan raawwataman ta’uunsaa dhimmicha caalmaatti yaaddessaa taasiseera.
Dubartootni umriinsaanii waggaa 18 ol ta’e fi gudeeddiin akkasumas miidhaan qaamaa fi xinsammuu irratti raawwatame 51 galmaa’uu isaanis Aadde Wuddeen BBCti himaniiru.
Ragaan kun giddugalawwan dubartoota fi daa’imman miidhaan irratti raawwatameef tajaajilli iddoo tokkoo itti kennamu kan hospitaalota sadi, Hospitaala Gaandii, Hospitaala Xurunash Beejing fi Hospitaala Minilik keessatti argaman irraa walitti qabame ta’uu dubbatan.
Ragaan kun kan bara darbee walin yeroo madaallamus olaanaa akka ta’e Wuddeen himan.
Doorsisa fi Araada Sammuu Adoochuu
Daa’imman 101 weerara dhibee Covid-19 as yakki gudeddii irratti raawwatame keessaa tokko tokko araada sammuu nama adoochu akka fayyadaman taasisuun gochichi irratti raawwatamuusaa gabaasni Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee agarsiisa.
Daa’imman umriin isaanii waggaa 14 fi 17 ta’an abbootii isaaniitin gudeedamuu isaanii fi shamarreen umrii waggaa 21 tokka immoo eessuma isheetin doorsifamtee gudeedamuu Aadde Wuddeen BBCti himaniiru.
Dhimmichi duraan kan ture ta’us keessattu sababa dhibee Covid-19n namootni mana ooluu isaaniitin walqabatee rakkinichi hammaachaa akka jiru qorannoon mirkanaa’uu baatus hubannoosaa ni qabna jedhan.
Yeroo ammaatti dubartoota fi daa’imman miidhaan saalaa irratti raawwatame keessaa tokko tokko giddugala tursiisaa dhibee Covid-19n walqabatee hundaa’etti akka turan taasifamaa jiraachus himan.
Giddugalli kun dubartoota ijoollee qaban fi miidhaawwan garaagaraa irratti raawwatamee mana isaaniitii bahanis keessummeessaa jira.
Adeemsa Seeraa
Lakkoofsa namoota yakkawwan gudeeddii fi miidhaawwan biroo dubartoota fi daa’imman irratti qaqqabanin shakkamanii to’annoo jala oolan fi murtee seeraa kenname irratti ragaa qindeessaa akka jiran Hooggantuu itti aantuun Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee Aadde Wuddee Teessoo BBC'ti himaniiru.
Dhimma namoota gochicha raawwatan fi haala daa’imman miidhaman kunneen irratti argamanis yeroo dhiyootti akka beeksisan nutti himaniiru.
“Koreen namoodha miidhaa geessisan hordofus hojiitti jira” jedhan.
Rifaatuu fi yaaddoo uummataa
Gabaasni gochaa gudeeddii Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee erga dhagahamee booda namootni miidiyaalee hawwaasummaa dabalatee kallattii garaagaraan rifaatuu fi yaaddoo isaanii ibsachaa jiru.
Namoota miidiyaalee hawaasaa irratti barreessan keessaa tokko tokko gochichi nama hundaan cimaa balaaleeffatamuu akka qabu himan.
Lakkoofsi daa’imman gochaan gudeeddii irratti raawwatame mana keessatti hafan fi dhimmi isaanii hin baramne kanaa ol ta’uu akka danda’u yaadasaanii kan barreessanis heddudha.
Kaan ammoo dhimmichi xiyyeeffannoo, hordoffii fi tarkaanfin cimaa irratti fudhatamuu kan qabu ta’uusaa miidiyaalee hawaasummaa isaanii irratti katabaniiru.















