Somaaliyaatti namootni yakka gudeeddii mucaa ganna 12tiin himataman lama uummata fuulduratti ajjeefaman

Ayishaa Ilyaas Aden shamarree ganna 12 Somaaliyaatti gudeedamuun ajjeefamte

Madda suuraa, Radio Banaadir

Ibsa waa'ee suuraa, Ayishaa Ilyaas Aden shamarree ganna 12 Somaaliyaatti gudeedamuun ajjeefamte

Somaaliyaatti namootni gareedhaan dubara waggaa 12 gudeedanii ajjeesan keessaa lamaan har'a uummata fuulduratti ajjeefaman.

Gareen ajjeechaa kana raawwatu Kaaba Baha Somaalyiaatti namoota shammarree ganna 12 gudeedanii ajjeesuun himatamanii murtoon du'aa irratti darbee ture ajjeesaniiru.

Ayishaa Ilyaas Aden bara 2019 naannoo qe'ee isaanii Puntilaandi bakka Galkayyoo jedhamtutti garee namootaan butamtee ture.

Sana boodas erga baay'atanii ishee gudeedanii achuma naannoo mana jireenyaa isheetti ajjeefamtee ture.

Gochaa suukaneessaan kun lammiilee biyyattii mufachiisuun akka isaan mormiif gara daandiitti bahan isaan taasiseera.

Jalqaba namootni shakkaman kudhan to'annoo jala oolan. Booda manni murtii ol-aanaa naannichaa namoota shakkaman kudhan keessaa sadii yakkamtoota jechuun murteesse.

Abbootiin alangaa yero jalqabaaf murtoon kun ragaa DNA ykn qaccee sanyii irratti hundaa'uun gaggeffamuu himan.

Namoota yakkamoodha jedhaman sadii keessaa lama, Abdiifattaa Abdirahaam Warsaamee fi Abdiishaakur Mohaammad Diigee, addabaabaayii ykn marfata uummataa magaalaa Bosaasoo irratti rasaasaan rukutamuun ajjeefamaniiru.

Yakkamaa sadaffaan Abdisalaam Abdirahaam Warsaamee obboleessi Abdiifattaa murtoon du'aa irratti darbus ammaaf hin ajjeefamne.

Sababni isaa ammoo abbaan mucayyoo gudeedamuun ajjeefamtee, Ilyaan Aden, TV Puntilaanditti akka himanitti, ajjeechaan Abdisalaam hanga himanni isaa irra deebiin ilaalamutti guyyoota 10'f achi haa siqu jedhanii waan gaafataniif.

Ajjeechaan kun akka banoota guddatti tajaajila. Shamarran Somaaliyaas nagaadhaan jiraatu,'' jedhan Obbo Ilyaan Aden.

Gareen aktivistootaafi namoota mormii gaggeessaa turanii yeroo dhiyoon as Somaaliyaa keessatti gudeeddiin waanuma barame taheera jedhan.