''Warri nama gudeedan kolaafamuu qabu'' mootii Zuuluu

Mootii Zuuluu

Afriikaa Kibbaa keessatti mootiin gosa Zuuluu Goodwill Zwelithini yakka gudeeddii biyyattii keessatti hammaachaa jiru irratti wayita dubbatan furmaati isaa warri nama gudeedan kolaasuudha jedhan.

"Tarkaanfii akkanaatu gudeeddii hambisa. Kana gochuudhaan sanyiin Zuuluu waan qaanessaa akkasii akka hin keessummeessine addunyaatti mul'isuu qabna. Kolaasnee itti agarsiisna.'' jedhan.

Namoonni akka keenyaa seera kana hojiirraa oolchuu qabu jechuunis ajaja dabarsan.

Mootiin Zuuluu kun ergaa kana kan dabarsan yakki gudeeddii Afriikaa Kibbaa keessatti akkaan heddummaachuun erga isaan yaaddesseeti.

Afriikaa Kibbaa keessatti yakki gudeeddii guyyaa guyyaan gabaafama.

Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Cyril Ramaphosa torbee darbe paarlaamaarratti dhimma yakka gudeeddii biyya isaanii keessatti raawwatamaa jirurratti wayita dubbatan yakki raawwachaa jiru kan biyyoota waraana keessa jiraniitiin gadi miti jedhanii turan.

Bara 2018 Ebla irraa eegalee namoonni 41,000 Afriikaa Kibbaa keessatti gudeedamaniiru. Kana jechuun daqiiqaa 15 keessatti yakki gudeeddii tokkoo ol ni raawwatama jechuudha.

''Kanaan dura dhaqna qabaa turre. Amma kanaa ol deemuu qabna. Irraa muruu qofa miti. Kolaasuudha. Kana wayita raawwannu seera mootii keenyaa duraanii 'Shakkaa' kabajuudhaani. Kabajaa fi jaalala biyyaaf jennee kana goona.'' jedhan mootiin Zuuluu kun.

Quuqamtoonni mirga dubartootaaf falman garuu yakka suukanneessaadhaan nama adabuun homaa hin sirreessu jechaa jiru.

Mootiin Zuuluu Afriikaa Kibbaa keessatti aangoo siyaasaa cimaa hin qabu, garuu gosa guddaa Afriikaa Kibbaa biratti fudhatama olaanaa qaba.