Lammiileen Hindii afur dubartii gudeeduun ajjeesan fannifaman

Madda suuraa, Poolisii Delhii
Dhiironni afur biyya Hindii magaalaa Delhiitti gareedhaan barattuu gudeeduufi ajjeesuun himataman akka fannifamanii du'an ta'e.
Akishay Taakur, Vinaay Sharkmaa, Pawaan Guptaafi Mukesh Siing jedhaman bara 2012 dubartii kan gudeedan yoo ta'u bara 2013 manni murtii murtii du'aaa irratti murteessee ture.
Dhiironni afran kunneen gaafa Jimaataa ganama kan fannifaman yoo ta'u kunis erga bara 2015 as kan jalqabaati jedhameera.
Dubartiin kuni konkolaataa keessa erga gudeedamte booda duute. Wanti kunis gadda guddaa biyya Hindiitti kaasee seerri farra - gudeeddii akka bahu taasiseera.
Dubartiin umrii 23 fiziyooteraappii barataa turte kuni maqaan 'Nirbhaya' ykn jabduu jedhamu itti mogga'eera. Sababni isaas seera biyyattiin maqaan ishee sirrii waan hin dhahamneefi.
Haleellaa isheerratti raawwaten namoonni jaha to'annoo jala oolanii turani. Isaan keessaa namni tokko, Raam Siing, kan jedhamu bara 2013 mana hidhaatti du'ee argame. Akka of ajjeese shakkameera.
Kan biraa yeroo haleellaan raawwate umriin isaa 17 tahe immoo bara 2015 gadhiifamee ture.
Ji'oota muraasa darban himatamtoonni murtiin du'aa gara umrii guutuutti akka isaaniif jijjiiramu ol iyyannoo dhiheessaniiru.
Manni murtii Olaanaa garuu ol iyyannoo isaanii hin fudhanne. Murtiin du'aa akka jijjiiramuf inni gaafatanis fudhatama hin arganne.
Gaafa Jimaataa ganama garuu fannifamanii akka du'an ta'e. Yoona kana haati intala gudeedamtee ''suuraa intalakoo hammadhee haqa arganne jedheera,'' jechuun himan.
Abbaan intalaa immoo ''sirna haqaa irratti amantee horadhe'' jedhan. Kanneen murtii namoota gudeeddii raawwatan irratti darben gammadan mana hidhaa fuuldura gammachuu isaanii ibsataniiru.
Keessaa muraasni ''warreen gudeedanif du'atu fala'' jechuun iyyaa turan. Ministirri Muummee Hindii Nirendiraa Moodi Jimaata ganama ''haqni argame'' jedhanii tiwiitara irratti barreessaniru.
Yakki akkanaa dubartii irratti raawwatun isaa ijoo dubbii ta'us, biyya Hindiitti haleellaan dubartoota irratti raawwatu ammalee hin dhaabbanne.
Biiroon Galmee Yakkaa Biyyaalessaa Hindii gabaasa dhihoo gadhiisen bara 2018 poolisiin galmee gudeeddii 33,977 galmeessuu isaa eera.
Kana jechuun guyyaatti namoonni 93 himannaa gudeeddii dhiheessu jechuudha.














