Poolisiin Hindii namoota dubartii gudeeduun shakkaman afur dhukaase ajjeese

Erga dubartiin gudeeddiin irratti raawwate ajjeefamte booda namoonni kumaatamaan lakkaa'aman buufata poolisiitti dhihaachun mormii isaanii dhageessisaniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Erga dubartiin gudeeddiin irratti raawwate ajjeefamte booda namoonni kumaatamaan lakkaa'aman buufata poolisiitti dhihaachun mormii isaanii dhageessisaniiru

Poolisiin Hindii shakkamtoota dhiiraa afur torban darbe dubartii doktora beelladoota wal'aantu gudeedanii ajjeesun shakkaman afur dhukaasee ajjeese.

Poolisiin BBC Afaan Teluguutti akka himetti taanaan shakkamtoonni kunneen meeshaa waraanaa poolisii butanii miliquuf turan.

Reeffi dubartii gudeedamte torban darbe gaafa Kamisaa kan argame yoo ta'u, wanti isheerrati raawwate mormii guddaa kaaseera. Poolisiinis tarkaanfii barbaachisu hin fudhanne jechuun kanneen mormuuf bahan ibsaa turan.

Keessumaa maatiin dubartii ajjeefamtee qeeqa guddaa poolisii irratti kaasan.

Komishinarri poolisii Saayberaabaad VC Sajanaar BBC Afaan Teluguutti akka himanitti poolisiin shakkamtoota lafa yakki raawwatetti geessee ture.

Shakkamtoonni yeroo miliquuf jedhanitti garuu poolisoonni lama miidhamaniiru jedhan. Baqachuuf yeroo jedhan ajjeefamun isaanii garuu miidiyaa hawaasummaa gubbaa poolisiin akka leellifamu taasiseera.

Haati intalli ishee bara 2012 magaalaa Delhii konkolaataa keessatti jalaa gudeedamtellee ajjeechaa poolisii kanaan gammadu ishee ibsiteetti.

line

Odeeffannoo kanatti dhiyaatu kanneen keessaa filachuun dubbifadhaa:

Lafa shakkamtoonni ajjeefamanitti ripportarri BBC argame namoonni 2,000 walitti qabamanii turan jedheera. Daandiinis cufamee konkolaataan akka hin sochoone taasiseera.

Kunneen 'poolisii jajaa'' yeroo jedhan dhagahamaniiru. Muraasni immoo adeemsa poolisii gaafataniiru.

Qondaalli poolisii sooroma bahan Piraakash Siing ''ajjeechaan kuni hafu danda'a'' ture jedhu. Yero lafa yakki raawwate geeffaman harki hidhame, sakattaa'amani ta'uu qaba, jedhaniiru.

Gudeeddiifi ajjeechaa raawwate booda namoonni buufata poolisii Haayidiraabaad dhaqun kanneen kana raawwatan ajjeechaan adabamuu qabu jechaa turan.

Namoota daandii gubbaa dhaabatanii mul'atan
Ibsa waa'ee suuraa, Bakka yakki raawwatetti namoonni kuma hedduu argamaniiru

Biyyattii guutuutti mormiifi gadda ibsachuun mul'ateera. Akka seera Hindiitti garuu maqaan miidhamtu hin dhahamu.

Torban darbe dubartiin kuni baduun ishee yeroo ibsamu poolisoonni tarkaanfii saffisaa hin fudhanne jedhaman sadii hojiirraa dhorkamaniiru.

Ragaa poolisiin waggoota lama dura baaseen himanni yakka dirqiin gudeeduu waliin walqabatan 33,658 kan galmaa'an yoo ta'an kun ammoo lakkoofsi dubartootaa guyyaa guyyaan dirqamaan gudeedamanii 92 ga'uu isaa agarsiisa.