Afrikaa Kibbaatti Dubartii ulfaa waraanamtee mukaratti fannifamteef lammiileen haqa gaafatan

Tishegofatsoo Pulee

Madda suuraa, @Keba99

Ajjeechaa shammarree ganna 28 Tishegofatsoo Pulee booda midiyaalee hawaassummaa akka Tiwitaraa Afrikaa Kibbaatti dhaadannoon #JusticeForTshego (Tishegoof haqa) kan jedhuu bal'inaan qoodamaa tureera.

Reeffii ishee waraanamtee kan argamee naannoo Johaanisbergitti mukaratti fannifameeti.

Shamarreen kun ulfa ji'a saddeeti akka turte poolisiin dubbachuu midiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Afrikaa Kibbaa keessatti haleellaan dubartoota irrra ga'u dabalaa dhufeera. Waggaa darbees Pireezdaant Ciriil Ramapoosaa biyyaattiin 'adduunya kessaa biyyaa dubartootaaf hin mijannee' jedhaman keessa tokkodha jedhaniiru.

Qorannoon yakkaa bara darbee ba'e akka agarsiisutti bara 2017 fi 2018 gidduutti ji'oota 12 keessatti dubartoonni 2930 ajjeefamaniiru.

Tishegofatsoo Puleen torban darbe lafa isheen buute kan dhabamee yoo ta'u reeffii ishee kan argame Wiixata ta'uu gaazexaan Sowtan gabaaseera.

Akkasumas dubbi himaan poolisii, Kapiteen Kay Mukhubeele yakkaa kanaratti qorannoo eegaluu isaanii gabaafameera.

Namootni Tiwiitara gubbatti poolisiin nama ajjeecha kana rawwaate akka argataniif gaafataniiru, garuu seerri haqaa biyyatti dhugumaan Tishegofatsoo Puleef sirritti ni faradaa kan jedhuuf garuu gaaffii kaasaniiru.