Biyyi addunyaa gammachuun tokkooffaarratti argamtu kami?

Lammileen Sudaan Kibbaa Afrikaa keessatti hundaa ol gammachuu warra hin qabnedha

Madda suuraa, AFP

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gabaasa sadarkaa gammachuu biyyoota addunyaa baasetti Sudaan Kibbaa, Zimbaabuwee, Ruwaandaafi Rippabilika Afrikaa Giddu-galeessa (CAR) biyyoota akka addunyaatti gammadoo hin taanedha.

Tarreeffama sadarkaa gammachuu biyyoota addunyaa kanaa 153 keessatti dhuma irra kan jirtu Afgaanistaan yoo taatu, kanneen gammachuu qabaachuu dhabuudhaan sadarkaa duraarra jiran biyyoota Afrikaadha.

Akka sadarkaa gammachuu qabaachuu biyyoota addunyaa kanaatti biyyi akka addunyaatti hundaa ol gammachuu qabdu Finlaandidha.

Biyyi Finlaand biyya akka addunyaatti gammachuu qabaachuun waggaa sadaffaatiif tokkooffaa qabattee jirtudha.

Biyyoonni Awurooppaa kaabaa ykn Noordiik jedhaman biyyoota addunyaa irratti gammadoo ta'aniin sadarkaa tokkoo hanga shanii qabataniiru.

Barreessitoonni sadarkaa bahee kanaa akka jedhanitti bakkeewwan baayyee gammadoo ta'an biyyoota namoonni miira abbummaan itti dhaga'amuufi lammilee isaaniifi dhaabbileen isaanii amanatanidha.

Qorattoonni sadarkaa kana qoratan namoota guutummaa addunyaarra jiran gaafachuun sadarkaa gammachuu isaan qabanii madaalaniiru. Kana birattis, sadarkaa galii biyyaalessaafi sadarkaa malaammaltummaan biyyootaa irra jiranis ilaalcha keessa galchaniiru.

Gabaasni sadarkaa gammachuu biyyootaa kan qophaa'e osoo weerari koronaavaayirasiin hin jalqabin duradha.

Biyyoota gammachuun sadarkaa duraarra jiran shan:

•1) Finlaand

•2 Denmaark

•3) Siwiizerlaand

•4) Ayislaand

•5) Noorway

Biyyoota gammachuun sadarkaa duraarra jiran shan:

•149) Rippabilika Afrikaa Giddu-galeessa (CAR)

•150) Riwaandaa

•151) Zimbaabuwee

•152) Sudaan Kibbaa

•153) Afgaanistaan

Itoophiyaan sadarkaa gammachuu UN baase kanaan biyyoota 153 keessaa 136ffaa irratti argamti.