Addunyaarra ijoollee caala akkoofi akaakayyuutu baayyata

Uummanni addunyaa saffisaan dulloomaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uummanni addunyaa saffisaan dulloomaa jira

Akka Biyyoota Gamtoomaniitti seenaa lakkoofsa ummataa addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif lakkoofsi namoota dulloomanii kan ijoollee umuriinsaanii waggaa shanii gadii gadi ta'eera.

Ragaan akka agarsiisutti bara dhuma 2018 irratti baayyinni namoota umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'an kan ijoollee umuriin isaanii waggaa shanii gadii gadi ta'eera.

Ardii kana irra namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'e miliyoona 705, kan waggaa 0-4 gidduu ta'an ammoo miliyoona 680 ta'u.

Garaa garummaan bal'achuu

Haala amma jiru kanaan deemnaan bara 2015 irratti garaa garummaan namoota dulloomaniifi warra dargaggeeyyii giduu jiru ni guddata. Baayyinni namoonni umuriin isaanii 65 ol ta'an dachaa warra umuriin isaanii 0-4 ta'anii ta'a.

Garaa garummaan bal'achaa deemuun, akka dimogiraafiin ykn sirnni baayyina ummataa waggoota kurnan heedduuf qoratamaa ture agrsiisutti: biyyoota hedduu keessatti hundi keenya bara dheeraa jiraanna garuu ijoollee hedduu horachaa hin jirru kan jedhudha.

Afgaanistaan keessatti maanguddoon yeroo daa'ima baattu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Afgaanistaan keessatti maanguddoon yeroo daa'ima baattu

Kun garuu akkamiin dhiibbaa isinirraan ga'aa? Ammumallee taanaan dhiibbaa isinirraan ga'aa jiraa laata?

Daarekterri Dhaabbata Maatiriksiifi Madaallii Fayyaa Yunvarsiitii Waashingiteen Kiristoofar Murray akka jechuun BBC'tti hime: "Hawwaasa addunyaa kana itti fufsiisuudhaaf haala rakkisaa ta'uun baayyina ijoollee/ol-adeemoo caalaa namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'anitu heddummaataa jira."

Qorataan kun kitaaba bara 2018 maxxanseen akka yaada isaa dhiyeesseen biyyoonni addunyaa walakkaa ta'an "lakkoofsi daa'immanii xiqqachuu" ykn lakkoofsa uummataa itti fufsiisuuf hanqinni daa'immanii akka isaan mudatu barreesseera.

"Dhiibbaa cimaa gama hawwaasummaafi dinagdeedhaan hawwaasni uummata umuriin ijoollee caalaa warra dullooman qabanii yaada," jedha.

Akka Baankii Addunyaatti bara 1960 keessa sadarkaan dhala argachuu, dubartii tokkoof ijoollee shan ture.

Naannoo waggoota 60 booda gara walakkaatti gadi siquun 2.4 qofa ta'e.

Yeroo sanatti, guddinni hawwaas-dinagdee namoota gara addunyaa kana dhufan fayyadeera. Bara 1960 kessa namoonni giddu galeessaan xiqqoodhuma waggaa 52 ol jiraatu; umuriin lafa irra jiraachuu ammoo bara 2017 72 ga'eera.

Kana jechuun ammoo hundi keenya yeroo dheeraadhaaf jiraannaa akkuma umuriin keenya dabalaa deemeen ammoo wantota jireenyaaf barbaachisaniif fedhiin keenya dabalaa deema. Kun ammoo tajaajilwaan akka sooramaafi fayyaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jechuudha.

Uumata umuriin deeme

Rakkoon uummataa umuriin dulloomeeru qabaachuu biyyoota guddatan keessatti ni hammaata. Sababiiwwan hedduu irraa kan ka'een hunda caalaa ammoo sababii dhiibbaa dinagdeetiif dhala argachuun gadi bu'eera.

Kana birattis, du'aatiin daa'immanii hir'ateera, carraan malawwan ittiin du'umsa ittisanii akka garaatti argamuufi guddisni daa'immanii baayyee baasii guddaa gaafachuun akka sababaatti ka'u.

Biyyoota guddatan keessatti dubartoonni gara boodaa waan dhala godhattuuf ijoollee muraasa qofa argatu.

Abbaa warraafi haadha warraa waliin raagan paarkii Jaappaan tokko keessatti yeroo waliin taa'an

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota kunneenitti sadarkaan jireenyaa foyyaa'aa jechuun namoonni "umurii dheerachuu" jechuudha. Kanaaf fakkeenyi gaariin Jaappaanidha.

Jaappaanitti umuriin jiraachuu giddu galeessaan waggaa 84 yommuu ta'u akka addunyaatti biyya namoonni umurii dheeraa jiraataniifi namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ola ta'an baayyina uummata biyyatii keessaa %27 jechuudha. Kun akka addunyaatti namoota umuriin dulloome isa ol aanaadha.

Baayyinni uummata biyyattii umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta'an ammoo % 3.85 qofaadha akka Biyyoota Gamtoomaniitti.

Rakkoon dachaa kun waggoota hedduudhaaf mataa dhukkubbii aanga'oota Jappaan ta'eera. Kanaan walqabatee mootummaan biyyattii waggaa darbe irraa kaasee umurii soorataa duraan waggaa 65 ture gara waggaa 70 ol buteera.

Murteen mootummaa kun yoo kan hojiirra oolu ta'eef biyya Jaappaanitti hojjetoonni addunyaa bakka kamiyyu caalaa turanii soorama bahu jechuudha.

Haata'u malee, wal madaaluu dhabuun baayyina uummataa rakkoo biyyoota guddataa jiraniitis. Chaayinaan baayyina uummataa umuriin isaanii wggaa 65 ol ta'an qabduu Jaappaaniin gadidha.

Baayyina biyyattii keessaa %10.6 kan ta'an qofadha; garuu imaammata karoora maatii bara 1970 keessa hojiirra ooluu jalqabe irraa kan ka'een biyyi dunagdee addunyaatiin lamaffaa taate kunis sadarkaa dhala argachuu gadi aanaa qabdi. Dubartiin tokko carraa daa'ima 1.6 argachuu qabdi jechuudha.

Baayyinni uummataa Chaayinaa waggaa 5 gadi ta'an yeroo ammaa kanatti %6 qofaadha.

Dubartootaafi daa'imman Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images

Baayyina ijoolleefi sadarkaa jireenyaa yeroo walbira qabamee ilaalamu

Biyyoonni Afrikaa baayina daa'imaafi sadarkaa jireenyaa wal bira qabanii ilaaluudhaaf fakkeenya gaariidha. Biyyoonni Afrikaa dhala baayyinaan argachuutiin sadarkaa ol aanaa irra jiru.

Fakkeenyaaf biyyi Niijer, "dhala hedduu argachuudhaan" addunyaatti sadarkaa tokkofaa irratti argamti. Kunis akka bara 2017 qoratametti giddu galeessaan dubartiin tokko ijoollee 7.2 argachuu dandeessi.

Haata'u malee, biyyattiimti kun ammoo du'atiin daa'immanii baayyee cimaa akka addunyaatti tokkoffaa taatedha.

Dubartii ulfa yeroo gorsa fudhachaa jirtutti

Madda suuraa, Getty Images

Carraa dhala bakka buusuu

Dhimma baaiiyna ummataatiif lakkoofsi 2.1 lakkoofsa maajikii ta'edha. Maaliif jennaan, uummanni addunyaa kanaa dhala bakka buusuudhaaf lakkoofsi kun isaan barbaachisa.

Haata'u malee, akka ragaan Biyyoota Gamtoomanii dhiyeenya kanaa agarsiisutti biyyoota addunyaa kanaa walakkaa ol ta'an qofaatu kan milkeessa. Kunis, biyyoota 113 jechuudha.

Qorattoonni akka agarsiisanittis biyyoonni du'aatiin daa'immanii keessatti hammaatuufi sadarkaa umurii dheeraa jiraachuun gadi aanaa ta'e handi isaan dhala argachuu qaban 2.3 yommuu ta'u kun ammoo hanga ammaati biyyoota 99 qofaan kan milkaa'eera jedhamu.

Dhala argachuun gadi bu'aa waan dhufeef, biyyoonni baayyeenis lakkoofsi uummata qabanii hir'achuu malullee baayyinni uummataa waliigalaa akka addunyaatti garuu kan dabalu yommuu ta'u bara 2024 irratti biliyoona sadeti gala jedhamee eegama.

Biyyi akka malee dhala argachuun gadi bu'aa ta'e Raashiyaadha. Haala amma jiruun biyyattii keessatti dubartiin tokko dhala 1.75 akka argattu kan eegamu ta'ee kun ammoo baayyinni uummataa waggoota dhufan keessa akka gadi bu'u taasisa.

Akka UN shallagetti baayyinni uummata Raashiyaa kan amma jiru miliyoona 143 irraa bara 2050 irratti gara miliyoona 132 gadi bu'a jedhameera.

Dubartoota ulfaa yeroo Raashiyaa keessatti 'Yoogaa' tti jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dhiibbaa dingadee

Lakkoofsi uummataa gadi bu'aa deemuufi umuriin namootaa dabalaa deemuu jechuun humni hojii hojjechuu danda'u xiqqachaa deemuu jechuudha. Kun ammoo omisha dinagdee kan hir'isuufi guddinallee kan dhorkudha.

Akka Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) Sadaasa darbe akeekkachiisetti dinagdeen Jappaan sababii uummanni biyyattii keessaa warri dullooman heddummaataa dhufeef waggoota 40 itti aanan keessa %25 hir'achuu danda'a.

"Dimogiraafiin jiruu keenya mara irratti dhiibbaa qaba -karaa foddaa keetii mee gara daandiitti ilaali, mana ilaali, tiraafika ilaali, waan barbaachisu fayyadamuu ilaali. Kun hunduu dimogiraafiidhaan kan hoofamudha," jechuun Darekterri Dhaabbata Dulluma Uummataa Oksifoord George Leeson BBC'tti kan himan.

Tekinooloojiin ammoo dhiibbaa dinagdee sababii dulluma uummataan dhufu irraa dandamachuuf gargaaraa laata?

Namni yeroo bakka warshaa roobootiin keessa hojjettu dhaabbatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tekinooloojiin ammoo dhiibbaa dinagdee sababii dulluma uummataan dhufu irraa dandamachuuf gargaaraa laata?

Imaammataafi siyaasa

Mootummoonni yaaddoo "rakkoo dullumaa yeroo eegee dhouuf jiru" akka qaban irratti walii galameera. Isaanis irratti hojechaa jiru.

Chaayinaan "imaammata daa'ima tokko" jedhu bara 2015 keessa kan keessa deebtee ilaalte yommuu ta'ubara 2018 keessa ammoo walumaa galatti baayina dhala argachuu daangessuu kaasteetti.

Ta'us garuu daangaa kana kaasuun furmaata kan ta'e hin fakkaatu: Bara 2018 keessa daa'imman Chaayinaa keessatti dhalatan miliyoona 15.2 yommuu ta'u lakkoofsi kun ammoo kan waggaa 60 asitti isa gadi aanaa ta'ee galmaa'eera.

'Rolling Stones' yeroo sochiitti jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dulloomoofi jajjaboo

Rakkoo uummanni dulloomaa deemuun biyya irratti fidu xiqqeessuudhaaf ogeessonni dhimma uummataa immaammataaleen kunuunsa fayyaa ga'eessotaaf barbaachisan jajjabeeffamuu qabu jedhu.

Yaada kana kan dhiyeessaniifis namoonni fayyaa qaban yeroo dheeraadhaaf waliti fufinsaan humna guutuudhaan ni hojjetu jedhamee amanama.

Dubartoota Afrikaa Kibbaa galma warshaa wayinii keessatti

Madda suuraa, Getty Images

"Dinagdeewwan hirmaannaa humna namaa hedduu qabaatanii muuxannoo heddumminaan dubartootaaf carraa kennuu qaban carraan guddinni isaanii duubatti deebiyuu xiqqaadha. Faayidaan hojii keessatti dubartoonni baayyachuu akka dinagdeen sun rakkoo kufaatii dandamatu gochuu qofa osoo hin taane, humna hojii dubartoonni itti baayyatan qabaachuun akka human guddaa iyyummaa balleessuuttis ilaalama," jechuun ibsa ILO'tti ogeessi dinagdee Ekkehard Ernst.

Wanti hin oolleefi beekamuu qabu egaa saatiin deemaadhuma jira.