Duubatti harkifannaan lakkoofsa uummataa miidhaa maalii qabaata?

Asixaa lakkoofsa ummataa fi manneen bara 2019

Komishiniin Lakkoofsa Manneenii fi Ummataa Itoophiyaa yeroo sadaffaaf akka dheeratuuf murtessuun mana maree bakka bu'ootaa fi federeshiin biyyattiin akka raggaasifamu eegachaa jiraachu ibseera.

Lakkoofsi manneenii fi ummataa karoorfame kanaafis qophiin ogeessota ragaa sassaaban kuma dhibbaan leenjisuun, akkasumas meeshaalee lakkoofsaaf barbaachisan bitamuun qophiin hedduun taasifamees ture.

Murteen kunis kan irra gahame sababa rakkoolee garaa jiraniin akka ta'e Waajjirri Ministeera Muummee beeksisee ture.

Erga haala dureewwan hedduun admisichaaf barbaachisan xumuramaniin booda lakkoofsi manneenii fi ummataa ammas akka yeroo biraatti darbu taasisuun kun rakkoowwan akkamii qaba laata?

Gaaffii kanaaf deebii argachuufis, BBC'n qorataa damee kanaa kan ta'an Obbo Baqqaanaa Waaqwayyaa dubbiseera.

Akka ogeessa kanaatti, biyyi tokko lakkoofsa uummataa ishee hin beektu taanaan rakkoolee hedduumudachu danda'a. Fakkeenyaa, lakkoosta ummataa haalaan beekamu malee imaammata dinagdee, hawwaasummaafi siyaasaa irratti hojjechuu hin dandeessu.

Akkasumas dhaabni siyaasaa tokko lakkoofsa uummata isaa beekuun dantaa isaanii eegsisuuf hojjechuu rakkisaa itti ta'a jechuun barbaachisummaa lakkoosfa ummataa qabaatu himu Obbo Baqqaanaan.

''Kana malees, filannoo gaggeessuun sirna bulchiinsaa barbaachisu ijaarrachuu fi sadarkaa dinagdeen biyyaa irra gahe ykn irra gahuu qabdu beekuun hin danda'amu.''

Akka oggeessi kun jedhaniitti, fakkeenyaaf, Guddina Omisha biyyaa lakkoosfa ummataatiin walbira qabamee (GDP)n biyyi tokko waggaatti dabalaa jira immoo hin jiru kan jedhu beekuuf rakkisaa ta'a.

Kana ta'u baannaan dinagdeefi baayyinni uummataa akkamiin waliin deemaa akka jiru beekuun hin danda'amu jedhu Obbo Baqqaanaan.

Barbaachisummaan lakkoofsa ummataafi manneen kunis hangas murteessaa ta'ee osoo jiru, dhaabbileen siyaasaafi qaamoonni lakkoofsi uummataa kun bifa karoorfameen akka hin gaggeeffamne barbaadanis fedhii addaa kan qaban akka ta'e ibsu Obbo Baqqaanaa.

Akka isaan jedhaniitti, dhaabbileen siyaasaa dantaa ofittummaa qaban, ykn walqixxummaa ummataa giddu-galeeessa godhatanii hin hojjenne adeemichi akka raawwatamu hin barbaadan.

Kunis sababii kaayyoo ummata saba tokkoo xiqqeessuun kan ofiisaanii guddisanii mul'isuun faayiidaa adaa warra barbaadaniidha. ''Ol-aantummaan garee tokkoo akka goobee jiraatu taasisuudhaaf yeroo dhaabbileen siyaasaa tokko tokko itti dalagan ni jiraata," jedhu.

Karaa biraatiin ammoo qaamooleen baayyinni uummataa sirriitti lakkaa'amee imaammata dinagdee, hawwaasummaa fi siyaasni sirrii ta'e uummata isaaniitiif ittiin karooraftanii hojjechuun hojjetanis ni jiru jedha qorataan sirna uummaataa kun.