Namtichi haadha-warraasaa ulfaa qarree hallayyaa irraa darbatee ajjeese

Faawuziyaa Jaavid yeroo duute ulfa torban 17 turte

Namichi haadha-warraasaa ulfa torban 17 taate fiixee hallayyaa meetira 15.24 gadi fagaatu keessatti kuffisee ajjeese hidhaa waggaa 20n adabame.

Kun kan ta'e Edenbiraah fuullee miidhagaa ta'e tokkotti Fulbaana 2021 ture.

Guyyaa ayyaanaa osoo bashannanaa jiranii namni umuriin isaa waggaa 29 ta'e Kaashiif Anwaar jedhamu, haadha-warraa isaa kan umuriin ishee waggaa 31 taate Faawuziyaa Jaavid fiixee hallayyaa irraa darbachuun akka lubbuunishee darbu godhe.

Dubartiin kun kattaarra osoo tarkaanfachaa jirtuu itti bu'uun ture akka fiixeerraa darbatamtu kan godhe.

Lubbuun wayita keessaa ba'aa jirtutti Aadde Faawuziyaan Jaavid abbaan manaashee akka ishee darbate poolisiitti himteetti.

Anwaar mucuccaatee akka haadha-warraasaa kanatti bu'eetti dubbate.

Daanyonni Mana-murtii Olaanaa Edenbiraah nama nagaa of fakkeessuuf jecha inni jedhe kana fudhachuu diduun Aadde Faawuziyaafi daa'ima garaa jiru ajjeesuu isaatiin yakkamaa isa taasiseera.

Kaashiif Anwaar haadha-warraa isaa ajjeesuu isaatiif yoo xiqqaate waggaa 20f hidhama

Madda suuraa, POLICE SCOTLAND

Anwaar bakka Pudseey jedhamtu qarqara Liidsitti argamutti yoo xiqqaate waggaa 20 mana-hidhaatti akka dabarsu itti murameera.

Daanyaa (haatii seeraa) Loord Beeket, hadha warraa saatiif osoo kunuunsaafi eegumsi malu isarraa eegamuu inni garuu "yakka fokkuu" kana irratti raawwachuun yakkamaa ta'ee argame jechuun isatti hime.

"Miira gaddaa fi naasuu tokkollee isheef hin agarsiifne. Ishee oolchuudhaafis yaalii hin taasifne," ittiin jedhe daanyaan kun.

Dhaddacha torban tokkoof Mana-murtii Olaanaa Edenbiraah ture irratti daanyonni haati Faawuziyaa Jaavid intallishee gaa'ela reebichaafi xiichuu keessa turuushee akka amantu dubbatee dhaga'an.

Haati dubartii ajjeefamte kanaa Aadde Yaasmin Jaaviid intallishee boqonnaan ayyaanaa guyyaan 14 kun darbee akka Anwaar dhiiftee deemtu karoorfachuushee itti himuu dubbatti.

Bakka qarree irraa kftetti lubbuun keessaa ba'uuf wayita sardamaa jirtutti gaa'ela addaan kutuuf waan yaalaa turteef Anwaar akka ishee darbate poolisiitti himte Jaawuziyaan.

Bakki qarree isheen irraa darbatame kun Arthur's Seat jedhama.

Qarree Faawuziyaa Jaavid irraa darbateefi bakka isheen itti kufte (Xiyyi cuquliisaa bakka irraa kufte, diimaan bakka itti kufte)

Madda suuraa, CROWN OFFICE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa dhirsaafi niitiin kun jalqaba walitti dhufan dhaddacha irratti ibsameera.

Anwaar barataa fayyaa ijaati, Faawuziyaan ammoo gorsituu seeraa dhimma hojii yoo taatu, guyyaa tokko haatishee kishaafee [manatsarii] ijaa isheef bituuf futee mana yaalaa geessite.

Guyyaa jalqabaa achitti wal baran. Isaan booda wayita si'a lamaffaa wal argan michummaa jalqaban.

Haati Faauwziyaa akka mana-murtiirratti dubbattetti, Anwaariifi maatiin isaa Sadaasa bara 2019 maatiishee daawwatanii intalasheellee fuudhuu akka fedhi ibsan.

Isaan booda bara 2020 guyyaa Ayyaana Qillee nikaa (qubeelaa) hidhatan.

Haata'u malee, Aadde Faawuziyaa Jaaviid waa'een amala Anwaar baayyee ishee yaaddessuu jalqabe.

Intallishee ishee qofaatti akka dhiyaattu kan dubbattu Aadde Yaasmiin, waa'ee amala rakkisaa abbaa-warraashee akka itti himataa turte kaasti.

Haati Jaawuziyaa intallishee kun Anwaaritti eerumtee ji'a muraasaan booda gaa'ela isa waliin qabdu dhaabuuf yeroo dheeraa fi dhimmitee yaadaa akka turte itti himteetti.

Anwaar mana-murtii irratti ragaa hin kennine garuu innii fi haati-warraasaa ulfa turtee tun Fulbaana 1, 2021 akkuma magaalaa guddittii gahaniin halkan tokko bulanii barii saa hanga ganama saatii 4:00tti boqochuu poolisiitti hime.

Harvey Nichols fi Mulberry, akkasumas man-kusaa muuziqaa FOPP jedhamuufi suuqiiwwan "Harry Potter" lamaan tokko akka daawwatanis himeera Anwaar.

Faawuziyaa Jaaviid guyyaa duute ganama abbaa-warraashee Anwaar booda deemaa osoo jirtuu kaameraa CCTV irratti

Madda suuraa, CROWN OFFICE

Anwaar mana nyaataa erga nyaatanii booda bakka volkaanoo uumama addaa Paarkii Hiliiruud keessatti argamu daawwachuuf akka murteessan dubbate.

Osoo aduun lixaa jirtuu daawwachuudhaaf bakka gaara beekamaa kana sa'aatii 19:30 irratti gahanii gaaricha koruu jalqaban.

Haata'u malee, waan achu ga'aniif gaaricha hanga dhumaatti koruu dhiisanii deebiyuuf mirteessan. Yeroodhuma sana kattaa uumamaa sanarra dhaabbatanii suura ofee (selfie) ka'uu murteessan.

"Fiixee kattaarra turre. Yeroo sanatti of qabuu dadhabeen gatantareen garasheetti kufe," jechuun poolisiitti dubbate Anwaar.

"Yeroo isheen irraan gadee kuftun dhaga'e, 'Oh miila koo' jetti iyyuus jalqabde. Anis sagalee guddaa yeroo waanti tokko kufun dhaga'e."

Aadde Jaawuziyaan fiixee hallayyaa meetira 15 ol fagaaturraa kufte.

Mataasheerraa madaa mul'atu qabaattullee yeroo muraasaaf hallayyaa itti kufte sana akkuma ciiftee jirtutti dubbachuu ni dandeessi ture.

Namni jalqaba bakka kuftetti ishee bira gahe nama gaara koru Daaniyaa Raafiqii jedhamu ture.

Namni kun akkas jehde: "Waan ishee adabeef akka abbaan-manaashee ishee bira deemuu hin qabne natti himte."

Isaan booda ammoo qondaalli poolisii PC Rhiannon Clutton jedhamtu bakka sana qaqqabde.

Poolisiin kun waan akkuma qaqqabdeen dhageesse akkas jette: " , arrived at the scene. She said: "Baayyee ishee dhukkubee walitti galtee jirtu garuu yeroo ani gaaffiiwwan ishee gaafadhe natti himuu dandeesseetti.

"Maaltu akka mudate dubartii kana gaafattee deebiin isheen kenniteef: 'Darbatee na kuffiise' She said she asked the woman what had happened and said her response was: 'He pushed me' jette."

Aadde Jaawuziyaan hariiroo gaa'elaa waliin qabnu dhaabuuf yaalaa waanan jiruuf darbatee na kuffiise na darbate jechuushee poolisiin kun dhaga'uu dubbatte.

Achumaan onneen ishee dhaabatee baayyee madaa'uurraa kan ka'e bakkuma kuftetti lubbuunshee darbe.

Galgaluma gaafa sanaa Anwaar yakka ajjeechaan to'annoo jala oolfame.

Faawuziyaa Jaaviid

Madda suuraa, POLICE SCOTLAND

'Gaddaafi dhukkubbii umurii guutuu'

Yakkamaan kunis murtii osoo irratti hin darbiin dura osoo mana-hidhaa keessa jiruu waggaa meeqa akka adabamuu danda'u gaafachaa 'jireenyi koo akka hin taane ta'e' jechuun dubbataa ture.

"Yakka lubbuu ajjeesuu ta'uu waan maluufis" wabiin ba'uun hin jiraatu jechuun ofirratti dubbachaa akka ture qorataan yakkaa DC Steven Caballero himaniiru.

Adeemsa murtee kennuu keessatti Aadde Faawuziyaa Jaaviid duraan kan mobaayilasheetiin osoo Anwaariin "ati nama kabaja namaaf hin qabnedha" jechuun akka inni "hamaa" ta'e dubbattuu dhaga'ameera.

"Abbaa-manaa kamitu akka kee kanatti haadha-manaa isaa qabataa?" osoo jettuu waan waraabame sana keessaa dhaga'amti.

Murtiin booda maatii Jaaviid bakka bu'uun daarektarri dhaabbata tola-ooltummaa Karmaa Nirvaanaa jedhamuu, Aadde Nataashaa Ruttuu akkas jette: "Nuuf ammallee haqxi jiraatee hin beeku ykn dhiyoo hin jiru. Kun gaddaafi dhukkubbii umurii guutuuti. Murtiin umurii guutuu guyyaa intalli keenya gara-jabina akkasiitiin ajjeefamte jalqabe.

"Isheen intala ajaa'ibaa turte. Hiriyyaadha, haadhadhas turte. Ogeettii seeraa ittiin milkoofteef umuriisheetiin ol taatee mul'atedha.

"Faawuziyaan jireenya keenya keessatti qaawwa hin duudne bantee deemte. Ifti jireenya keenya keessaa akka hin deebinetti dhaameera."