Baaleetti garaa gaala tokkoo keessaa dhakaa fi lafeen kuntaala walakkaa ta'u akkamiin bahe?

Baaletti gaala tokko keessaa dhagaa fi cirrachi gara KG 50 madaalu bahe

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Obbo Suruur Ahmad jiraataa aanaa Raayituu Magaala Dhadhacha Bal'aa yoo ta'an hojii horsiisa beelladaa ittiin ofjiraachisaniif ollaa isaanii naannoo Somaalee deemanii gaala tokko birrii kuma 68tin bitatanii galan.

Gaalli haadhoon kan umriinshee ganna saddeet taate kuni garuu erga isaan bitanii karaa dheeraa oofanii qe'eedhaan gahanii fayyaan ishee sirrii akka hin taane kan hubatan.

Haalli gaala isaanii kuni guyyaadhaa guyyaatti hammaachaa deemnaan gara ogeessota yaala beelladaa ganda isaanii jiranii geessuun ilaalchisan.

Aanaa Raayituu, ganda Dhadhacha Bal'aatti ogeessa fayyaa beelladaa kan ta'e Dr. Kadir Mohaammad gaala kana yaalaaf yeroo nubbira fidan qorannoo dabalataa tokko malee garaa keessa dhakaa fi wantoonni adda addaa akka jiru hubanne jedhan.

"Gaala kana garaan guddatee jira. Qorannoo dabalataa tokko osoo hin barbaachisne harkumaan garaa gaala kanaa rukunnee yoo ilaallu sagaleen cirrachaa keessaa dhagahama ture.

Baayyee itti ulfaatee waan jiruufis naannoo sana yeroo qaban dhukkubbiin itti dhagahama " jedha.

Aanaa Horsiisee bulaa kan taate aanaa Raayituu kanatti beelladoota akka gaalaa garaa keessaa dhakaa fi wantoonni nyaataaf hin oolle adda addaa bahuun waan yeroo kaanis mudate ta'ulleen kan miilanaa kuni adda akka ta'e dubbatu.

Dr. Kadir ogeessota yaala beelladaa biroo waliin ta'uun qe'eedhuma abbaa qabeenya gaalichaa deemanii tajaajila baqaqsanii yaaluutiin dhakaa kana keessaa baasuuf murteessuus hima.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Faltii buusuu erga dadhabdee guyyoota ta'eera. Nyaatas hin fudhattu ture. Haala Kanaan guyyoota muraasa itti fufee jennaan du'uu mala. Kanaaf abbaa qabeenyaa mariisisnee baqaqsanii yaaluu gochuuf murteesine"

"Yaaliin kuni ulfaataa ture. Dhakaan cirrachaa fi lafee caccabaan garaa keessa jiru hamma yaanneen oli. Sa'aatii sadii ol nutti fudhate" jedha Dr. Kadir.

Dhakaa fi wantoonni nyaataaf hin oolle biroo garaa Gaala kanaa keessa jiru haalan baayyee ta'uurraa kan ka'e akkaataan teessuma qaamota garaa keessaayyuu jijjiiramaa fi miidhaan irra gahee turuus eeru.

"Dhakaan kuni baayyee ta'uusaarraa kan ka'e qaamonni garaa keessa jiran hedduun baqatanii bakka gadhiisuun teessuma sirrii hin taanerra jiru. Gadaamessis bakkasaa gadhiisee gara gubbaatti bahee bololi'ee ture. Isa sirreessuunis hojii cimaa ture" jedha.

Baqaqsanii yaaluu milkaa'innaan xumurame, kanaan garaa gaalaa kanaa keessaa dhakaan cirrachaa, lafeen adda addaa kiloogiraama 49 caalu baasuus himu.

"Kilogiraama 49 kuni wantoota jajjaboo keessaa filannee walitti qabneeti malee xixiqqaa fi caccabaa kaan waliin osoo madaalamee isaa ol ture" jedhan.

Beelladoonni maalif dhakaa liqimsu?

Akka Dr. Kadir jedhutti beelladootni wantoota nyaataaf hin oolle kanneen akka dhakaa, lafeewwan, sibiilotaa fi pilaastikaa soorachuuf kan dirqaman hanqinni albuudotaa yeroo isaan mudatu.

"Elementoonni akka kaalshiyeemii, foosfarasii fi soodiyeemii fa'a qaama isaanii keessaa gaafa hir'atu wantoota nyaataaf hin oolle akka dhakaa, lafee beelladootaa, biyyoo fi wantoota adda addaa soorachuu filatu" jedhan.

Kana malees iddoowwan hanqinni nyaataa jiruu fi waan sooratan dhabanitti beelladootni wantoota nyaataaf hin oollee fi fayyaa isaaniirratti miidhaa guddaa geessisu kanneen soorachuu akka danda'anis himu.

Horsiisee bultoonni beelladootni isaanii wantoota akka dhakaa, lafee fi biyyoo kanneen nyaataaf hin oolle yeroo sooracbuu jalqabuu isaanii argan dafanii gara wiirtuu yaalaa geessuun yoo hanqina elementootaa qabaatan qoratamee salphumatti lilmoon yaalchisuu danda'us jedhan.

Bakka hanqinni nyaataa jiruttis beelladootni wantoota nyaataaf hin oolle kunneen soorachuuf dirqamuu waan danda'aniif yeroo hanqinni nyaataa mudatu bakka nyaata argachuu danda'anitti godaansuun furmaata akka ta'e akeeku.

Naannoo Magaalotaatti ammoo pilaastikootni nyaata namaa waliin tutuqqaa qaban beelladootni akka foolii isaatiif jecha sooratan waan godhuuf ofeeggannoo gochuun barbaachisaa akka ta'es gorsu Dr. Kadir.

Gaalli Obbo Surur kan guyyootaan dura dhakaa fi lafeen kiloogiraama 49 caalu baqaqsanii yaaluun keessaa baafame kuni yeroo ammaa fayyummaa gaariirra jiraachuus ogeessi fayyaa beelladaa kuni BBC'tti himan.