Hadhooftuu horii keessaa bahee gatii guddaa wanti baasu warqiidhaa, maaliif gargaara?

Arsiitti sangaa tokko keessaa warqiin giraama 18.5 argame

Madda suuraa, OBN

Tibbaa ayyaana akka Faasikaa fi Masqalaa yeroo horiin baayyinaan qalaman hadhooftuu horii keessaa wanti akka warqee fakkaatu argamuufi gatii guddaan yoo gurguramu ni dhagaahama.

Maqaan waanta kanaa bakkaa bakkatti gargari.

Jiraatan Godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa Obbo Ashaagree Gurmeessaa namoota cirracha hadhooftu kana argatanii gurguratan keessaa tokko.

Ayyaana Faasikaaf bara 2023f hiriyoota isaanii namoota 10 waliin sangaa qircachuuf bitan keessaa wanta akka warqee giraama 94.6 ta'u argatan birrii 180,000'tti gurgurachuu BBC'tti himan.

Obbo Ashaagreen namoota kudhan waliin ayyaana Faasigaarratti qircachuuf sangicha birri 27,000 bitanii turan.

Sangichi erga qalamee booda hadhooftuu sangaa kanaa keessatti wanta jajjabaa kana argatan.

Wanta hadhooftuu sangaa keessa argan kana'' rabbumatu nuuf kenne,'' jedhan birrii 180,000tti gurgurachuu wayita dubbatan.

Maallaqa gurgurtaa cirracha hadhooftuu kanarraa argatani warra qirca fudhatan waliin addaan qooddatan. Cirrachii hadhooftu kanaan durallee darbee darbe horiin wayita qalame garaa geessa argamaa ture.

Namoonni cirracha hadhooftuu giraama isaan argatanii ol ulfaatu argatan jiraachuu Obbo Ashaagreen himaniiru.

Obbo Ashaagreen cirraachi hadhooftuu kun Bulee Horaatti irraa bitamee Finifinnee akka geeffamu himuurra kan darbe, maalummaa isaafi fayidasaa maal akka ta'e hin beekan.

Haaluma walfakkaatuun, Arsii aanaa Xiyootti namoonni gurmuun qirca sangaa fudhatan waanta ''warqee''jedhaniin giraama 18.5 argatanii gurgurachuu OBN gabaase.

Ogeessi fayyaa beeladaa maal jedhu?

Yunivarsiitii Arsiitti waa'ee dhibeewwan horiirraa gara namaatti daddarbanii kan qoratan Tumsaa Pirofeesar Bireesaaw Fardaa, maalummaa cirraacha hadhooftuu kana BBCtti himan.

Cirrachi hadhooftuu horii keessaa baafamu kun ''ofiisaatii warqii miti,''jedhan.

Hawaasa keessatti ‘'warqee'’ jedhamee beekama akka isaan himanitti.

Gatiin ittiin gurguramu garuu kan warqeeti gadi.

Qabiyyee cirraachi hadhooftu kun of keessa qabu maal akka ta’e fayidaafi maaliif akka oolu qoratamuu qaba jedhan Tumsaa Pirofeesar Bireesaaw.

Cirrachi hadhooftu akka warqeetti ifatti gatiin isaa barame gabaatti kan gurguramu otoo hin taane, faddaltonni dhoksaan hawaasarra bitu.

Cirrachi hadhooftu kun horii naannoo gammoojjii- lafa margi gahaan hin jirre qorqan keessatti argama jedhan.

Cirracha hadhooftu(calculus bovis) maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka 'National Library of Medicine' Ameerikaa jedhutti, cirrachi hadhooftuu Jaappaaniifi Chaayinaatti akka qoricha aadaa bineeldotarraa argamutti fudhatama.

Cirrachi haadhooftu kun waggoota dheeraaf dhibee garaa garaa wal'aanuuf oolfamaa ture.

Odeeffannoon mana kitaaba biyyoolessaa wal'aansa fayyaa Ameerikaarra argame kun akka jedhutti, istirookii, gubaatii qaama cimaa dhukkubbirraa madde(fever) dabalatee dhibeewwan hedduu wal'aanuuf oola.

Waraqaan qorannoo barruu saayinsii 'Science Direct' jedhamurratti maxxanfame waanuma kanaan wal fakkaatu hima.

Barruun kun akka akeekutti, cirrachi hadhooftu uumamaan argamu kun gatiin isaa qaaliidha, darbee darbee kan argamudha.

Cirrachi umamaan argamu kun sangoota 2000 ta'an keessaa tarii tokko keessatti argama.

Boca korboo ykn dhagaa guddaa qabaachu kan danda'u yoo ta'u, bifti irra keessoo isaa keelloo gara daammiitti dhiyaata ykn diima gara daammiitti dhiyaatu, salphaafi dafee kan cabuu ta'u mala.

Akka barruun kun jedhutti, cirrachi hadhooftuu horii keessaa argamu kun waggoota kumaataman lakkaa'amuf Chaayinaa keessatti dawaa aadaa, dhibeewwan sirna narvii wirtuu(central nervous system) wala'aanuuf oolfamuudha.