Tramadol- Kininii Itoophiyaatti barattootaa hanga ogeessota fayyaa araadaaf saaxilaa jiru

Hanaan [icciitiisheef jecha barreeffama kana keessatti maqaanshee kan jijjiirame] yeroo tokko qoricha Tramadol jedhamu fayyadamuu akka jalqabde dubbatti.
Haati ishee magaalaa Maqalee keessatti suuqii qoricha keessatti gurguran [Faarmaasii] qabu ture.
Yeroo jalqabaatiif Tramadol kan liqimsite akka dhukkubbii salphaa taasisuuf malee miidhaa maddee inni qabu hin yaadne ture.
“Jalqaba osoon hin beekiin ture kanan liqimse. Bowwuu mataa hamaan na mudateen akka naaf foyyeessuuf jechan fudhadhe,'' jetti.
Haata’u malee, daqiiqaa muraasaan booda miirri isaa jijjiiramuu jalqabe. Miira gammachuu madda isaa hin beeknetu ishee dhuunfate.
''Daqiiqaawwan muraasaan booda gosa gammachuu walii isaa hin beekne natti dhaga’amaa dhufe. Walii isaa nan wallaale. Maal ta’eetani? Manatti maaltu na eegaa jira? Miindaatu galuuf ta’aa? Maalidhaa? Waan fedhe ta’us gammachuun sun eessaa akka dhufe naaf galuu hin dandeenye.“
Yeroo kanattidha miira gammachuu nan dhufa osoo hin jedhiin dhufee bu’aa Tramadol akka ta’e kan hubatte.
Maqaleetti qorichi kun lamatti akka qoodamu: omisha Jarmaniifi kan biyya keessaa jedhamuu dubbatti.
“Sirrii haata’u haa dhiisu beekuu baadhus kan Jarmaniidha jennee kan bitannu caalaa ‘miira guddaa’ keessa nama galcha jennee amanna ture.”
“Sababa tokko malee gammadduu nama taaisa,” kan jettu Hanaan kininiin kana si’a lamaffaa yaaluu barbaadde. Waan barbaaddes ni raawwatte.
“Si’a lamaffaan bitadheen yaale. Isaan booda garuu haati kiyya faarmaasii wan qabduuf fudhachuu yeroon barbaadu faarmaasii haadha koo keessaan fudhadha. Suuta suutaan cimaa akka ta’e naaf galaa dhufe.”
Hanaan araadatti osoo hin jijjiiramiin dura Tramadol irraa of fageessite.
“Natti fakkaata [gamadduu ta’uun] miira namni kamiyyu barbaadudha. Haata’u malee, gammachuu dhugaa miti. Qorichichi sirna qaamaa keessaa akkuma baheen daqiiqaawwan muraasa keessatti deebitee nameenyaama duraanii sanatti deebita. Hanga ta’e ergan fudhadheen booda maal gochaa akkan jiru waan naaf galeefi salphaatti waanan argachaa tureef baayyee na sodaachisee jennaanan dhiise.”
Tramadol maalidha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2017 keessa lammii Ingiliiz Laawuraa Pilaamar kininii Tramadol ija 300 qabattee wayita Ijjipt seentu qabamtee mootummaa Kaayirootiin hidhaan wagga sadii itti murtaa’e.
Hidhamuun dubartii kanaa warraIngilizootaa naasisullee dhimmichi rakkoon araada Tramadol lammileen Ijjiptiif yaaddoo hamaa ta’e akka saaxilamuuf sababa ta’eera.Dargaggoonni hedduun tarree qorichoota OPIOID keessatti kan ramadamu kininiin Tramadol jedhamu sababa gara garaatiin fudhachuu eegalu.
Namoonni kininii Tramadol jedhamu kana liqimsan, ‘akkan waan hunda gochuu danda’utti natti dhaga’ama…, waan hunda na dagachiisa,’ jedhu.
Ija tokkottii jedhadhii jalqabanii gara lama fudhachuutti, achirra darbanii sadii, afru jechaa deemu. Kanaan boodadha akka addunyaa aradaatti akka makaman kan isaaniif galuufi keessaa bahuun isaan rakkisu.
Ija tokkoon ol fudhadhee hin beeku kan jettu Hanaan, namoonni isheen beekan garuu ‘doozii’ fudhatan dabalaa deemu jechuun waan taajjabde dubbatti.
Gatiin isaa salphaa kan ta’e Tramadol, dhukkubbii salphaa namaaf furuuf qoricha gargaaru ta’us, akkuma qorichoota OPIOID kaanii fayyadamtoota araadaaf kan saaxiludha.
Itoophiyaatti tokkicha kan ta’e Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Fayyaa Sammuu Amaanu’eel keessa kan hojjetan Dr. Yonaas Laaqaw Tramadol gosa qorichoota araada nama qabsiisanii keessaa tokko akka ta’e dubbatu.
“Araadni qorichoonni kunneen nama qabsiisan cimaadha. Qorichoota OPIOID biro waliin yeroo ilaalamu Tramadol, cimaa kan jedhamu miti,” kan jedhan ogessi kun kininiiwwan kunneen miira nama dadammaqsuu waan qabaniif namoonni tokko tokkos sababuma kanaaf akka fudhatan dubbatu.
“Fakkeenyaaf, ‘Morphine’ kutaa wallaansa cimaa keessatti hospitaala kamiyyu keessatti kan argamu akka hin taane kan dubbatan Dr. Yonaas, xiqqoo kanaan gadi kan ta’e Pethidine’ qorichi jedhamu ammoo ogeessota fayyaa biratti baayyinaan akan barame ta’uu ibsu.
Tarree qorichoota kanneenii keessatti dhumarratti kan argamu Tramadol warra kaan waliin walbira qabamee yoo ilaalamu miidhaan qaqqabsiisuufi humna araada nama qabsiisuu isaa gadi aanaadha jedhu.
“Akkas ta’ees garuu carraa araada namatti ta’uu ni qaba. Dargaggoonni sababa gara garaatiin yoo fudhatan ni mul’ata; ‘faashiniiyyu’ ta’eera. Dadammaquudhaaf jecha dargaggoonni yeroo fudhatan ni dhageenya.
OPIOID maalidha?
OPIOID, qorichoota ‘Cocaine’ irraa kaasee hanga ‘Heroin’ warra jedhamaniitti kan jiran qorichoota seeraan alaatti kan jiran kan hammatudha.
Qorichoonni OPIOID hakiimaan ajajaman kunneen hunda caalaa dhukkubbiin akka namarraa furuuf kan gargaaranidha.
Qorichoonni kunneen yeroo fudhatamanitti seelota sammuu keenya keessa jiran OPIOID fudhatan hidhamanii miirri akka dhukkubbiin nutti dhaga’amu godhan cufuudhaan miira gammachuu ol kaasa.
Baayyee ciccimoofi ajaja hakiimaatiin qofa qorichoota OPIOID argaman keessatti ‘Morphine’, Tramadol, Fentanyl, Methadoine, Diamorphine, Alfentanyl akka argaman Doktor Yonaataan ni ibsu.
OPIOIDn dhukkubbiiwwan salphaatii hanga cimaatti akka namatti furu gochuuf faayidaarra oola.
Warri akka Asprine, Ibuprofen fi Paracetamol dhukkuba yeroo muraasaatiif qofa akka fudhataman gorfama.
Tramadol fi OPIOID warri biroon dhukkubbiin akka namatti fudu taasisu. Haata’u malee, miidhaa maddee ta’e ni qabu. Isaan keessaas tokko araadadha.
Qorichoonni kunneen namoota tokko tokko irratti miira gammachuu afaan Ingiliffaatiin ‘Xuphoria’ jedhamu uumu.
‘Ogeessota fayyaa araadaan qabaman’

Madda suuraa, Getty Images
Kitaabota Doktora Yonaas Laaqaw maxxansan keessaa tokko ‘Seenaawwan Hospitaala Amaanu’eel’ seenaawwan gaggabaaboo 12 qabateera.
Doktarri kun kitaaba isaanii kana keessatti ogeessi fayyaa uumee tokko araada qoricha dhukkubni akka namatti furu taasisu marfeedhaan/lilmeehdaan kennamuutiin qabamee jireenyi isaa yoo badu ibsa.
Dhukkubbii irraa furamuuf qoricha ogeessonni fayyaa fudhatan Pethidine’ kan jedhamu akka ta’e kan himan Doktor Yonaas, qorichi kun to’annaan cimaan kan irratti taasifamu akka ta’e ibsu.
Bakka Tramadol kan bu’u Pethidine, cimaafi humni dhukkuba hir’isuu isaa ol ka’aa akka ta’u kaasu Doktor Yonaas.
“Qorichi kun yeroo fudhatamu namoota tokko tokko irratti miira gammachuu inni uumu ol ka’aa waan ta’eef carraa inni araada ta’uuf qabu olaanaadha. Gatiin isaa qaala’aa kan ta’eefi to’annoon cimaan kan irratti taasifamu waan ta’eef dargaggoonni salphaatti argachuu hin danda’an.”
Sammuu keessatti jijjiiramoonni waan uumamaniif wanti gammachuu namaaf kennu humna araada ta’uu akka qabu ta’uu kan dubbatan ogeessi kun, yeroo murtaa’een booda garuu gammachuun isaa hafee qaamni keenya socho’uudhaaf wanta bare sana gaafachuu eegala.
“Gammachuun isaa yeroo murtaa’een booda ni dhaabbata. Yeroo kanatti namoonni mallattoowwan ‘Withdrwal’ agarsiisu. Fakkeenyaaf, namoonni Tramadol baran qoricha kana fudhachuu baannaan gammachuun isaanirraa fagaata. Jijjiirama qaamaa namatti hin tolle agarsiisu. Dafqa, aaruu, muddama ykn mufachuun irratti mul’ata. Jijjiiramawwan qoor-qalbii fidu.”
Faarmaasistiin buufata fayyaa mootummaa keessa namni hojjetu akka maqaan isaa hin eeramne gaafate tokko ogeessonni fayyaa Tramadol fi qorichoota biroo kana fakkaatan fayyadamaa akka jiran ifaafi ‘kan gabaan odeessudha’ jedha.
Barnoota fayyaa jalqabdee akka turte kan dubbattu Hanaanis, akkuma kana doktoroonniifi narsoonni dhiibbaa isaaniirra jirurraa kan ka’een Tramadol fi qorichoota OPIOID biro akka fudhatan nan beeka jetti.
Deebii mootummaa
Biyyoonni Aafrikaa hedduun Tramadol ajaja hakimaa malee akka kennan dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qorichaa ni mul’isa.
Qorichi Tramadol jedhamu dhukkubbii furuuf gargaaru kun baayyinaan gara Afrikaatti kan fe’amuuf biyyoota Eeshiyaarraati.
Maalii, Beeniin, Ijiiptiifi Morokoo biyyoota Afrikaa qoricha araada nama qabsiisu kana Eeshiyaarraa galchan keessaati.
Qorichoonni OPIOID dhukkubbii furuuf oolan Afrikaa keessatti hedduu argamuu baatanis Tramadol garuu yeroo dhiyootii asitti akka malee galaa jira.
Dargaggeessi ogeessa faarmaasii ta’e kun bakka amma tajaajilaa jiru buufata fayyaa mootummaa kana keessatti erga qacaramee wagga tokkoo ol akka ta’eefi yeroo kana keessatti dargaggoonni hedduun araada Tramadol itti hammaachaa akka jiru dubbata.
Ogeessi faarmaasii kun itti dabaluun aka dubbatutti, dargaggoonni qoricha kana wantota biro araada nama qabsiisan akka [caatii/jumaa, alkoolii…] waliin akka fayyadaman hima.
Qorichi gatiin isaa “baayyee miyaa miti” kan jedhu dargaggoon kun buufata fayyaa inni keessa hojjetu keessatti ija 10 kan qabattu gumeen tokko qarshii 12:50tti gurgutamti.
“Guyyaatti si’a lama hayyamama. Ijo tokkoo ishee miiliigiraamii 50dha. Al takkaatti miiliigiraamii 100 fudhachuun ni danda’ama. Haata’u malee, guyyaatti miiligiraamii 200 hin hayyamamu. Namoonni tokko tokko guyyaatti hanga ija afurii fudhatu. Gumee tokkoo ishee [kan ija 10 abattu] guyyaa tokko keessatti fixuu danda’u.”
Itoophiyaa keessatti keessumaa ijoollee ol-adeemoo biratti araada ta’aa dhufuun na yaaddesseera kan jedhe Abbaan Taayitaa To’annoo Qorichaafi Nyaataa qajeelfama baaseera.
Abbaa Taayitichaatti Daarektarri Nageenya Omishaa Asnaaqach Alamuu waajirri isaanii qorannoo erga gaggeessee booda qajeelfama jabaataa akkasii kana baasuu isaa BBCtti himaniiru.
Tramadol seeraan ala hojiira akka oolaa jiru qorannoon keenya agarsiiseera kan jedhan Daarekarri kun, “Abbaan Taayitichaa qoricha Tramadol jedhamu kana tarree qorichoota ajaja hakimaa malee gurguraman keessaa akka ba’aniif qajeelfama baaseera,” jechuun dubbatu.
“Tarree kana keessaa ba’uu isaa qofa osoo hin taane tarree qorichoota [idil-addunyaafi biyyaalessaa] to’annoon addaa taasifamuufiif barbaachisu keessatti akka ramadamu taasifneerra.”
Itoophiyaan waliigaltee gosoota qorichaa Naarkkotiksiifi Saayikootirooppik jedhaman to’annoon addaa irratti taasifaman fudhatteetti kan jedhan daarektarri kun, qorichi kun kanaan booda gara biyya ayeroo seenuttis ta’e biyya keessatti yeroo omishamu hayyama addaa akka barbaacisu dubbatu.
“Qorichoonni biroon karaa ulaa galaanaa dabalateeyyu ni galu. Qorichoonni to’annoon addaa irratti taasifaman garuu karaa qilleensaan qofa galu. Erga galanii boodas gara suuqiiwwan jumlaafi qinxaabootti ykn ammoo gara buufata fayyaatti toora isaa eeggatanii rabsamuu isaanii gabaasa agarsiisu Abbaa Taayitaaf dhiyeessuuf dirqama qabu.”
Tramadol kanaan booda ajaja addaatiin yoo ta’e malee fayyadamtootatti akka hin gurguramne ta’eera jedhan Asnaaqach.
Ogeessi faarmaasii akka maqaan isaa hin eeramne gaafates haaluma walfakkaatuun qajeelfamicha dura qoricha namni kamiyyu salphaatti argachaa ture amma ajaja addaa malee akka hin gurguramne nutti himeera.
“Buufta fayyaa ani keessa hojjedhu durattuu kan mootummaa waan ta’eef ajaja fiduun dirqama. Amma garuu ajaja addaati dhiyaachuu qaba,” jedhan.
Namoonni yeroo baayyee ajajá hakimaatiin qoricha kana fudhachuu jalqabu kan jedhu ogeessi faarmasii kun, isaan booda garuu araada waan isaanitti ta’uuf ofii isaanii deemanii faarmaasiitii bitachuu jalqabu jedha.
“Bifti qoricha kanaa cuquliisa waan ta’eef yeroo baayyee, “qoricha isa cuquliisa sana naaf kenni,” jedhu yeroo dhufan.
Daarekarri To’annoo Nageenya Omishaa Abbaa Taayitaa To’annoo Qorichaafi Naayaa dhaabbileen fayyaafi maneen qorichi itti gurguraman qorichoota kanneen bakka ifatti mul’atu akka hin keenye ykn ‘itti qollofanii’ farmaasichaan to’annoon akka irratti tifamu qajeelfamni bahe ni agarsiisa jedhu.
Qorichi kun miidhaa akka qaqqabsiisu osoo beekamuu maaliif faarmaasiiwwan kamittiyyu akka gurguramu hayyamame? Gaaffii jedha kan gaafataman daarektarri kun, “Boordiin Naarkootiksii idil-addunyaa to’annoo keessa hin galchine ture. Nutis kanaaf ture qorichicha tarree qorichoota ajaja hakimaa malee gurguraman keessa galchinee kan turre,” deebii jedhu kennan.
Haata’u malee, amma addatti naannawaa maneen barnootaa sadarkaa lamaffaatti ballinaan faayidaarra oolaa akka jiru Abbaan Taayitichaa waan hubateef tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuu dubbatu.
Qorichi Pethidine jedhamu marfeedhaan/lilmeedhaan fudhatamuufi ogeessonni fayyaa baayyinaan fayyadamanis haaluma walfakkaatuun to’annoon akka irratti taasifamu Daarektarri kun BBCtti himaniiru.
“Abbaan Taayitichaa namni/qaamni qajeelfama haaraa kana cabsee argame tarkaanfiin akka irratti fudhatamus cimasnii akeekkachiisaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Araadni qoricha kanaa wallaansa qabaa?
St Phaawulos Hospitaal Mana-barumsaa Miliniyeemiitti Ogeessa Kilikaal Saakoloojii kan ta’eefi mana-barumsichaatti hojjetaa wiirtuu araadarraa itti bayyaanatanii Abeel Walde-mikaa’el wallaansa fayyaafi deeggarsa ogeessaatiin araadarraa fayyuun akka danda’amu dubbata.
Dargaggoonni addatti araada Tramadol keessa akka jiran kan dubbatu ogeessi kun, keessumaa ammoo dubartoonni yeroo laguun ji’aa yeroo isaanitti dhufu dhukkubiin akka isaanitti furuuf jecha waan fudhataniif saaxilamaa jiru jedhu.
Shamarreen umuriin ishee digdamman keessa jiru maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte ‘bowwuu mataa hamaa’ fi dhukkubbii garaachaa akka itti furuuf parastaamol irraa kaastee qorichoota gara garaa akka yaalteetti dubbatti.
Haata’u malee, qorichoonni dhukkubbiin akka itti furuuf jecha fuchattu dhukkubbii garaachaa ishee daran akka itti hammeesse ibsiti.
“Kana hiriyyaa koo hakiima ta‘e tokkotti yeroon himu ‘qoricha Tramadol/Paracetamol jedhamu yoo fudhatte garaacha waan hin miineef yoo fudhatte wayya’ jechuun na gorse.”
Tramadol/Paracetamol jedhamu qoricha makaa dhukkubbii giddu-galeessaafi hamaa ta’e akka namatti furu gochuudhaaf kennamudha.
Haata’u malee, erga qoricha kana fudhachuu eegaltee miirri addaa itti dhaga’amuu akka jalqabe ibsiti shamarreen kun.
“Yeroo ta’een booda dhukkubbii natti furuurra darbee qorichichi miira namatti tolu tokkoofi kan bahaa namarraa salphisu naaf uumuu jalqabe. Waan adda ta’e qaba,” jechuun waan isheetti dhaga’amu kan ibsitu shamarreen kun miirri gammachuu kun dhiibbaa qoricha kanaa akka ta’e naaf hin galle ture jetti.
Shamarreen kun qoricha Tramadol jedhamu kana ji’a afuriin booda fudhachuu akka dhaabdes dubbatti.
Qorichoota kanneen fayyadamuurratti dogoggoroota lama hubadheera kan jedhan Doktor Yonaas, “Qorichicha humnaa ol ajajuufi qorichichi haa dhorkamu,” yaada jedhudha akka ta’e himu.
Qorichi kun akka hin kennamne dhorkuun “namoota dhukkubaan rakkachaa jiran akka wallaansa hin arganne dhorkuudha,” jechuun yaadicha mormu Doktor Yonaas.
Yonaataan Liyon ammoo dargaggeessa dhugaatii, shiidhaafi jumaa dabalatee waggoota 22f araadaan rakkachaa erga tureen booda wallaansa fayyaan gargaaramuun araadarraa bilisa ta’uurra darbee namoota rakkoo akkasii qabaniif wiirtii itti bayyanatan bane hojjechaa jira.
‘Wiirtiin dargaggoo Yonaataan ‘Guud Laak Riihabiliteshin ende Tireening Senter’ jedhamu waggoota shaman darbanii keessaa namoota araadaan rakkataniif fala kennuu kennaa kan jalqabe yoo ta’u, wagga tokkoffaa seeraan hojii itti jalqabe torban lamaan booda kabachuuf qophiitti jira.
Wiirtuu kana keessatti namoota 237 araadarraa bayyanatan keessaa Tramadol dabalatee dargaggoonni araada qorichoota dhukkubbiin akka namatti furuuf fudhamaniin qabaman akka jiran dubbata Yonaataan.
Keessumaa guyyaatti namni kininii Tramadol guyyaatti ija shantamaa fudhataa tureefi sababa kanaan dhibamaa onnee ture tokko wiirtuu kana keessatti fayyuu akka danda’u dubbata.
Araada hunda irraa fayyuun akka danda’amu ana ragaadha kan jedhu Yonaataan, wiirtuu isaanii kana keessatti namoota araada gosa kamiiniyyu miidhaman gargaaruudhaaf ballinaan hojjechaa akka jiran kaasa
Namoota araada Tramadol, akkasumas qorichoota biroon qabamaniif wallaansi kennamu ‘Adiction Psychiatry’ jedhama.
Wallaansi kun Hospitaala Zoodituu, Hospitaala Amaanu’eel, Hospitala Phaawuloos keessatti akka kennaman Doktor Yonaas ibsaniiru.
Kanarra darbees, wiirtuuwwan banachiisuu [Riihabiliteeshin Senters] keessatti wallaansi dhibee araada akaa akka kennamu dhageenyeerra.
Qorichi kun akka hojiirra hin oolle to’annoo isaa cimsuurra darbee barumsa hubannoo cimsuu kennamuu akka qabu dubbatu Doktor Yonaas.
“Namoonni tasa yoo dhorkaman karaa ta’e argachuudhaaf socho’u, karaa seeraan alaa guutummaan guutuutti balleessuun hin danda’amu. Kanaaf, tarkaanfii qoricha dhorkuu maddiitti barsiisuu, wallaansa dhibee araadaa akka salphaatti argatamu gochuufuufi dursa hojii hubannoo cimsuu hojjechuutu bu’aa gaarii qabaata.”












