Gaboor Maat: 'Maddi araada hundaa midhama keessa darbanidha'

Waa'ee araadaa maal yaaddu?
Ogeessi fayyaa Kaanaadaa Gaboor Maat ilaalcha yaalii aradaa irratti qabnu sirreessu qabna jedhe amana.
Ogeessi araadaafi barreessaan kun magaalaa Vaankuvar kan Kaaba Ameerikaatti heddummina fayyadama qoricha sammuu hadoochuun beekamtu keessatti hojii yaalii xiinsammuu namoota aradaan rakkatan irrati hojjatuun beekama.
Hojii isaa kanaf bara 2018tti badhaasaa lammileef keennamuu danda'u isa guddaa Order of Canada jedhamu badhaafameera.
Bu'uraan kan inni amanu araadi hundi maddi isaa midhama darbe akka ta'edha: "Kun miidhamni maal akka ta'e namni hubachuu yoo danda'edha," jedha.
Haaloti shanan nuti rakkoo kana ittiin hubachaa hin jiraanneef jedhee inni amanu kunneeni - akka inni dubbatetti.
'Madda isa sirriif yaalii taasisaa hin jirru'

Maddi araadaa maal akka ta'e baruu yoo feete, bu'aan aradaa maal akka ta'e ilaalu qabda: Maal siif fayyade?
Namootni yeroo baayyee, "Miidhamakoo hir'ise, dhibuu irraa na miliqsa, miira hariiroo naafkennee, miiraa to'anno, miiiraa hiikaa qabaachuu, miiraa lubbuun jiraachuu, gamachuu, barbaadamuu..." jedhu.
Karaa biraan, araadi kun wantoota bu'uraa dhala namaaf barbaachisan tokko tokko, kan namni sun jireenyasaa keessatti argachuu dhabe guutaniiru jechuudha.
Haaloti hariroo dhabuu hundi ykn qoofummaa ykn immoo jireenya keessatti dhiphuu qabachuun, haalota dhukuubbii ykn miidhama miiraadha.
Kanaaf waa'ee areeda irratti ejjennoonkoo, "Maaliif araadi jiraatee?" osoo hin taanee, "Maaliif midhamni kun jiraateedha?"
Yeroo hawaasa araadaa keessa jiranii ilaaltu, kan ati agartu rakkoon ijoollummaatti ture yoo guddaa ta'e, carraan aradaa keessa galuu isaanis ni dabala.
Kanaaf maddii araadaa yeroo hunda, midhamaa darbeefi rakkoo ijoollummaatti qunnamedha - kana jechuun namni miidhama qabu hundi araada qabaataa jechuu miti, namni araada qabu hundi garuu midhama ni qabaata.
Yaaliin araadaa bu'aa hamaa, adabbiifi ofirraa faggeessuu osoo hin taane gara ho'ummaa guddaa , gargaarsa guddaafi hubanno guddaa barbaada.
Yaaliin hedduu yeroo hin milkaa'in hafan "Rakkoo kana dhugumaan hubanneerraa?" jennee dammaqnee of gaafachuu qabna jettee yaadda.
Garuu addunyaa yaalii fayyaa keessatti kun badaa hin uumamu.
Akka miidhamaa namaatti uumamni isaa maali kanjedhu ilaalaa hin jirru.
Namootni miidhama isaanii keessa akka darbaniifi furmaata akka argataniif hojjachaa hin jirru. Baraataan ogummaa fayyaa tokko [Ameerikaa keessatti] wa'ee miidhama miiraa irratti barumsa tokkollee hin argatu.
Nuti "Maaltu sirra ga'e?" jennee gaafachuurra "Maalidha rakkoonkee?" jennee gaafachuu itti fufneerra.
Araadi filannoo miti

Dogoggoorii inni biraa araadii filannoo namootni taasisanidha isa jedhu.
Adeemsi seeraa hundi yaada namootni araadaan qabamuuf filatu jedhurratti hundaa'ee, kanaaf namootni kaan akka itti hin galleef, isaaniin haa adabnu jedha.
Namoota ani beeku keessa kan ganama tokko ka'ee "Hawwiinkoo araadaan qabumadha," kan jedhe eenyuyyu hin jiru.
Araadi filannoo eenyuyyu filatu miti, deebii miidhama miiraati.
Namni kamuu immoo miidhama keessa turuu hin filatu.
Araadii wanta dhalootaan darbu miti

Odeeffannoon sodaa biraan araadi dhalootan ni darba kan jedhudha.
Eyyee maatii tokkoo keessatti ni baayyata. Garuu maaliifi?
Yoo ani nama araadaa dhugaatii qabufi ijoolleekootti kan iyyuufi dheekkamuu ta'ee, isaan yeroo guddataan dhugaatii baayyisu yoo ta'e dhalatoon annarraa itti darbee?
Yookiin immoo amala sana kan isaan fidan sababa ani haala isaan keessatti guddatan gara tokkotti boceefi?
Kanaaf amalli tokko maatii keessatti baayyachuun isaa dhimmaa hiddaa dhaloota waliin kan wal qabatu miti.
Halootiin uumamaan sanaaf mijeessan jiraachu danda'u, mijeessuu garuu murteessuu waliin tokko miti. Ati uumamaan aradaan akka qabamtuuf qophooftetta jechuu miti.
Araadi wanta babal'atudha

Himteen ykn odeeffannoon dogoggoraa inni biraan, araadi namoota qoricha sammu hadoochuu fayyadamaniif ykn hawaasa keenyaa keessatti namoota 'gaddeebii' jennu qofaa kan ilaallatudha isa jedhu.
Aadaa keenya keessatti kan babal'atuufi of eeggannoo malee kan tamsa'udha.
Yeroon hawaasa keenya sadarkaa kammittu ilaalu araada hedduun arga, sana qofammoo osoo hin taane taajaajila araada kanaa diinagdee irratti hundaa'ees nan arga.
Wanta hundarraa araadi si qabuu danda'a - gosa sirbaarraallee si qabu danda'a

Akka yaadakootti, araadi wantoota namni tokko boqonnaa yeroof naa keenna jedhan keessatti of mul'isa. Kanaaf wanta sana ni dharra'u, garuu bu'aa hamaa inni fidun ni rakkattu, garuu hammam hammaatus hin dhiisani ykn dhiisu hin danda'ani.
Kun qorachoota sammuu hadoochan, tamboo, dhugaatii alkooliifi wantoota kan hunda of keesatti qabata.
Dabalataaniis, wal qunnamtiin saalaa, tirgaa, mi'a bituu, hojii, aangoo siyaasaa, taphani... walumaagalatti wanti hundi hariiroo ati wantichaa waaliin qabdu irratti hundaa'ee araada ta'u danda'a. Hanga dharraafi boqonnaan, miidhaa yeroo dheeraafi dhiisuuf wanta cimu ta'u jirutti, araada qabda.
Ani araada gurguddaa laman qaba ture. Tokko hojiikoodha, kana jechuun bu'aafi gamachuun hojiikoorra argadhuuf jecha wantoota anaafi maatiikoo barbaachisaaniif iddoo hin kennun ture.
Lammaffaan immoo araada mi'a bituun qaba, kankoo CD sirboota durii bituu ture. Guyyaa tokko CD tokko doolaara 8000n biteera.
Sirbacha nan jaaladha garuu sirbicharraa osoo hin tanee bituu irraa ture kan ani araada qabu.
Dharraa araada kanaan yeroo tokkoo dubartii deessuu ani yaalaa ture ciniinsurratti dhiisee CD bitaachuu deemee da'umsishee na darbeera. Hanga kana ture kan anarratti dhiibbaa uume.
Amma kun wanta nama kofalchiisudha jettanii yaaduu dandeessu - akkamiin araadakee kan araada namoota qoricha sammuu haduchuu qaban ati yaalii taasistuuf waliin wal biratti qabda?
Yeroo namooti ani araada isaanif yaalii taasisu, waa'ee araadakoo yeroon itti himetti hin kofalle.
Maataa isaani raasanii,"Eyyee dooktar, nuuf gala, atis akkuma keenyadha," naan jedhani.
Qabxiin inni guddaa hundi keenya akka hunda keenyaati.

Fakkiiwwan kunnen kan Neil Evan/easyanimal kaafamni














