Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman dhibeewwan qorichaan wal baraniin du'aa jiru - Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2019 keessa qofatti addunyaa guutuutti namoonni miliyoona 1.2 ol ta'an infekshiniiwwan qorichotaan wal baraniin akka du'an qorannoon haaraan tokko mul'ise.
Kunis baay'ina du'aa sababii busaa ykn Eedsiidhaan waggaatti mudatu caala.
Rakkina kanaanis biyyoonni hiyyeeyyiin caalaa kan hubaman ta'u qorannichi adda baaseera.
Qorichoota haaraa oomishuurratti invastimantii atattamaa taasisuufi qorichoota amma jiran of eeggannoon fayyadamuun barbaachisaa ta'usaa gorseera qorannichi.
Infekshiniiwwan hundaaf qorichoota farra - baakteeriyaa (antibiotics) fayyadamu jechuun dhukkubbii cimaan wayita mudatuutti hin hojjatan jechuudha.
Namoonni hedduun sababii baakteeriyaan madda dhukkubbiisaanii qorichaan wal bareef jecha dhibeewwan salphaafi kan duraan wallaanamu danda'amaniin du'aa jiru.
Qondaaltoonni UK dhiheenya kana dhukkuboonni qorichoota dandamachuun weerara dhokataa waan ta'eef, yoo of eeggannoon qorichi ajajameef malee covid-19n booda rakkoo akka uumuu malu akeekkachisan.
Du'a namootaa
Hammi namoota sababoota qorichoota dhukkuba waliin wal baraniin du'an barruu the Lancet jedhamuurratti bahe. Haala biyyoota 204 keessa jirus qorateera.
Qorannoon kuni Yunivarsiitii of Waashingitan jedhamuufi Ameerikaa keessa jiruun gaggeeffame.
Qorattoonnis bara 2019 keessa qofaa namoonni miiliyoona shan ta'an sababii dhukkubbiiwwan qorichaan wal baranitiin akka du'an shallagan.
Kanaan alattis namoonni miliyoona 1.2 ta'an ammoo dhibeedhuma kallatiin du'an.
Baruma walfakkaatu keessa, namoonni kuma 800 sababii Eedsii, kanneen kuma 640 ta'an ammoo busaadhaan akka du'an himame.

Madda suuraa, Getty Images
Du'a sababii dhibee qorichaan wal baraniitiin qaqqaban keessaa irra caalaan kan infekshinii qaama hargansuun wal qabatan kan akka dhibee sombaafi infekshinii hidda dhiigaa fa'iidha jedhameera.
Qorannoon kunis odeeffannoowwan galmee hospitaala dhukkubsattootaa, qorannoowwaniifi maddawwan odeeffannoo biraa fayyadamun akka jedheetti, ijoolleen xixiqqoon umuriin waggaa shanii gadi ammoo balaa kanaaf caalaa saaxilamoodha.
Du'a dhibee qorichaan wal bare irraa mudatuus:
- Biyyoota Sahaaraan gadii fi Eshiiyaa kibbaa keessatti guddaadha. Namoota 100,000 keessaa 24 ni du'u.
- Biyyoota guddatan keessatti ammoo gadaanaadha. Jechuunis namoota 100,000 keessaa 13tu du'a jedha.
Yunvarsitii Waashingitanitti Institute for Health Metrics and Evaluation irraa kan ta'an Prof Kiriis Muraay, qorannoon kun odeeeffannoo haaraa baay'ina du'aa sababii dhibeen qorichaan wal baruutiin addunyaa guutuutti mudatu ifa taasiseera jedhan.
Itti dabaluunis yoo balaa dhukkuboota qoricha dandamataniin qaqqabu to'achu barbaadne tarkaanfii ariifachiisaa fudhachu qabnas jedhan.
Ogeessonni biraa ammoo biyyoota garaa garaa keessatti sadarkaa dandamannaa hordofuun barbaachisaa ta'u kaasu.
Addunyaa irra caalaan qorichoota argachuu irratti rakkoo qabaachuu kaasuunis kanaafuu aanga'oonni siyaasaa bakka hundattu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennu akka qaban gorsu.














