Dhukkubsataa kaansarii sababa dhibeetiin 'loqoda to’achuu hin dandeenye' dubbatu

Nama hakiimaan haalli fayyaan isaa ilaalamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin Ameerikaa erga dhibee kaansarii pirosteetiin qabamee booda takkaa otoo Ayerlaand dhaqee hin beekiin ‘loqoda Ayiriish to’achuu hin dandeenye’ dubbachu eegaluu qo’attoonni himan.

Namtichi lammii Ameerikaa, Kaaba Kaaroliyinaa jiraatufi umriin isaa ganna 50 keessa ta’e kun sababa dhibeetiin tasa loqoda dubbii biyya biraa(foreign accent syndrome) dubbachu eegale jedha barruu dhimma fayyaa Biritiish.

Namtichi maatii Ayerlaand hin qabne kun amma lubbuun jirutti loqoda Ayerlaand akka dubbatu isa taasisera.

Waggoota muraasaan asitti addunyaarratti namonni haala walfakkaatuun loqoda biyya hambaa to’achuu hin dandeenye horatan argamaniiru.

Dhimma kana Yuuvarsiitiin Duuki, kan Kaaba Kaarolayinaatti argamufi Giddigaleessi Qorannoo Narvii Kibbia Kaarolayinaatti argamu walta’iinsaan qorataa turan.

''Hanga beeknutti loqodni dubbii biyya biraa kun dhukkubsataa dhibee kaansarii pirosteetirratti arguun keenya kan jalqabaati’’ jedhan namni gabaasa qo’annoo sana dhiyeessan.

Ragaaleen eenyummaa dhukkubsataa kanaa ibsan kan akka maqaa, lammummaan fa’aa gabaasa dhiyaate sana keessatti hin eeramne.

Gabaasichi akka jedhutti, namtichi wayita umriin isaa ganna 20 keessa ture Ingilaand jiraate, firoottan isaa fagoon warra Ayerlaanditi jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta’u malee, inni loqoda afaan birootiin takkaa dubbatee hin beeku.

''Loqoda Ayerlaand inni dubbataa ture to’achuun hin danda’amne, haala dubbiisaa hunda keessatti mul’ata, adeemsa keessa jabaacha deeme,’’ jedhan qorattoonni.

Loqoda kana dubbachuun kan isa eegalee wal’aansa hordofuu erga eegalee ji’oota 20 erga lakkoofsise booda jedhu qorattoonni.

Yeroo haalli dhibeesaatii itti jabaata adeeme, loqodni dubbii sun hanga ji’a tokko booda du’utti irratti mul’ata ture.

''Rakkoo niwurolojii qorannoon mirkanaa’e hin qabu ture, akkasuma rakkoo saayikatirik ta’ees irratti mul’ataa hin turre ykn qorannoon MRI sammuun isaa sirrii dalagaa akka hin jirre hin argine,’ jedha gabaasni dhiyaate.

Keemikaalaan (chemotherapy) gargaaramuun dhukkubsataan kaansarii kun wal’aanamaa turullee, seelonni kaansarii kun gara sammuutti babal’achuun dhukkubsataan kun du’aan boqote.

Qorattoonni sagaleen dhukkubsataa kana rakkoo niwuroljii 'paraneoplastic neurological disorder (PND)' jedhamuun uumamuu hin oolle jedhanii shakku.

Rakkoon PND jedhamu kun wayita madinummaan qaama dhukkubsata kaansarii qabame sanaa kutaalee sammuu, narviiwwan, maashaaleefi ispaayinaalkoordii huban mudata.

Namoonni rakko loqoda biyya hambaa dubbachuutiin rakkatan, yeroo haasa'an sagalee ''nama sirriitti hin beeknee tokko mana keessaa dhageenya,’’ jedhan.

Bara 2006tti dubartiin lammii Ingilizii Liindaa Wooker jedhamtu dhibee istirokiin rakkataa turte loqodni dubbii ishee kan Jaamiyikaa fakkaatuun bakka bu’ee ture.

Yeroo jalqabaatiif taateen akkasii kan gabaafame bara 1941'tti yoo ta’u, dubartiin lammii Noorwey waraana addunyaa lammaffaarratti boombii xiyyaara irraa darbatameen erga hubamteee booda loqoda afaan Jarmanii dubbachuu akka eegalte gabaafame ture.

Sana booda basaastuu Naazii Jarmaniiti jedhamuun hawaasa naannootiin moggaatti dhiibamaa turte.