Gosa kaansarii mallattoo yeroo mana fincaanii teenyu arginuun adda baasnu

Dubartii mana fincaanii jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Kaansariin mar’immaanii lubbuunshee kan darbe dubartiin ganna 40 Deemii Deebraa Jeems, dhukkubicha dafanii ofirratti baruuf namni hundi jijjirama bobbaa irratti argu akka hubatuuf gorsaa turte.

Ofii kaansarii mar’immaaniin qabamu keenya akkamiin adda baasuu dandeenya?

Rakkoo fayyaa kana wajjin wal-qabatu karaa sadii hubachuun akka danda'amu gorfama:

• Bobbaa wayita teenyuutti dhiiga diimaan ykn kan akka gurraachaa yoo irratti argame, • Mana fincaanii irra deddeebiin fayyadamuu, garaa kaasuu fi goguu, • Nyaataan booda garaan kan guute fakkaachuu fi kutaa garaa gara gadiirra dhukkubbiin namatti dhagahamuu ykn dhiitoon jiraachuu.

Warreen kana qofa osoo hin taane kaansarii mar’immaaniin wal-qabatee mallattoowwan armaan gadiis ni mul’atu.

Ulfaatinni qaamaa hir’isuu, mana fincaanii fayyadamuun booda akka hin fayyadamnetti dhagahamuu, isa barameen addatti dadhabuu.

Mallattoowwan kunneen mul’atan jechuun garuu kaansariin nu qabeera jechuu miti.

Haa tahu malee mallattoowwan kunneen torbee sadii oliif yoo itti fufan akkasumas miirri nutti dhagahamu sirrii yoo hin taaneef haakiima marii’achuun nurra jiraata.

Kanaanis qorannoon qixaa taasifamee kaansarii yoo taheefi sadarkaa tokkoffaarra jira taanaan yaaluuf salphaa taha.

Yeroo tokko tokko kaansariin bobbaan akka sirnaan hin baane gochuun dhukkubbii garaa, garaan goguu fa’i nutti dhagahamuu danda’a.

Rakkoon akkasii yeroo mudatu otoo boodatti hin jedhiin gara hakiimaa deemuun qorannoo barbaachisu gochuun barbaachisa.

Mallattoo dhukkbichaa akkamiin adda baasuun danda’ama?

Yeroo mana fincaanii teessanii bobbaa baatan ilaalaa, waan addaa yoo argitan hakiima bira deemaa.

Keessattuu mallattoo dhiigaa yoo argitan waan salphaattii bira dabartan tahuu hin qabu. 

Yeroo tokko tokko ujummoo bobbaan keessa darbu irra hidda dhiigaa jiru irratti dhiita’uun gaafa jiraatu dhiigni diimaa bahuu mala. Garuu kuni kaansarii mar’immaaniin mudachuu danda’a.

Dhiigni akka gurraachaa yoo mul’ates kuni kan mudate rakkoo fayyaa garaacha ykn mar’immaan irratti mudateen tahuu waan maluuf yaaddessaa tahuullee danda’a.

Kanaan alas bobbaan qal’achuu, irra deddeebiin mana fincaanii deemuun fa’i jiraachuu mala.

Haala gahaa taheen bobbaa bahu dadhabuufi garaan namatti ulfaachuun fa’i mudata.

Marsariitiin UK dhimma kanarrtti odeeffannoo kennu gara hakiimaa deemuun dura mallattoowwan eeraman galmeessuun akka barbaachisu hima. Kunis hakiimatti otoo hin irraanfatiin tokko tokkoon himuuf fayyada.

Nama mana fincaanii jiru

Madda suuraa, Getty Images

Kaansariin mar’immaanii sanyiin darbaa?

Gosti kaansarii mar’immaanii sanyiidhaan hin darbu. Haata'u malee miseensi maatii waggaa 50 dura dhukkubichaan qabamaniiru taanaan kana hakiimatti himuun barbaachisaa dha.

Gosa kaansarii maar’immaanii keessaa walakkaa caalaa haala jireenyaa fayyaalessa tahe hordofuun dursinee kan ittisuu dandeenyu dha.

Ispoortii hojjechuu, nyaata qaccee qabu soorachuu, cooma hir’isuufi guyyaatti bishaan burcuqqoo jahaa hanga saddeet dhuguun kaansarii mar’immaanii dursanii ittisuuf nu dandeessisa.

Kaansariin marrumaanii attamiin adda bahu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images

Kaansarii mar’immaanii akkamiin adda baasuun danda’ama?

Mallattoowwan kaansarii mul’annaan saffisaan hakiima bira deemuun dhukkubicha to’achuuf murteessaa dha. Qorannoon kunis kutaa mar’immaanii hunda kaameeraa fayyadamuun meeshaa agarsiisu(kolonoskooppii) dhaan taasifama.

Yookiin kutaa murtaa’ee ilaaluuf immoo (sigmoodooskooppii) meeshaa jedhamuun qorannoon kuni adeemsifamuu mala.

Dhukkubichi sadarkaa duraa irra otoo jiruu baramnaan miidhaa guddaa otoo hin dhaqqabsiisiin yaalamuu ni danda’a.