'Afrikaatti fonqolchi hammaachuun ardichaaf xumura dimokiraasii miti'

Waggaa darbe Giinii keessatti waraanni aangoo yoo fudhatu simannaa taheef

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Waggaa darbe waraanni aangoo yoo fudhatu simannaa taheef

Biyyoota Afrikaa shan keessatti fonqolchi mootummaa gaggeeffamuun waraanni aangoo qabateera. Kana irraa ka'uun namootni muraasni ardichatti dimokiraasiin sirna bulchiinsaa filatamaa tahuu dhiisuu mala jedhan. Garuu namootni lama Imbule `Nizigee fi Niik Chiismaan jedhaman hanqinuma isaa waliin dimokiraasiin Afrikaaf karaa tokkicha ishee baasudha jedhu.

Garuu sababootni fonqolchi mootummaa akka gaggeeffamu godhan maal fa'i? Humni waraanaa hoo gara dimokiraasiitti deebisaa? gaaffilee as keessatti ka'aniidha.

Afrikaatti fonqolchi mootummaa dabalaa dhufuun bara bulchiinsa humna waraanaa 1980 keessatti deebi'aa jira jechuun sodaa uumeera.

Burkina Faasoo, Chaad, Giinii, Sudaanii fi Maalii keessatti mootummaan humnaan fonqolchamuun humni waraanaa aangoo harka galfate.

Haalichi inumaayyuu amma yaaddoo kan uume yoo tahu yaaliin fonqolchaa fashalaa'es Sentiraal Afrikaa Rippaabilik keessatti kan gaggeeffame yoo tahu, Giinii Bisa'oo keessattis guyyoota muraasa dura yaalameera.

Biyyoota fonqolchi keessatti gaggeeffame keessatti sagaleen dhagahamu dimikoraasiin akka hin hojjennee fi hojjechuu hin dandeenye akeeka.

Odeessaalee kanaan walitti dhiyaatan:

Pirezidaantotni filannoon aangoo qabatan gaafa humnaan kaafaman biyyoota tokko tokko keessatti uummanni daandiitti bahuun gammachuu isaanii ibsatu.

Garuu kana irraa ka'uun Afrikaa keessatti dimokiraasiin du'aa jira jennee fonqolcha mootummaa akka ragaatti dhiyeessuun dogogora tahuu mala. Biyyootuma fonqolchi keessatti gaggeeffame keessatti uummatni bulchiinsa dimokiraasiin buluu barbaada. Mootummaa abbaa irrees ni balaaleffatu.

Akkaataa Paartilee hedduun siyaasa keessatti hirmaataa jiran yaaddessaa tahus gidduugaleessaan dimokiraasiin madda guddina dinagdee fi carraa hojii uumuu akka tahe qorannoon Yuunvarsiitii Koornel kan Ameerikaatti argamu agarsiisa.

Faallaa kanaan bulchiinsi humna waraanaa mirga namaa sarbuu fi guddina dinagdee quucarsuun beekamu.

Deeggartootni kubba miilaa Maalii suuraa dursaa fonqolcha mootummaa Kolonel Asimii Gooyitaa agarsiisaa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartootni kubba miilaa Maalii suuraa dursaa fonqolcha mootummaa Kolonel Asimii Gooyitaa agarsiisaa jiru

Karaa biraan ammoo Afrikaan bu'aa dimokiraasii ni galfatti. Rakkoon kan maddu yeroo gaggeesitootni karaa dimokiraatawaa filataman fedha uummataa faallessuun aangoo isaanii tursiifachuuf jecha imaammata dimokiratawaa hin taane hordofanidha.

Kun qabxii murteessaadha. Biyyoota akka Giinii fi Maalii keessatti jaalatamummaa isaanii hin dhabne. Sababni isaa ammoo dimokiraasii gaarii jedhame fiduun hn milkoofne. Sirni bulchiinsaa kun haala qabatamaa Afrikaa keessaa waliin waan hin deemneef.

Pirezidaantotni deeggarsa qaban dhaban. Hookkarri biyyatti dabalaa dhufnaan duudhaalee dimokiraasii jiran hin eegne. Burkina Faasoo fi Maalii keessatti sochiin jihaadistootaa akkaan dabalaa dhufe.

Namootni tibbana fonqolcha mootummaa gaggeessan maaliif galateeffataman jennee yoo gaafanne dubbiin isaa ifadha.

Giinii keessatti bara 2020 pirezidaanti Alfaa Koondee karaa falmisiisaa taheen heera biyyattii jijjiiruun yeroo sadaffaaf akka dorgomuuf haala mijeeffate.

Kun tooftaa takkaa hin jaalatamnedha. Sababni isaa ammoo kun rifarandamiin heeraa gaggeeffamee yookaan ammoo filannoon waliigalaa gaggeeffamuun karaa walabaa fi haqa qabeessaa taheen kan injifate miti.

Kana malees tibba fonqolchi gaggeeffame irra abbaa irree akka tahe agarsiisaa ture. Aktivistoota mootummaa isaa mormanii fi paartilee mormituu hidhaa ture.

Akkasumas pirezidaantiin duraanii maalii Ibiraahim Boobakar Keetaa filannoo bara 2020 kessa gaggeeffame waliin dhaheera jedhamuun himatame.

Malaammaltummaan haalaan dabaluu fi hookkarri cimuun bulchiinsa isaa seera qabeessummaa dhabsiise.

Biyyoota lameen keessatti gaggeesitootni siivilii kunneen jaalatamummaa isaanii dhabaniiru. Sababni saa ammoo ofumaan duudhaa dimokiraasii keessaa bahaniiru.

Dgugumatti garuu uummatni baay'een fonqolcha Alfa Kondee fi Keetaa aangoo irraa kaase haa deeggaran malee qorannoo Afrobarometer gaggeesseen lammiileen Giinii % 76 tahanii fi lammiileen maalii % 70 tahan bulchiinsa humna waraanaas hin barbaadan.

Lammiileen Sudaan bulchiinsi humna waraanaa akka dhaabbatuuf mormii gaggeessaa turan, Sudaan Kaartum, Amajji 30, 2022.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Sudaan bulchiinsi humna waraanaa akka dhaabbatuuf mormii gaggeessaa turan

Fakkeenyaaf Sudaan keessatti bara 2021 keessa uummatni daandiitti bahuun bulchiinsa humna waraanaa mormaa ture. Humni waraanaa kun yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa kan turan Omar al-Bashir aangoo irraa kaasuun boodarra gara bulchiinsa siivilittii deebisu jedhamuun abdatamanii ture.

Mormii kana irrattis namootni hedduun madaa'uun gara 79 kan tahan ajjeefamaniiru.

Uummatni Sudaan mirgootni dimokiraasii isaanii hanga mirkanaa'anitti mormii itti fufaniiru.

Sababni tokkichi ammayyuu biyyoota Afrikaa keessatti inumaayyuu bakka kana dura hojiirra hin oolle keessattillee dimokiraasiin barbaachisuuf mootummootni abbaa irree gahumsaan uummata tajaajiluu dadhabuu isaaniiti.

Ruwaandaan akka fakkeenyaatti yoo kaatu, akka Afrikaatti waan ''namni jabaan'' hojjechuu danda'u jedhamteeti. Guddina dinagdee fiduun malaammaltummaa ammoo hir'iseera.

Kigaliitti konkolaatotni Volkswagen elektirikaan hojjetan bakkatti chaarji godhatan Sadaasa 2, 2021.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ruwaandaan akka gidduugala gabaa teeknolojiitti of ibsiti, mootummaan garuu hin qeeqamu

Ruwaandaan bulchiinsishee ala kaan addadha. Walumaagalatti hanqinni itti gaafatamummaa fudhachuu bulchiinsa humna waraanaa fi abboota irree jalatti mudatu malaammaltummaan haalaan akka dabalu gochuun imaammatni dinagdee dadhabaan akka hojiirra oolu taasisa.

Gidduugaleessaan dimokirasiin Afrikaa keessatti guddina dinagdee guddaa fi tajaajila uummataa fooyya'aa yoo fideera. Walitti bu'insi xiqqaachuun sarbamni mirga namoomaas akka gadi bu'u godheera.

Dachee Afrikaa irratti hojiin mootummoota abboota irree dadhabaa tahee fi murteewwan jireenya keenya miidhan keessatti sagaleen keenya akka dhagahamuuf fedhiin qabnu deeggarsi dimokiraasiif qabnu guddaa akka tahu godheera.

Humniwaraanaa gaafa aangoo qabatu kan waadaa seenu ol aantummaa seeraa kabachiisuufi dimokiraasiin biyyattii balaa irra akka hin buuneefi jedha.

Waan kana jedhaniif inni guddaan garuu akka hawwaasa idil-adunyaan hin balaaleffatamneefi qoqqobbiin irratti hin darbieef.

Bakka baay'eetti humnootni waraanaa fonqolchaan aangoo qabatan ammayyuu gara bulchiinsa siiviliitti osoo hin deebisiin turan.

Karaa biraa aangoo kana qabachuun bu'aa isaa mi'eeffataa jiraachuu agarsiisa. Kana ammoo dabarsanii kennuu hin barbaadan. Gama biraan ammoo pirokektii siyaasaa yeroo dheeraaf turu xumurachuu barbaadan waan qabaniifi.

tasgabbii biyyattii keessatti buusuun mootummaan dimokiratawaa akka hundaa'u goona jechaa waadaa galaa turanii kabajuu dhabuun boodarra uummatas dheekkamsiisuun gara isaaniin buusuuf mormuutti deebisaa jira.

Haala kana keessaa bahuuf fonqolcha gagggeessuun filmaata miti. Fonqolchi kamiyyuu dhaabbilee dimokiraasii dadhabsiisuun aangoo afaan qawween argameef bakka kennu.