Maalii: Jeneraalota waraanaa fonqolcha mootummaa Maalii duuba jiran

Koloneel Maalik Diyaaw

Madda suuraa, EPA

Loltoonni Maalii erga Pirezidaantii biyyattii Boubakar Keyitaa aangoorra buqqisanii booda mootummaa ce’umsaa hundeessuun gara filannootti deemuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Dubbi himaan loltoota Maalii Koloneel Ismaa’e Wague, biyyattiii jeequmsa kana caalu keessatti akka hin kufneef waan hunda ni hojjenna jedhan.

Kibxata kaleessaa(Hagayya 19,2020) aangoo kan gadi dhiisan Pirezidaanti Boubakar Keyitaa ana aangoorra tursuuf dhiigi akka dhangala’u hin iyyamu jedhanii turan.

Gamtaan Afriikaa, dhaabbileen gamtaa biyyoota lixa Afriikaa fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fonqolcha mootummaa kana balaaleffataniiru.

Koree Ummataa fi Biyyattii Baraasu, ‘National Committee for the Salvation of the People’, jechuun kan of waaman himni waraanaa kunneen aangoo qabatanii turuuf fedhii akka hin qabne ibsaniiru.

‘’Aangoorra turuuf osoo hin taane filannoof haala mijeessuuf hojjenna’’ jedhan Koloneel Ismaa’el.

Fonqolcha mootummaa Maalii duuba eenyutu jira?

Fonqolcha mootummaa Maaliitti kaleessa mudate, kan Pirezidaant Boubakar Keyitaa aangoorraa buqqise kan qindeessan Itti Aanaa Itti Gaafatmaa Mooraa Waraanaa biyyattii kan ta’an jeneraala waraanaa biyya Firaansitti leenji’aniidha.

Qondaaltonni gameeyyiin waraanaa fonqolcha mootummaa sana qindeessanii raawwatan eenyufaa akka ta’an dameen BBC Moniitariing jedhamu akkanaan qindeesseera.

Koloneel Maalik Diyaaw

Namni kun qondaalli waraanaa gameessa Itti Aanaa Hoogganaa mooraa waraanaa Kaatii, bakka fincilli itti eegaleeti.

Namni kun dhiyeenya kana Raashiyaa leenjiirra turanii deebi’uurraan kan hafe odeeffannoo bal’aan waa’eesaanii ibsu ammallee hin argamne.

Humna Waraanaa Qilleensaa biyyattiitti Itti Aanaa kan ta’anii fi Humna Waraanaa amma aangoo harkaa qabuuf dubbi himaa kan ta’an Koloneel Ismaa’el Wague’tti aanuun qondaala waraanaa jabaa biyyattiin qabduudha.

Koloneel Sadio Kamara

Koloneel Sadio Kamara

Madda suuraa, EPA

Bara 1979 Kibba Maalii bulchiinsa Koulikoro jedhamu naanawa Kaatii’tti kan dhallatan Koloneel Sadio Kamara duraan akkaadaamii humna waraanaa Kaatii’tti daarekara turan.

Kolleejjii Leenjii Waraanaa Kouliikoro keessaa kabajaa guddaadhaan eebbisfaman.

Duuba Kaaba Maaliitti ramadamuun hanga bara 2012’tti jeneraala waraanaa biyyattii, Jeneraal El Hajji Gamaou jalatti ergama nageenyaa ba’achaa turan.

Ergasii Daarektara Mooraa Leenjii Waraanaa Kaatii ta’anii hanga Amajjii bara kanaatti hojjetanii isa booda gara Raashiyaa leenjiif imalan.

Barruun Maalii Tribune jedhamu akka gabaasetti jalqaba bara kanaa iyyama waggaa boqonnaasaanii ji’a tokko fudhachuuf gara magaalaa Baamaakoo imalanii turan.

Jeneral Cheick Fanta Mady Dembele

Jeneraalli kun dhaabbata ergama nageenya eegsisuuf dhaabbate ‘Alioune Blondin Beye peacekeeping Institution’ jedhamutti daarekaradha.

Bara 2018 ture gara Birgaader Jeneraalitti kan guddatan, achuma ergama nageenya eegsiuu fudhachuun dhaabbata kana hoogganuu eegalan.

Osoo ergamni kun itti hin kennamin dura qondaala eegumsa nageenyaa Gamtaa Afriikaa turan.

Jeneraal Dembelen wiirtuu leenjii waraanaa Firaansi Saint-Cyr keessaa eebbifaman.

Kolleejjii leenjii waraanaa Kouliikolo keessattis baratanii ba’an.

Jeneraal Dembelen Yuuniversitii Paaris ‘Panthéon-Sorbonne’ irraas barnoota seenaatiin digirii jalqabaa barataniiru.

Yuuniversitii biyya Jarman ‘German Federal Army’ kan magaalaa Muunik keessatti argamurraammoo barnoota injinariingiitiin digirii lammaffaa(MA) fudhataniiru.