Yaa'ii Gamtaa Afrikaa: Hogganoonni Afrikaa 'fonqolcha mootummaa hammaate' balaaleffatan

Fonqolchi as dhiyoo torbee lama dura BurkinaaFaasoo keessatti raawwatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fonqolchi as dhiyoo torbee lama dura BurkinaaFaasoo keessatti raawwatame

Hogganoonni Afrikaa yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaatan fonqolcha mootummaa waggaa darbe walitti fufinsaan biyyoota Ardittii keessatti raawwatamaan balaaleffatan.

Dhiyeenya kana lakkoofsi fonqolcha mootummaa Afrikaa keessatti raawwatamuu, filannoo fi aangoo karaa nagaa waliif dabarsuun babal'achuu hordofee xiqqaachaa ture.

Biyyooni humni waraanaa isaanii mootummaa fonqolchuun dhiyeenya aangoo fudhate lamaan Burkinaa Faasoo fi Maaliin, lola hidhattoota 'Islaamiistii' waliin godhaniin goolamaa jiru.

Torbee darbe Giinii Bisaawu keessattis fonqolchi mootummaa kan yaalamee ture ta'us, pireezidantiin biyyattii yaalichi fashaluu himan.

Biyyattiin biyyoota Laatiin Ameerikaa kookeenii omishanii fi gabaa biyyoota Awurooppaa jidduutti kan argamtu yoo ta'u, akka ulaa daddabarsa qoricha kanaatti tajaajilti.

Pireezidantiin biyyattiis fonqolcha mootummaa yaalameef gareelee hamoo qoricha kana daddabrsanitti quba qaban.

Pireezidantiin Gaanaa Naanaa Akufoo Adoo torbee darbe yoo dubbatan, fonqolchi Maalii keessatti raawwatame, biyyoota ollaatti daddarbee humnoonni waraanaa Burkinaa Faasoo fi Giiniis kakaaseera jedhan.

Fonqolchawwan biyyoota Lixa Afrikaa keessatti raawwatamanii deeggarsa uummata biyyoota kanneenii argatanillee, fonqolchi Onkoloolessa darbe Sudaan keessatti raawwatame, mormii kaasee jira.

Kanneen bulchiinsa siiviilii deeggaruun hiriira bahan irratti tarkaanfii fudhatameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Walgahii Sanbattan irra Finfinneetti taa'ame irratti hogganoonni hundi "sagalee tokkoon bu'uura heeraa malee mootummaa jijjiiruu walitti fufiinsaan mul'ataa jiru balaleffataniiru" jedhan hogganaan mana maree nageenyaa fi tasgabbii AU, Bankoolee Adiwooyee.

Mootummaa humna waraanaan ijaaramu kamiifuu obsa hin qabnu jedhan.

Fonqolcha raawwatame hordofee biyyoonni afur Burkinaa Faasoo, Giinii, Maalii fi Sudaan miseensummaa AU keessaa ugguramaniiru.

Tarkaanfiin akkanaa waggaa tokko keessatti qofa biyyoota afur irratti yoo fudhatamu kun kan duraati.

Haata'u malee AUn tarkaanfii wal fakkaataa Chaad keessatti fudhachuu dhabuu isaatiin kan qeeqan jiru.

Pireezidantiin Chaad Idiriis Deebii Eebla darbe adda waraanaatti ajjeefamuu isaa hordofee humni waraanaa biyyattii ilma isaa bulchaa biyyattii godhee muude.

Biyyoonni Afrikaa kolonii jalaa bahuu hordofee baroota 1960mootaa fi 70moota keessa fonqolchi hedduutu ture.

Erga 1990moota as garuu xiqqaachaa dhufe. Barkurnee lamaan darban jechuunis 2000-2010 akkasumas 2010-2020 fonqoolcha saddeet saddeet walumaagalatti fonqolcha 16tu raawwtame ture.

Erga bara 2020 as garuu waggaa lama qofa keessatti fonqolchi jaha raawwatameera.

Bar chart of Africa coups
1px transparent line

Finfinnee kan jiru gabaasaan BBC Qaalkidaan Yibalxaal akka jedhutti AUn waraana waliinii Itoophiyaa lubbuu lammilee kumaatamaan lakkaa'amanii gaaga'e dabalatee rakkoolee nageenyaa Ardii Afrikaa keessa jiru gama furuutiin hojii jabaa hojjechuu dhabuun qeeqama.

hogganaan mana maree nageenyaa fi tasgabbii AU, Bankoolee Adiwooyee garuu AUn rakkoo Itoophiyaa furuuf guyyaa jalqabaa irraa eegalee hojjetaa ture jedhu.

Gamtaan Afrikaa ergamaa addaa muuduun waraana Kaaba Itoophiyaa furuuf yaalii gochaa kan jiru yoo ta'u, yaa'ii isaa miilanaa irratti Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jabuutii miseensa garee kanaa akka ta'an murtaa'eera.

Jabuutin miseensa mana maree nageenyaa fi tasgabbii AU ta'uun filatamtee jirti.

Yaa'iin kun dhimma Israa'eel kan taajjabduu dhaabbii AU taatee bara darbe beekamtiin kennameef irratti falmii godhamuuf ture yeroo biraatti dabarse.

Murteen bara darbee kun biyyoota akka Aljeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa irraa mormii jabaatu mudate.

Biyyoonni biroo akka Paalastaayin fi Chaayinaa beekamtii taajjabdummaa dhaabbii kan qaban yoo ta'u, yaa'ii Gamtaa Afrikaa kam irrattuu ni hirmaatu garuu dhimmoota murtii barbaadan irratti sagalee hin kennan.