Hogganaan fonqolcha Burkinaa Faasoo Leetanaa Konoleel Daamibaa eenyuu?

Namoonni hiriirara bahuun Dhugaaduuguutti deegarsa waraanaaf qaban agarsiisan suuraa hogganaa waraanaa qabachuun Amajjii 25, 2022

Madda suuraa, AFP

Dargaggeessa dhimma waaraanaa irratti Ameerikaa fi Faransaayitti leenji'e, Leetanaan Konaleen Pool-Henarii Saanda'ogoo Daamibaan Burkinaa Faasoo keessatti fonqolcha motummaa gaggeessuun aangoo siyaasaa dhunfate.

Innis boromtuudhuma waggaa dhalootasaa 41ffaa kabajateetti pirezidaantii ofii jechuun of muude.

Taateewwan fonqolcha motummaa haalaan dabalaa jiru kanas bara darbe keessa Hogganaa Olaanaan Dhaabbata Gamtoomanii Antonii Gutareez ''weerara fonqolchaa'' jechuun sodaa qaban ibsanii turan.

Kan kanaan dura Sudaaniitti eegalamee daangaa qaxxamuree Maayimar gahuun ammas bara haaraa kanas itti fufee jira.

Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaaseetti, Let. Konooleel Daamibaan Wiixata Amajjii 24, 2022 istuudiyoo ifa -xinnoo qabu keessa taa'uun, pirezidaantii biyyattii duraanii kan amma hidhaarratti argaman Rook Kaabore aangorraa buusuu karaa kaapiteenii isaanitiin beeksiisan.

Let. Koloneel Daamibaan aangoo ''Pirezidaantii Gootoota Sochii Nageenyaafi Deebiisanii Ijaaruu'' jedhu qabachuun, hoggantoota waraanaa hoggansa qindoomiinaa sadii Afriikaa Lixaa hundeesse.

Tokkooffaan Kolooneela surra qabeessa Giinii, Maanaadii Duumbooyaa kan bara 1981tti dhalate yoo ta'u, inni lammaffaan ammoo Kolooneela Maalii Asimii Gootaa kan bara 1983tti dhalateedha.

Qondaaltoonni waraaanaa kunneenis biyyoota Afriikaa heddu biratti loogiifamanii fi biyyoota Liixaa biraatti ammoo qawween waan aangoo dhunfataniif qeeqaman illeen, sadanu ammoo biyyasaanii kan Faransaayiin kolooneefataamaa turte keessatti deeggarsa guddaa qabu.

''Hanga beeknuutti kun fonqolcha miti,'' jedha barsiisaa Juulinee Traa'ore wayita taatee umameef gammachusaa ibsachuuf magaalaa guddoo Burkinaa Faassoo Ogaaduguu keessaatti AFPtti dubbateetti.

"Kun gochaa biyya namoota dandeettiin hinqabneen bulfamaa turte bilisa baasuuti'' jedhan barsiisaan kun.

Ilaalchi kunis osoo Let' Konkoleen Daamibaan erga aangoo qabateen booda ummataaf haasaa kan taasisan kaleessa ture. Kunis qondaalli kun ija ummataa kan soodatu ykn pirezidaantii ta'u kan shakkisiisuudha jedhu kaan.

Maddi tika Afriikaa Lixaa hidhata gaarii qabu tokko BBCtti akka himeetti: ''Nama baayyee dubbatu miti, garuu yoo dubbatuutti qaliidhaan fudhachu qabda.''

''Nama dandeettii hoggansaa dhalootaan keennameefi nama kanneen ajaju waliin walitti dhiheenya gaarii qabuudha. Isaaf bu'aawwan lafarra jiranitu isaaf caalaa barbaachisaadha.''

Military announcement on state TV

Madda suuraa, AFP

Akkasumas Let. Kolooneel Daamibaan ogeessaa akaadaamiis ni fakkaata. Kitaaba Waraanaa fi Shororkeessaa Afriikaa Lixaa - Deebiiwwan Sirrii hintaane? jechuun barreesseera.

Kitaabichis dhimma rakkoo cimaa Burkinaa Faasoo mudate, haleellaa rephee loltoota Islaamaa kan erga 2015 kaasee du'a namoota 2,000 fi barattoonni 300,000 barnoota malee hafuun manneen barnootaa akka cufan taasisee qeeqa.

Ibsa bakka isaa kaapteenaan fonqolcha motummaa beeksiiseen dubbifame irratti, Let. Koloneel Daamibaan sababii guddaan akka Mr Kaaboreen aangorraa kaafaman taaseesee haala nageenyaa badaa adeemeedha.

Let Koloneel Daamibaan torbanoota torbaan dura duula farra shororkessummaa kaaba biyyattii keessatti gaggeeffame hogganusaatiin pireezidaantichaan guddinni kennamuf illeen hogganaasaa aangoorraa kaase.

Tarkaanfiin ajjeechaa miseensoota humna nageenyaa 50 Muddee keessa Mr Kaabooreen raawwatame waraanni akka itti aaruuf caalaa kakaasee.

Maddeen tikaa akka jedhaniitti Let. Kolooneenis murtee hoganaasaa duraa aangoorraa kaasuu fudhachu baayyee waan nama dinqsiisiu hin ta'e, sababii ''walakkaa tarkaanfiiwwan hogganaansaa duraanii fudhate nama raawwachu hin dandeenye ta'eef,'' jedhu.

''Innis dhimma riphee loltoota jahaadistootaa akka rakkoo walxaxaa, karaa waraanaa qofaan furamu hin dandeenyeetti ilaala.

"Loltuudhaaf kaan jechuun waan salphaa miti, garuu ammoo inni nama waan yaadu dubbatuudha,'' jedha maddichi.

Barattoota sadarkaa tokkooffaa wayita haleellaan riphee loltoonaa qaqabu maal gochu akka qaban leenji'an Guraandhala 3, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota sadarkaa tokkooffaa wayita haleellaan riphee loltoonaa qaqabu maal gochu akka qaban leenji'an

Seenaan dugduubee Let. Koloneel Daamibaa qondaaltoota waraanaa Burkinaa Faassoo kaaniin walfakkaataadha.

Innis akkaadaamii waraanaa Faransaa keessatti barachuun saayinsiiwwan qorannoo yakkaatiin diigrii lammaaffa dhaabbata beekamaa irraa argateera. Ittaansees eegdoota pirezidaantii keessa hojjateera.

Dhiheenya kana keessa ammoo Daamibaan haala waraanaa milishoota Islaamaa Afriikaa Lixaa keessatti babalifataa jiran walqabatee Ameerikaatti leenjii loltummaa argateera.

Ajajaan US Afriikaa New York Times'f akka mirkaneesseetti, Let Koloneel Daamibaa koorsiiwwan waraanaa Ameerikaatti fudhachuun bara 2010 hanga 2020tti leenjii'uun seera waarana hidhannoo fi eegumsa mirgawwan namoomaa irratti qajeelfamoota fudhachu mirkaneesseera.

Garuu ammoo maddi tikaa BBC'n dubbise, Let. Koloneel Daamibaan humnootii alaa kamiifu galata galchuuf akka hin eegne dubbata.

''Afriikaan rakkoolee isheetiif warra liixaa ykn qaama kamu irratti hirkachuurra, ofiin furuu akka qabdu amana.''

Deeggartoonni Let. Kooleneel Daamibaa wayita fonqolcha raawwatameef gammachusaanii Ogaadhuuguu keessatti ibsaniitti, alaabaa Raashiyaa qabatachuun milishoota Islaamaa waraanuurratti deeggarsa akka taasiftuuf gaafataniiru.

Gaaffii kanas maalii irraa fudhatan. Juntaa Maalii garee waraanaa Raashiyaa galchuun riphee looltoota injifachuuf akka lolu hime ture.