Dursaan fonqolcha mootummaa Burkinaa Faasoo haasawa jalqabaa taasise

Lieutenant Colonel Paul-Henri Damiba, delivers a speech in Ouagadougou, Burkina Faso

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lieutenant Colonel Paul-Henri Damiba led a mutiny that ousted President Roch Marc Kaboré

Dursaan waraanaa Burkinaa Faasoo kan dhiheenya fonqolca motummaa gaggeessuun aangoo qabate, ''wayita haalli mijataa uumamutti'' gara tasgabbii idileetti deebina jechuun waadaa seene.

Letanaal Koloneel Paul-Henri Damiba fonqolcha motummaa pireezidantii biyyattii Roch Kaaboree gaafa Wiixataa raawwateen kan dursedha.

Namni waraanaa kun pireezidantichi hokkora hidhattoota Islaamummaa leellisanii to'achuu dadhaban jechuun himate.

Koofiyyaa loltuu diimaa fi uffata danbii waraanaa uffachuun TV biyyaalessaa gubbaatti kan dhiyaate Koloneelichi, erga fonqolchi taasifameen booda yeroo jalqabaaf uummata biyyattiif haasawa taasise.

''Wayita yeroon isaa sirrii tahu, akkasumas wayita uummanni keenya birmadummaa itti ilaalu gahutti, gara tasgabbii idileetti deebi'uuf waadaan seena,'' jedhe.

Koloneliin ganna 41 Daamibaan, bakka bu'oota qaamolee hawaasaa garagaraa wajjiin walarguun daandii rifoormitti geessurratti mari'annas jedheera.

Fonqolchaan booda balaaleeffannaa isaaniirra gahe hordofees, Burkinaa Faasoon ''yeroo kamuu caalaa'' michoota idil-addunyaa barbaaddi jedhe.

''Hawaasni idil-addunyaa biyya keenya qarqaaruun, hokkora kana keessaa dafnee akka baanu akka godhu waamicha koon dhiyeessa.''

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita waraanni aangoo qabachuusaa kallattiin TV irratti beeksise kana daawwadhaa

Guyyaa Wiixataa waraanni aangoo qabchuusaa televizhinii biyyoolessaa irratti hime. Sababa waraanni aangoo qabateef wayita ibsanittis, haala nageenyaa hammaachaa deeme kaasan.

Aabba Kaaboreen hidhattoota Islaamummaa leellisanii to'achuu dadhaban jedhamuun dhiibbaan itti cimaa ture.

Lt-Col Damibaan lola hidhattoota kannneen wajjiin taasifamu adda durummaan kan dursaa ture oggaa tahu, waa'ee kanarrattis bara dabre keessa kitaaba barreesseera.

Biyyattii ollaa Maalii keessatti dhimmuma kanatu fonqolcha mootummaa bara 2021tti geessise. Fonqolchi kunis uummata biyyattii gara caaluun simatameera.

Burkinaa Faasoon biyyoota Lixa Afrikaa keessaa dhiyeenyatti fonqolchi mootummaa itti raawwate isee sadeessoo taatee jirti. Biyyoonni Giinii fi Maalii, gara mootummaa idileetti akka deebi'an qaama naannichaa Ekowaasiin qoqqobbiin irra kaa'ameera.

Qaamni naannichaa Ecowas dhimma fonqolchaa kanarratti mari'achuuf gaafa Jimaataa walgaha jedhamee eegama.