MM Sudaan Abdallaa Hamdook mormii guddaa booda aangoo gadi dhiisan

Mormitoota nama miidhame baatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Sudaan ammas mormitoota Diimokiraasii deeggaran irratti tarkaanfii jabaa fudhate

Hiriirri moormii guddaa biraan magaalaa guddittii Kaartuum keessatti erga gaggeeffamee booda, Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook aangoo gadhiisaan.

Waliigaltee MM Hamdook dhiyeenya humna waraanaa Onkololeessa keessaa isaan fonqolchee ture waliin taasisan mormuun namootni kumaatamaan lakkaa’aman hiriira ba’aniiru.

Dhaaddannoo “aangoon uummataaf” jedhu dhageessisaa, aangoon bulchiinsa siviiliitti akka deebi’uuf gaafataniiru. Ta’us garuu humnootni waraanaa tarkaanfii cimaa biraa fudhachuun, lubbuun namoota lamaa darbeera.

MM Hamdook aangoo gadhiisuuf murteessuun isaanii, humni waraanaa guutummaatti mootummaa akka to’atu taasiseera.

Erga warraaqsa guddaa booda bulchaan yeroo dheeraa biyyatti Omar al- Bashir bara 2019’tti aangoorraa kaafamee booda, kun yaalii Sudaan bulchiinsa diimokiraatawaa qabaachuuf taasisuuf kufaatii biraadha.

MM Hamdook maal jedhan?

Ibsa TV irratti kennaniin, Hamdook “biyyattiin haala hamaa guutummaatti nageenyashee balaaf saaxilu” keessa jirti jedhaniiru.

Biyyattiin “balaatti akka hin seenne” goochuuf hanga danda’an yaalanis “ wanta yaalame hundarra darbee garuu waliigalteerra ga’amuun hin danda’amne” jechuun himaniiru.

Onkololeessa 25 humni waraanaa fonqolcha raawwatee aangoo erga qabatee booda MM Hamdook mana keessatti hidhamee ture.

Boodarra waliigaltee Hamdook waliin Sadaasa keessa taasifameen, aangoo ministira muummichaatti deebifamuun hanga filannoon gaggeeffamutti kaabinee akka hoggananiif yaadamee ture.

Ta’us garuu mootummaan siiviilii haaraan kun aangoo hagamii akka qabaatu ifa hin turre, mormitoonnis humna waraanaa akka hin ammanne himu.

Dilbata nammootni kumaatamaan lakkaa’aman daandilee Kaartuum fi Omdurmaanitti ba’uun, humni waraanaa siyaasa keessa akka ba’u gaaffachuun dhaaddannoo dhageessisaa turaniiru.

Miidiyaa hawaasummaa irratti rogeessoonni barri 2022 “wagga itti mormiin itti fufu ta’a” jedhaniiru.

Fonqolcha mootummaa kana booda, hiriirota mormii irratti namootni 50 ol ajjeefamuu isaanii, Gartuun Oggeessota Fayyaa Deeggartoota Dimookraasii Sudaan ni hima.

Fonqilchicha kan hogganne Jeneraal Abdel Fattaa al- Burhaan, fonqolchi Onkoloolessaa kun, murtoo humni waraanaa, waraana wal-waliinii ka’uuf deemu dhaabuuf taasisedha jechuun falma.

Filannoo bara 2023’tti gaggeeffamuuf karoorfameen, Sudaan gara bulchiinsa siiviliitti ce’uuf kaayyoo akka qabdus hima.