MM Sudaan bulchitoota naannolee humna waraanaan muudaman kaasan

Madda suuraa, AFP
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdok, bulchitoota naannolee kanneen ajajaa waraana biyyattii kan baatii Onkololessaa keessa fonqolcha mootummaa gaggeessee tureen muudaman kaasan.
Mr Hamdok dabalate qondaaltoonni miseensa motummaa ce'umsaa garee siviilii hedduun ajajaa waraana biyyatiin to'annaa jala olfamunsaanii ni yaadatama.
Mr Hamdok gama isaanitiin erga aangoo ministira mummee irraa kaafamaniin booda amma waliigaltee duree fonqolchichaa kan ta'e Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaan waliin taasifameen booda gara aangootti erga deebiifamanii ganaa baatii tokko hin guunne.
Ministirri Mummee Hamdok gara aangootti erguma deebifaman boodas ministiroota ajajaa waraanaa kanaan muudaman hedduu jijiiranii ture.
Ministiroonni Mr Hamdok jijjiran muraasni isaanii kanneen bulchiinsa abbaa hirree duraanii kan Pirezidaanti Omaar al-Bashiriin durfamu waliin walitti dhufeenya qaban jedhameera.
Lammiileen Sudaan baayyeenis hanga ammaattuu waraanni taateewwan siyaasa biyyattii keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuusaatti baayyee aaru.
Kanaan walqabatees erga fonqolchi motummaa baatii Onkolooleessaa keessa biyyattiitii waraanaan gaggeeffamee kaasee hiriirri mormii gaggeeffamaa turunsaa ni yaadatama.
Kana malees gochaan fonqolcha motummaa waraanaan gaggeeffame kunis biyyootaafi dhaabbilee idil-addunyaa kana akka baankii addunyaafi gamataa afriikaa dabalatee balaalleeffannaa cimaatu irra gahe.
Tarkaanfii humnaa waraanni namoota mormiif bahan irratti fudhateenis lubbuun namoota hedduu baduunsaa gabaafameera.
Ammas gaheedhuma waraanni siyaasa biyyattii keessatti qabaachaa jiru kana mormuudhaaf Wiixata har'a hiriirri mormii biraa gaggeeffamuun akka jiru maddeen himan.
Odeessaalee walfakkaatan dubbisuuf:
















