Janaraalli waraanaa Sudaan UN akka gargaaruuf waamicha taasise

Madda suuraa, AFP
Hogganaan waraanaa Sudaan Janaraal Abdal Fattaah al- Burhaan motummaa ce'uumsaa akka gargaaruuf Motummaa Gamtoomee (UN)f waamicha dhiyeesse.
Janaraal Burhaan bakka bu'aa addaa UN Voolkar Peertes kan toora tiiwitara isaaniirratti gara heera motummaatti deebii'uuf waliigaluu gammachuun fudhachuun alatti, ''tarkaaffiiwwan murteessoon gara biraa ittaanuu qabu,'' jedhan waliin Kamisa darbe wal arganii turan.
Janaraal Burhaan hanga filannoon gaggeeffamuutti Ministira Mummee Abdallaa Hamdook kan aangootti deebiifaman waliin ta'uun motummaa ce'umsaa inni hundeessuu akka deeggaran himanii ture.
Fonqolchi motummaa waraanaan hoogganamee baatii Onkololeessaa keessaa gaggeeffamuun motummaa ce'umsaa fi Mr Hamdookiin aangoorraa buusee ture.
Mr Hamdook ammoo erga waliigalteen mallattaa'een booda Sadaasa keessa aangootti deebifamaniiru.
Ta'us, hiriirri ummataa aanga'oota waraanaa irratti battaluma fonqolchichi gaggeeffametti eegalee ture ammas itti fufeera.
Barreessaa Olaanaan Motummoota Gamtoomanii Antoonii Gutarees fi Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii ummanni gara dimookiraasii nagaatti akka deebi'uuf waliigalticha akka deeggaraniif gaafatanii jiru.
Mr Gutaareez akka jedhaniitti haalichi guutummaatti sirrii miti garuu ammoo tarkaanfii gara dimookiraasii geessuudha.
Manni maree motummaa ce'umsaas baatiiwwan 18 keessatti filannoo akka gaggeessuuf gaafatameera.
Odeessaalee walfakkaatan:















