Waraanni Sudaan, Abdallaa Hamdook aangoo isaanii duraanitti deebise

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook hidhaa mana keessaa ji'a tokkoon booda aangoo isaanii duraaniitti deebifaman.
Mormii jabaan waraana biyyattiirratti gaggeeffamuu wayita itti fufetti, Hamdook hoogganaa fonqolcha mootummaa kana ta'an Janaraal Abdel Fattaah al-Burhaan waliin waliigaltee aangoo qooddachuu yeroo mallatteessan televiziyoona irratti mul'ataniiru.
Hamdook waliigaltee haaraan aangootti haa deebi'an malee, tokkummaan warra siiviilii waggaa lama dura Hamdookiin kaadhime waliigalte haaraa kanaaf beekamtii hin kennu jedheera.
''Hegereen biyyattii kan murtaahu dargaggoota lafarra jiraniin'' jedhan miseensa tokkummaa humnoota Bilisummaafi Jijjiiramaa (FFC) kan ta'an Sadiiq Abuu Fawwaaz.
Daandii magaalaa guddoo Sudaan irratti mormitootni gara masaraa guddichaatti imaluun humni waraanaa guutummaatti aangoo akka gadhiisu yoo gaafatan, qaamoleen nageenyaa ammoo gaazii imimmaanessu itti dhukaasaa turan.
Onkololeessa 25'tti labsiin yeroo muddamaa labsamee kaabineen warra siiviilii erga diigamee, namootni 40 mormii waraanarratti godhame keessa ajjeefamaniiru.
Hamdook yaada haaraa ammaatti kan waliigalan hokkora dhaabsisuuf akka ta'e dubbataniiru.
''Dhiigni Sudaan gati jabeessa, mee dhangala'uu dhiigaa haa dhaabsifnu anniisaa dargaggoos biyya ijaaruufi misoomatti haa qajeelchinu'' jechuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Waliigaltee haaraa kanaan Ministirri Muummee Abdallaa Hamdook kaabinee biyyattii hanga filannootti ni dursu. Haata'u malee mootummaan warra siivilii dhiibbaa waraanaa jalatti aangoo hangamii akka qabaatu ifa miti.
Hamdook Aljaziiraatti yoo dubbatan waliigalteen haaraan kun mootummaa haaraa bilisa ta'anii akka ijaaran kan hayyamuuf akka ta'e fi filannoon Waxabajjii 2023 dura akka gaggeessan dubbataniru. Hidhamtoota siyaasaa hiikuunis qaama waliigaltee kanaati.
Humni waraanaa biyyattii erga fonqolchaa as biyya keessaafi alaatis dhiibbaa guddoon hooggansa duraanii bakkatti akka deebisu irratti godhamaa ture. Baankiin Addunyaa gargaarsa Sudaaniif godhu adda kuteera, Gamtaan Afrikaa miseensummaa biyyattii kaasee ture.
Humnootni Lixaa akka US, UK fi EU'n dhiibbaa gochaa erga turanii booda Hamdookifi bulchiinsi siiviilii bakkatti deebi'uu faara tolaan simataniiru. Hidhamtootni siyaasaa akka gadhiifamanis gaafataniiru.
Akka waliigaltee haaraa kanaatti Janaraal Burhaan hoogganaa biyyaa ta'ee aangoo qabate Hamdookiif gadhiisee ni bu'a jedhamee eegama.
Janaraalichi waraanni aangoo kan to'ateef waraana waliinii biyyattii keessatti dhalachuuf ture hanqisuuf akka ta'e dubbatan.

Madda suuraa, AFP
Waliigalteen haaraan kun akka mallatteeffamu kanneen jaarsummaa taa'an keessaa hayyuuwwan biyyaa, gaazexessitootaafi namootni siyaasaa kan argaman yoo ta'u, seerri waliigaltee kana keessatti ce'uumsa gara dimookrasiif lafa kaahame ni kabajama jedhaniiru.
Haata'u malee waraanni biyyattii waliigaltee kana guutummaatti hojiitti hiika kan jedhu gaaffii guddoodha.















