Fonqolcha Sudaan: Akkamitti akka jeneraalonni Sudaan dhalootakoo ganan

Madda suuraa, AFP
Xalayaawwan walitti aansuudhaan barreessitoota Afrikaarraa isiniif dhiyeessinuun miilana kan gaazexeessaa duraanii BBC Mohaanad Hashim isiniif dhiyeessina. Gaazexeessan kun erga warraaqsaatiin booda Sudaanitti deebiyee jiraachaa jira. Humni waraanaa deebiyee aangoo dhuunfachuu hordofee abdii namoota baay'ee dukkanaa'eera jedha.

Akka miseensa Korporeeshinii Biroodkasting Sudaan (SNBC) tokkootti torban kana keessa hojii kiyya idileerratti argamuudhaaf gara Kaartumitti balali'uun narra ture.
Birodkaastingii biyyaalessaa kana keessa bara darbe Hagayya keessa ture hojjechuu kaniin jalqabe.
Umurii waggaa 19 irraa kaasee baqadhee biyya biraa jiraachaa kanan ture, Sudaan mootummaa abbaa irree waggoota dheeraaf biyyattii bulche Omaar al-Bashir bilisa taatetti deebiyanii hojjechuuf carraa argachuun abjuu bara dheeraa dhugoomedha.
Anaaf carraan kun biyya ijoollummaa kiyya ijaaruuf hiree argachuudha.
Haata'u malee, fonqolcha mootummaa ji'a arbe keessa gaggeeffameen jireenyi kiyya na jalaa bittinnaa'e.
Taateen Sudaan keessatti mudate kun osoon boqonnaa bahee maatii bira biyya UK jiruu ture.
Ani amma hojii maleen hafe. Biyyi kiyyas wayita sochii deeggartoota dimokiraasiin mormiin walitti fufinsaan gaggeeffamaa jirutti humna waraanaan aangoo dhuunfaterraa kan ka'een raafama keessa jirti.
Editorially, all efforts to change the decades-long traditions have been rolled back: SNBC is once again the mouthpiece of the regime"

Namootan gara biyyaatti bilbilee dubbiserraa miira ganamuutu jira.
Lammileen Sudaan hedduun ajjeechaa Waxabajji 3, 2019 yeroo manaa bahuu diduun mormii dhageessisan balbala waajira muummee waraanaa magaalaa guddoo biyyattiitti raawwatame ni yaadatu.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman humni waraanaa aangoo siviliitti akka dabarsuuf gaafachaa turan.
Kun mormiiwwan torbanootaaf Pirezidant Omaar al-Bashir irratti taasifameen booda jeneraalonni waraanaa isa buusanii ji'a lamaan booda kan ta'edha.
Waxabajji guyyaa sanarra garuu, qondaalonni nageenyaa mormitootarratti tarkaanfii fudhachuun yoo xiqqaate namoonni 87 ajjeefamanii ture.
Ammas waggaa lamaa booda madaan isaa osoo hin fayyiin fonqolchi amma raawwatame kun ammoo gaggeessaan olaanaa humnoota Sudaan Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaan si'a lamaffaa waadaa diiguun ummatatti galagale.

Madda suuraa, AFP
Namoonni baayyeen ani beeku gocha qaanii tokko malee akka ofii fedhetti tarkaanfii fudhachuu aanga'aa waraanaa guddaa kana yeroo argan hedduu aaraniiru.
Aangoo dhuunfachuun akkasii kun eegamuu baatus, gaggeessitoota humna waraanaafi sivilootaa erga Hagayya 2019 irraa kaasanii aangoo qooddatanii bulchaa turan gidduutti muddamni tureera.
Ni dhorkamemoo ni abaarame
Fonqolchi mootummaa kun osoo hin raawwatamiin guyyaa afur dura, bulchiinsa sivilii deeggaruudhaan lammileen hiriira guutummaa biyyattii keessatti bahan. Hiriirichis xiyyeeffannoon kennameefiif tamsaasa biyyaalessaan gadhiifamee ture.
Haata'u malee, Onkoloolessa 25 ganama, humni waraanaa hidhannoo guutuun dhaabbata tamsaasa oduu biyyaalessaa SNBC kan Omdurman jiru dhuunfate.
Omdurman magaalaa Kaartumirraa Laga Naayil gamarratti argamti.
Erga humni waraanaa buufata tamsaasaa biyyaalessaa dhuunfatanii booda sirboonni gootummaafi jaalala biyyaa dhaga'amuu eegalan.
Jeneraalonni duraaniifi qondaalonni nageenyaa tarkaanfiin fudhatan sirriifi qajeelaa akka ta'e tamsaasuu itti fufan. Tarkaanfiin fudhanne warraaqsicha oolchuudhaaf, akkasumas daandiitti deebisnee sirreessuudhaaf jedhan.

Madda suuraa, Mohanad Hashim
Guyyoota muraasa itti aananiif, qondaalonni poolisii lama tamsaasa biyyaalessaa sana gaggeessaa turan. Birgeedarri tokko damee TV yoo hogganu, Koloneelli tokko ammoo damee raadiyoo hogganaa ture.
Isaan booda bara Omaar al-Bashir daarektara SNBC kan ture Ibraahim al-Buza'ee akka deebiyu taasifame.
Jaalleewwan waliin hojjennu akka natti himanitti namoonni Bashiriifi paartii duraan biyya bulchaa ture Kongirasii Biyyaalessaaf amanamoo ta'an deebiyanii akka dhufan taasifamaniiru.
Barnoota Islaamummaarratti qabaniin beekamu ture garuu koree sirna bara bulchiinsa Bashir diiguuf hundeeffameen ari'amanii ture.
Miseensonni dhaabbatichaa gariin Ministira Muummee mootummaa sivilii Abdallaa Hamdok kan yeroo ammaa hidhaa mana keessaarra jiruuf amanamoodha jedhamuun hojiirraa dhorkaman.
Kanneen biroo ammoo mootummaa dhimma amantiirraa bilisa jedhame deeggartu jedhamuun arrabsoofi salphifamuuf saaxilamuu himatu.
Namoonni arrabsan ammoo warra deeggartoota fonqolchichaa ta'an MM Hamdokiifi kaabinoota isaa sivilii ta'an qeeqaniinidha.

Madda suuraa, AFP
Akka seera iditooriyaaliitti, carraaqqiiwwan aadaa waggaa dheeraa ture jijjiiruuf taasifame martinuu duuba deebiyeera: SNBC amma deebiyee afaan humna aangoorra jiruu qofa ta'eera.
Yeroo kana TV Sudaan daawwattee jennaan, kan baroota bulchiinsa Omaar al-Bashir keessa turerraan waan adda ta'e hin argitu.
Istuudiyoon haaraa viidiyoowwan LED hedduun guutameefi dhaabbata gargaarsaa USAIDn akka miidiyaa walabaa ta'ee cimuuf, akkasumas yaada heddumminaa keessummeessuuf jajjabeeffamu bitame yeroo ammaa humna aangoo dhuunfachuuf fonqolcha gaggeesseef akka meeshaa piropogaandaati tajaajilaa jira.
Sagalee diddaa
Akka Sudaan haaromte agarsiisuu danda'uuf ani qaama Sudaan keessatti waan haaraa uumuuf carraaqqii taasisan keessaa akka nama tokkootti tamsaasi biyyaalessaa tumsa akka argatuufi karri isaa banaa ta'uuf hojjechaan ture.

Madda suuraa, Mohanad Hashim
Haa ta'u malee, interneetiin torbanootaaf erga cufamanii booda, hidhaafi dhiibbaan gaazexeessitootarra gahuun, gaazexoonniifi buufataaleen FM cufamuu, BBC fi FMn biyya keessaa RFI ammoo dhorkamuun, akkasumas seeronni walabummaa sagaleewwan farra fonqolchaa ukkaamsan bahuu isaatiin hawwiin kun karaatti hafeera.
Ammallee rogeeyyonni dimokiraasii deeggaran abdii hin kutanne.
Ollaa kiyya Omdurman keessa dargaggoonni jiraatan hojii tola-ooltummaatti bobba'uun ,koreewwan tajaajila naannoo dhiyeessi wantoota bu'uuraa ta'an akka daabboo, shukkaaraafi gaaziin jiraatu gochuuf hojjechaa jiru.

Madda suuraa, EPA
Koree diddaa kanadha yeroo ammaa kana deeggartotoa sochii dimokiraasii naannoo isaaniitti qindeessuun kan jiraattotallee dadammaqsaa jiran.
Hiriirawwan guddaan akka jiraatan, hiriirawwan bakkaa bakkatti akka ba'amu, of eegannoon hordofaniifi akka humni waraanaa isaanitti hn dhufnee ammoo karaa cufan.
Ummata Sudaan waliigalaa keessaa kanneen umuriin isaanii 30 gadi ta'an %65 ni ta'u. Kanneen keessaa garri caalan ammoo yaaliin isaan callisiisuuf taasifaman jiraatanillee akka sagaleen isaanii dhaga'amu barbaadu.
Odeessaleen biroo kana waliin deeman:















