Fonqolcha Sudaan: Komishinerri Mirga Namoomaa UN ajjeechaa Sudaanitti humna waraanaan raawwatame balaaleffatan

Madda suuraa, AFP
Komishinerri Komishinii Mirga Namoomaa UN, Miishel Baachileet ajjeechaa humnoota nageenyaa Sudaaniin namoota nagaa hiriira bahan irratti raawwatame cimsanii balaaleffatan.
Sudaanitti erga ji'a darbe fonqolchi mootummaa humna waraanaa biyyattiin gaggeeffamee as namootni nagaa 39 tahan ajjeefamuu eeran komishinerri kun.
Tibbana magaalaa guddoo Sudaan Kaartum keessatti namootni kumaatamaan daandiitti bahuun humna waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo of harka galfate irratti mormii dhageessisaniiru.
Humnootni nageenyaa biyyattiis namoota fincilaaf bahanitti dhukaasuun yoo xiqqaate namootni 15 ajjeefamuun kaanis madaa'u gabaafameera.
Misheel Bachilet namoota nagaa hidhannoo of harkaa hin qabnetti dhukaasuun gochaa cimsamee balaaleffatamuu qabudha jedhan.
Itti dabaluun naamusni humnoota nageenyaa Sudaan kun yaada uummataa nagaa ukkamsuuf kan kaayyefate tahuu himuun kun seera mirga namoomaa idil-adunyaa kan cabsedha jedhan.
Sirni awwaalchaa reeffa namoota 15 haleellaa gaafa Roobii Sadaasa 18,2021 raawwateen ajjeefamanii raawwatameera. Haa tahu malee namootni baay'een madaa'anii hospitaalatti yaalamaa akka jiran himameera.
Kun kanaan osoo jiruu lammiileen Sudaan ammayyuu fincilaafi mormii humna waraanaa aangoo qabate irratti godhan waan itti fufan fakkaatu.
Erga aangoo qabatanii yeroo jalqabaaf tibbana daawwiif gara Afrikaa kan dhufan ministirri haajaa alaa US, Antoonii Biliinken, jeneraalota Sudaaniin mee al takkaa dhaabdhaatii sagalee uummata daandiitti bahe kanaa dhaggeeffadhaa jedhan.
Akkasumas mootummaa ce'umsaa siiviliin gaggeefautti akak deebisaniif gaafataniiru. Ameerikaan MM Sudaan Abdallaa Hamdook akka gara aangoo isaaniitti akka deebi'aniif irra dedeebiin waamicha gooteetti.
Jeneraal Abdel fattaa al-Burhaan mana maree ce'umsaa haaraa hundeessuun ofii isaanii dursaa mana marichaa gochuun of muudaniiru.
Humni waraanaa Sudaan ji'a darbe mana maree mootummaa ce'umsaa hundaa'ee ture diiguun MM Abdallaa Hamdook aangoo irraa buusuun ofii aangoo qabate.













