Waraanni Sudaan Ministira Muummee aangoorraa kaase deebisee muuduufi

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muumme Sudaan, Abdallaa Hamdook kan ji’a darbe fonqolchi mootummaa yeroo gaggeefame aangoorraa kaafamanii hidhaa mana keessaarra turan deebi'ani muudamuufi.
Waligaltee haaraa humna waraanaa, hoggantoota siviilii fi gartulee finciltootaa duraanii gidduutti gaggeeffameen, hidhamtoonni siyaasaa hundi akka gadi dhiifaman, kanneen maree kana jarsummaan gaggeessa turan himaniiru.
Onkololeessa 25 irratti, humni waraanaa Sudaan labsii yeroo muddamaa tasa labsuun, hooggansa siviilii diigee ture.
Kun torbanoota hedduuf hiriira mormii hedduu kan kaase yoo ta'u, kana irrattis namootni hedduu ajjeefamaniiru.
Waligaltee kanarra kan ga’ame Sanbata galgala yoo ta’u, Dilbata ammoo hojii irra akka ooluuf akka mallatteeffamu hogganaan paartii Ummaa, Fadlaah Burmaa Nasiir, mirkaneessaniiru.
Hayyoota, gazexeessitootaa fi namoota siyaasaa dabalatee gartuun jarsoolii, wantoota walii galtee kana irratti kaafaman ibsuun ibsa baasaniiru.
Walii galteen kun MM Hamdook fi miseensotni kaabinee isaanii yeroo fonqolcha kanaatti to’annoo jala oolfaman akka gadhiifamaniifi, Hamdookis gara aangoo ministira muummee isaaniitti akka deebi’an ibsa.
Dabalataanis bulchiinsi ce'umsaa Sudaan aangootti ni deebi’a.
Hoggantoonni sivilii fi waraanaa Sudaan, Hagayya 2019 erga Pirezidant Omaar al-Bashiir aangoorraa kaafamee irraa eegalee, aangoo qabachuuf waldhabdee keessa turaniiru.
Waliigalteen taasifame ture, ji’a darbe yemmu hogganaan waraanaa Jeneraal Abdeel Fattaa al Burhaan mootummaa siviliii diguun hoggantoota to’annoo jala yemmuu olchee diigame.
Gochii kun ‘fonqolcha’ osoo hin taanee waraanaa wal waliinii sababa gartuulee siyaasaa uummata humnoota nagaa irratti kakaasaniin deebi’ee ka’uuf ture hambisuuf kan taasifamedha jedhan.

Madda suuraa, EPA
Hogganaa mana maree ce'umsaa haaraa of godhanii muuduun, humna waraanaa fi hoggantoota finciltootaa duraanii of biratti qabatan.
Magaalaa guddittii Kaartuum dabalatee, magaalota hedduu keessatti, fonqolcha kanaa fi imala gara dimookraasitti jalaa gufachiifame mormuun, namootni hiriira mormii ba’an goommaa guggubanii, daandilees cufanii turani.
Humni waraanaa ammoo mormitoota kana irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun, dhukaasa banuun himatama.
Waligalteen haaraa kun hiriira mormii guddaa Dilbata kana irratti gaggeefamuuf karoorfame dura dhufe.
Hawaasni addunyaa fonqolcha kana balaaleffachuun, hidhamtoonni siyaasaa akka gadhiifamaniif gaafataniiru.
Baankiin Addunyaa gargaarsa Sudaaniif kennaa ture addaan kutuun, Gamtaan Afrikaa (AU) ammoo miseensummaa biyyatti yeroof haqeera.
Sudaan keessatti fonqolchi mootummaa gaggeeffamuu waan haaraa mit, bara 2019 irraa eegalee yaaliiwwan fonqolchaa hedduu gaggeefamaniiru.















