Infuleensaroonni lamaanuu milkaa'aa jiru, isaan keessaa garuu ishee tokkotu nama

Kaaviya Sambasivam (bitaan kan jirtu) infuleensera beekamtuudha.

Madda suuraa, Kaaviya Sambasivam/Simone Mckenzie/Google Veo 3

Infuleeensaroonni lamaanuu milkaaa'aa jiru. Garuu isaan lamaan keessaa ishee takkatu nama.

Jiijiin akkanatti yoo ilaalan akkuma nama lafaa dhufa bara si'anaa miidiyaa hawaasaarratti dhageettii qabdu wayii ishee se'a namni.

Rifeensa sirnaan tolfame qabdi. Meekaappii ni fayyadamti. Akkaawontii ishee ni banti, hordoftoota isheetti ni haasofti. Kiliippota [viidiyoo hojjettee] gadlakkifti: yoo nyaattu, qaama ishee yoo bareechitu, lippistiikii yoo dibattu viidiyoo ni qooddi. Daa'ima bareeddullee akka qabdu viidiyoowwan isheerratti ni mul'ata.

Garuu sekondiiwwan muraasa booda viidiyoo ishee keessatti wanti ta'e wayii yoo jalaa babbadu ni mul'ata.

Piizaan nyaattu dhangala'aa wayii ta'a. Wantoota jajjaboo akka karameellaa fa'i qabatte osoo nyaachaa jirtuu harki ishee waantuma isheen harkaan qabattee jirtu keessa yoo darbu mul'ata.

Kun maaliifi? Tun Jiijii ishee dhugaa miti kaa. Jiijii hubannoo nam-tolchee (AI ti). Ishee tana kan tolche barattuu Yunivarsiitii Ilinooyis Simoon Keenziiti. Ishiin ganna keessa maallaqa ittiin argachuuf tana hojjetatte.

Keenziin, shamarree ganna 21ti. Warra hubannoo nam-tolchee (artifishaal intelejensii) akka AI 'Chatbots, Google Veo' fayyadamuun qabiyyee dijitaalaa hojjechuun tamsaasan keessayi.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, qabiyyeewwan dhugaa fakkaatan akkanaa AI fayyadamuun namoonni qopheessan miidiyaa hawaasaa dhuunfachaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ammoo warri qabiyyeewwan akkanaa omishan (creators) itti milkaa'aa jiru.

"Viidiyoo tokkorraa guyyoota afur keessatti dolaara 1,600'n argadhe" jetti Keenziin. "Akkas taanan bareeda, itti fufuun qaba." jetti.

Ji'oota lama booddee, Jiijiin si'a miliyoonota hedduu daawwatamte, kanaanis Keenziin tiktookiirraa dolaara kuma hedduu argatte. Garuu, Keenzii qofa miti kan qabiyyee AI namoota hedduun daawwatamu akkasii qopheessee tamsaasu jedhu ogeeyyiin.

"Wanni baayyataa waan jirudha. Asittis hin dhaabbatu," jetti Yunivarsiitii Pensiilvaaniyaatti gargaartuun Pirofesaraa fi ogeettii dhimma aadaa dijitaalaa Jeesaa Lingeel.

Kun dur-hin jirreedha (waan keessummaa) - Yeroo ammaa warri teknolojii kana harkaa qabu viidiyoo qabiyyee barbaadee daqiiqaawwan muraasatti hojjetee gadhiisuu danda'a. Kalaqxoota indaastirii kana keessaa fayyadamanis waan miidhu danda'usi.

Akkasis ta'ee garuu, hubannoo nam-tolcheen miidiyaa hawaasaa balleessaa jira kan jedhan akkuma jiran, kanneen beekkamtii miidiyaa hawaasaatiin argamu dimookraatessa warri jedhanis jiru " jetti, Lingeel.

"Kanneen kaameeraa dabalatee teknolojii qaqqaaliitti bitachuun qabiyyee miidiyaa hawaasummaa qopheeffachuuf humna maallaqaa fi yeroo hin qabneef hiree qabiyyee daawwatamu ittiin hojjetatani" jetti.

Viidiyoo Keenziin uumte gariin

Madda suuraa, Simone Mckenzie/Google Veo 3

Infuleensaroota duraanii gabaa keessaa baasaa jiraa?

Miidiyaa hawaasaarratti dhageettii horachuun hojii kan ta'aa dhufe yeroo dhiyoodha. Garuu waggoota gabaabduutti indaastirii dolaarri biliyoona 250 ittiin socho'u ta'e jedha dhaabbanni investimentii Gooldmaan Saach jedhutti.

Kanneen oonlaayinii qabiyyee hojjetan waayee oolmaa bultii isaanii-bashannana, saree fi adurree ofii, meekaappii dibatan fa'i agarsiifachaa hordoftoota ofii hawwatu.

Hubannoo nam-tolchee (AI) kan adda godhu saffisaan, rakasaanii fi dhugaa fakkeessee qabiyyee hojjechuusaati.

"Shakkii malee dirree warra qabiyyee uumuu ni jeeqa,"jetti hayyuun miidiyaa hawaasummaa fi dijitaalaa Yunivarsiitii Korneel Bruuk Daafii,

Keenziin (isheen Jiijii uumte) viidiyoo hojjechuuf daqiiqaawwan muraasa akka itti fudhatu himti. Guyyaatti viidiyoo sadi fa'i akka maxxansitu dubbatti.

Infuleensaroota akka Kaaviyaa Sambaasivaam, nama ganna 26tiif, kanneen miidiyaalee adda addaarratti hordoftoota miliyoona 1.3 qabduuf immoo kuni waan hojjetu miti.

Isheedhaaf, qabiyyee hojjetturratti hundaawee, viidiyoo hojjechuuf sa'aatiiwwan ykn guyyoota itti fudhachuu danda'a. Viidiyoo hojjetachuuf waa bibbitachuu, karoorsuu, duubee(backgraawundii) tottolfachuu, ibsaa, waraabbii, dhumarra gulaaluu ishee barbaachisa.

Warri AI fayyadamee qabiyyee hojjetummoo waan kana hunda isaan hin barbaachisu.

"Gaaffii waan kaasu kuni: dorgommiin wanti jedhamu hafuu isaatii? gaaffii jedhu. Sababni isaas ani nama. Wanti ani hojjedhu daangeffamaa dha,"jetti Noorz Kaarolaayinaa kan jiraattu Sambaasivaam.

"Ji'oota garii nan dadhaba. Yeroon viidiyoo hin hojjenne jira. Ani roobootii faana dorgomuu hin danda'u."

Kan chaanaalii ishee beeksifachaa turte yeroo weerara Koovidii ture. Maatii waliin gaafa jirtu jechuudha. Wayita sanattis baasii hedduu baaftee viidiyoo dalagaa turteeni kan hordoftoota hedduu horatte. Hordoftoota har'a qabdu kanneen horachuuf waggoota itti fudhateera.

Keenziin immoo ofii itti dhama'anii viidiyoo hojjechuun maallaqa hin fidu, yeroonis nama hin gahu, waa meeqa tottolchuufis dadhabbii dha. Kanaaf Jiijii uumte.

"Minjaalli mana koo jiru kitaaba dabalatee meeshaa hedduu baata," jetti. Viidiyoo waraabdee namatti agarsiisuuf manni koo hawwataa miti. AI fayyadamtee garuu waan feete dalagda." jetti Keenziin.

Kaaviya Sambasivam (bitaan kan jirtu) infuleensera beekamtuudha.

Madda suuraa, Kaaviya Sambasivam

"Jiruu qabatamaa"AI fayyadamuun

Keenziin wayita qabiyyee hojjechuu eegaltu 'Google's Veo 3 chatbot', akka dubartii hojjetuuf gaafatte. Dubartii akka ishee.

Jiijiin akkuma ishee, umriin ishee 21, rifeensi, ijji, bifti gogaashee, toorri ijashee akkuma Keenziti.

Achii booda Jiijiin akka haasoftu akka tolchuuf chaatbootsii gaafatatte. ni hojjeteef.

Jiijiin amma namoota ati AI dha jedhaniin waliin atakaarootti jirti. Fakkeessuuf baay'ee dhamaati. Yoo irratti baranimmoo fakkeessuu dhaabdi.

Daafiin akka jettutti, tooftaa dijitaalawaan qabiyyee gulaaluun waan haaraa miti jetti.

Dur suura kan gulaalaniin Footooshooppii fayyadamuun ture. Itti aanee aappiiwwan akka 'Facetune' kan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaatiif fuula ofii ittiin jijjiirantu kalaqame.

Garuu, osoo AI'n sadarkaa har'aa kana hin gahin qabiyyeewwan namoota bebbeekamoo fafakkeessanii hojjechuun dhuma baroota 2010 keessa eegaluu dubbatti.

Har'a wanti hojjetamu garuu, baay'ee dhuguma fakkaachaa jira, ammoo saffisaan tamsa'a jetti Daafiin.

Viidiyoon AI qabiyyeewwan sasalphaa irraa hanga baay'ee wal xaxaatti hojjetamaa jira.

Hanga fiilmii sodaachisaa (horror), koomedii (kofalchiisaa), nyaata qopheessuu dabalatee qopheessuu qophaawaa jira. Garuu tokkollee dhugaa miti.

"Gama tokkoon barmaata qoosaa ta'aa waan dhufedha," jetti Daafiin.

Lammiin Ameerikaa Kooriyaa kibbaa jiraattu, umriinshee 3, immoo peejii (akkaawontii) AI fayyadamuun qabiyyee irratti dhiyeessitu qabdi. 'Puppy, gamja' jedhamta. Saree bakka bu'a. Sareen tun heedfoonii keewwatti. Nyaata dalagdi. Daawwattoota miliyoona hedduu hawwatte. Kaampaanonni hedduun qabiyyee akka hojjettuuf waliin akka hojjettuuf ishee gaafatu.

" Waan namoonni jaalatan uumuun barbaade. Nyaata, saroota fa'i karaa asiin dura hin beekamneen," jetti.

Kanneen tiktookii gubbaatti qabiyyee AI hedduu dhiyeessan keessaa tokko nama umriin 27 Daani'eel Riileey dha. Inni daawwattoota miliyoona heddu qaba.

Garuu namni tokko fuula isaa argee hin beeku. Viidiyoon isaa "time travel" hordoftoota 600,000 argate. Miliyoona kurnaniin daawwatame.

" Wanti naa gale qabiyyee qopheessuf silaa maallaqa miliyoona hedduu gaafatu bilbila harka keenyarra jiru qofa fayyadamnee qopheessuu akka dandeenyu dha," jedha. Akkaataa namoonni qabiyyee viidiyoo AI itti qopheessuu danda'anis karaa 'bootcamp' fayyadamee barsiisuun maallaqa argata.

Namni akkamiin adda baafata?

"AI naan jechuu dhaabi," jetti Jiijiin yeroo hunda Tiktok yoo seentu. Warra ishee shakkaniin atakaaroo seenti. Garuu hordoftootni ishee muraasni dhuguma se'u.

Gam tokkoon,Viidiyoowwan AI kan dhugaatirraa adda baasuun rakkisaa dha. Keessumaa dargaggoota beekumsa miidiyaa hin qabneef.

"Gara fuulduraatti odeessa dogoggoraa, kachachala garaagaraa hedduu arguuf jirra… waan badaa dha"

Karaa biraa immoo, viidiyoowwan AI, nama hawwatu, jedhu ogeeyyiin.

Qorannoon Yunivarsiitii Harvaard akka agarsiisutti, fayyadamtoonni AI umriin isaanii 14-22 ta'an fakkii fi muuziqaa hojjechuuf AI'tti dhimma bahu.

Gaaffiin ijoon, dandeettiin ilma namaa guddina teknolojii amma mul'atu waliin tarkaanfachuu danda'aa? kan jedhu dha.

Lammiin Ameerikaa tiktookii 'Gamja' irratti qabiyyee saree AI'dhaan tolfame (puppy) sana namoonni oonlaayiniirratti waayee ishee akka yaadda'an himti. Sareen sun akka nyaata hin taane nyaatu faa natti himu. Isaan saree san kanuma dhugaa se'u jetti.