Siitiin Arsenaal irratti dhiibbaa yoo cimsu Arteettaan 'kan dhiibbaa hin dandamanne gara kilaba biraa' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Siitiin Itihaad irratti Niwukasiliin 2 fi 1n injifachuun morkii waancaa cimsateera. Kun dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaal irratti dhiibbaa cimseera.
Taphicha booda leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa ga'umsa taphattoota isaa jajuun injifannoo kana booda akka sirriitti aara galfatan itti himeera.
Arsenaal osoo Siitii taphi tokko hafuu qabxii shaniin liigicha dursaa kan ture yoo ta'u taphi torbee kanaa qabxii kana jijjiiruu ykn itti fufsiisuu keessatti akkaan eegamaa ture.
Amma Siitiin garaagarummaa qabxii lamatti dhiphiseera. Itti aansee hoji-manee guddaan gama Arsenaal jira.
Roobii darbe kilaba sadarkaa 20ffaarra jiru waliin qixa kan ba'e Arsenaal duraanuu dhiibbaa jala jira, injifannoo Siitii kanaan dhiibbaan wayita itti cimee jirutti ammoo darbii Landaniin Tootanhaam morkata.
Gaardiyoolaan wayita taphichi xumuramu ''hariiroon deeggartoota faana qabnu akkaan cimaadha. Hariiroon kun hanga xumura bara taphaa kanaatti akkanumaan akka itti fufu barbaanna,'' jdhe.
''Tapha salphaa hin turre, garuu nutu garee akkasiiti. Yeroo kanatti kan gochuu qabnutu kana.''
Maanchistar Siitiin Peep Gaardiyoolaa jalatti bara taphaa keessatti tibba akkanaa jijjiiramuun beekama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaan duras haala kanaan Arsenaal fi Liiverpuuliin waancaa dhabsiisee ofii injifannoon galee beeka.
Ammas kilabni kun abbaa mala maltee kanaa jala jira. Gaardiyoolaan haala rakkisaa akkamiin akka keessa darban irratti leenjisaa muuxannoo cimaa qabuudha.
Injifannoon Siitii kun qabxii sadi argachuun garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qabu lamatti xiqqeessuu qofa miti, tapha darbii Landan Kaabaa irrattis gareen Arteettaa akka dhiibbaa cimaa jala galu taasiseera.
Gaardiyoolaan taphattootasaa amma jiran waancaaf guddoo abdata. Dhibbeentaa 70 kan ta'an warra waancaa dhandhamatanii beekaniidha, hiree kana dabarsanii hin kennan jedhee amana.
Amma hojii cimaan Arsenaal irraa eegama. Garee leenjisaa haaraa yeroof argate Igor Tudor irra aanee hin xumuru taanaan rakkoo keessa gala.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa taphattoota isaa keessaa kanneen dhiibbaa dandamachuun rakkoo dhalate hundaaf deebii kennuuf hin ifaajne ''kilaba biraa barbaaddachuu qabu,'' jedhe.
Arsenaal erga bara taphaa 2003-4 osoo hin injifatamin xumuree hanga yoonaa waancaa Piriimer Liigii nyaatee hin beeku. Seenaa kana jijjiiruuf tattaaffiin taasisan ammoo qormaataan kan guutamedha.
Taphoota torba darban keessaa lama qofa kan mo'ate Arsenaal galgala kana sa'atii 1:30 irraa eegalee darbii Landan Kaabaan kilaba sadarkaa 16ffaarra jiru Tootanhaam Hootispariin dirreen ala morkata.
Erga Roobii darbe osoo goolii 2 fi 0 dhaan Wolvis dursuu dhumarratti qixa xumuree Arsenaal irratti qeeqi hammaateera.
Haalli amma jiru kun Arsenaal kilaba osoo ga'umsa gaarii qabuu carraa waancaa hin qabne, dhiibbaa dandamachuu dadhabuun kan sigigaatu akka jedhamu isaa taasiseera. Warri kubbaa miillaa xiinxalan kilaba akkanaan 'bottlers' jedhuun.
Arteettaan ''jechi kun na hin ilaallatu,'' jedhe.
Gareensaa baroota taphaa darban sadan walitti aansuun lammaffaan xumure. Lamaan Siitii, tokko ammoo Liiverpuultu caalan.
Kaaba Landanitti dhiibbaa alaa dandamachuun irra aanuu dandeessuu? gaaffii jedhu gaafatamee akkas jedhe Arteettaan:
''Gaaffii isaan gaafatta: qaama dhiibbaa kanaa ni taatamoo hin taatu? Yoo ta'uu baatte waan biraa barbaaddadhu, qaama kilaba biraa ta'i.''
Arteettaan dabaluun ''waggoota 10, 15 darbaniif akka kilabi kun morkataa waancaa ta'uuf iyyamaa ture. Amma bira geenyeerra. Ammahoo maal jedhu? Dhiibbaan akka hin jiraanne feetaa? Dhiibbaan qaamuma kubbaa miillaati. Murteessaan akkatti irra aantuudha. Sanaaf mala dhahaa jirra,'' jedhe.












