Arteettaan 'bakka ta'uu feene jirra' yoo jedhu Peep ammoo taphni 12 baayyeedha jedhe

Madda suuraa, BBC Sport
Taphoota torbee 27ffaa dursee Mikeel Arteettaa fi Peep Gaardiyoolaa waayee waancaa Piriimiyeer Ligii injifachuu yaada kennaniiru.
Roobii darbe morkii Arsenaal dirreesaa malee Wolviz waliin gaggeesse 2-2 xumuramuu hordofee Siitiin tapha isa walqixxeessu tokko osoo qabuu garaagartummaan jiru shan ta'eera.
Kunimmoo morkiin waancaa akka cimu godheera.
Leenjisaa Mikeel Arteettaa morkii waancaa ilaalchisee yaada miidiyaaleef kenneen tapha Woolvis waliin ture injifachuu barbaadanis qabxichi isa isaan barbaadan akka hin turre amane. ''Wanti goonu hn jiru tapha isa itti aanurratti xiyyeeffachuu qofa'' jedhe.
''Taphni xumuramuu jala yoo gahu haala hin baratamneen wayita qabxiiwwan dhabdu maaltu akka mudate namaaf hin galu. Garuummoo kubbaa miilaadha'' jedhe.
Suni boqonnaa tokko. Boqonnaa 27ffaa Wolviz waliin qabxii qooddannee xumurree cufneerra. Inni ittaanu akkamiin hiree keenya murteessina kan jedhuudha. Jireenyi itti fufa, wanti goonu hin jiru. Inni ijoon isa itti aanuudha'' jechuun waayee tapha darbee dubbate.
Xiyyeeffannoonsaanii isa darberra osoo hin taane isa dhufurratti ta'uu akka qabu ajajni kennamuu dubbate.
''Amma jiraachuu qabna. Ammatu miidhagaadha. Dorgommii mararrattuu bakka gahuu feenurra jirra'' jedhe Arteettaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Darbii Landan Totenhaam waliin Dilbata qaban akkamiin akka injifachuu danda'anirrattis qophaa'aa jiraachuus dubbate.
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa wayee morkii waancaa PL yoo gaafatamu ''akkuman duraan jedhe taphoonni 12 baayyeedha. Amma kan nu yaaddessu Niiwkaasil qofadha'' jechuun deebise.
Achii ammoo morkii waancaa Karabaoo Arsenaal waliin ji'a dhuftu keessa gageeffamu ta'uu hime.
Yeroo ayyaana qillee hiree waancicha injifachuuf qaban caala amma hiree bal'aa qabaachuufi dhiisuu isaanii yoo gaafatamus ''dhugaa dubbachuuf hin beeku. Taphoota 12 hafan keessatti wanta ta'uu malu hin beeku, kanaaf hin beeku'' jechuun gaafficha ofirraa dhiibeera.
Waayee taphoota lamaa sadii hafanii osoo ta'ee dubbachuu akka danda'u hime.
Gareensaa garee Arsenaal caalaa muuxannoo waancaaf taphachuu olaanaa qabaachuufi dhiisuus gaafatameera.
''Tphattootni dhibbenetaa 70 ta'an haaraadha. Haala akkasii keesstti muuxannoo hin qaban'' jechuun deebise.
''Muuxannoon jiru tapha boruu injifachuudha. Tokko qofa.''
Arsenaal torban walakkaatti tapha tokko gaggeessee tapha torbanoota dhumaaf dhiyaachaa jira. Siitiin ammoo Arsenaalirra boqonnaa wayyoo argateera.
Peep isaaniis fuula duratti akkasuma guyyoota boqonnaa hedduu hin qabneen akka muddaman ibseera.












