Tiraamp sanadoonni waa'ee UFOfi qaamolee hin beekamne samii keessa jiru jedhaman akka ba'an gochuuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp sanadoonni waa'ee UFOfi qaamolee eliyaans jedhamanii ejansiiwwan mootummaa akka gadi lakkisan ajaja kennuuf akka jiru beeksise.
Ministiira ittisaa dabalatee ejansiiwwan nageenyaa US sanadoota mootummaa waa'ee qaamolee hin beekamne kanneenii "adda baasufi gadi lakkisuu akka eegalan" ajaja nan kenna jechuun ibse Tiraamp.
Torban darbe pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaa waa'ee qaamolee UFOfi Eliyaans jedhamaniifi samii keessa balali'u jedhamanii gaafatamee "qaamoleen kunneen dhuguma ni jiru" jechuun dubbatee ture.
Kana hordofee Tiraamp yaada kenneen, Obaamaan odeeffannoo icciitii akkanaa baasee dubbachuu hin qabu jechuun erga qeeqee boodadha, ejansiiwwan mootummaa waa'ee UFOfi qaamolee eliyaans jedhamanii qorannoo gaggeessan akka gadi lakkisan kan ibse.
"[Obaamaan] akkas jedhee dubbachuu hin qabu ture. Dogoggora guddaa hojjate" jechuun gaazexeessitootatti dubbate.
Qaamoleen samii keessa jiru jedhamaniifi Eliyaans ykn UFO jedhaman "ni jiru jettee amantaa?" jechuun gaazexeessitoonni yoo gaafatan, "dhuguma jiraachuufi dhiisuu isaanii hin beeku" jechuun deebise Tiraamp.

Madda suuraa, Getty Images
Baraak Obaamaa sagantaa poodkaastii tokkorratti dhiyaachuun waa'ee eliyaans gaafatamee 'dhuguma ni jiru jedhee akka amanu dubbatee ture.
"[Eliyaans] dhuguma ni jiru, ani garuu argee hin beeku; bakka Area 51 jedhamutti dhokfamanii hin jiran.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Jettee jettee yoo ta'een ala lafa jalas dhokfamanii hin jiran," jechuun dubbate Obaamaan.
Qaamoleen hin beekamneefi samii keessa balali'u jedhamaniifi darbee darbee namatti mul'atu jedhaman kun jiraachuusaanii Obaamaan dubbachuun ijoo dubbii ta'ee ture.
Boodarra Obaamaan dubbiisaa kana caalmatti ifa gochuu yaalera. Hawaan baay'ee bal'aa waan ta'eef dacheen ala lubbu qabeeyyiin jiraachuu akka malan jechuusaa Inistaagiraamii irratti maxxanse.
Dabaluunis, "Yeroon pirezidaantii turetti qaamoleen samii keessa jiran nu [ilmaan namaa] waliin qunnamtii gochuusaanii ragaa homaatuu hin agarre. Tasumaa!" jechuun maxxanse Obaamaan.
Obaamaan yeroo gaaffiifi deebii taasisu sana ragaa icciitii mootummaa fayyadamee dubbachuusaa waanti agarsiisu hin jiru.
Qaamoleen UFO ykn eeliyaans jedhaman akka jiraniifi namatti akka mul'atan namoonni heddu kan irratti waliigalan ta'us Tiraamp garuu waa'ee qaamolee kanaa homaa dubbachuu akka hin barbaanne hime.
Tiraamp gaazexeessitoota erga kana himee sa'aatii muraasa booda fuula miidiya dhuunfaasaa Truth irratti sanadoonni waa'ee qaamolee UFOfi eliyaans akka gadi lakkifaman akka ajaju barreesse.
"[Sanadoonni akka gadi lakkifaman] namoonni heddu fedhii waan horataniif sanadoota waa'ee qaamolee lubbuu qabaniifi samii keessa jiru jedhamanii, qaamolee maalummaansaanii hin beekamne (UFO) jedhamaniifi odeeffannoo waa'ee wantoota baay'ee wal-xaxaa ta'anii kanaan wal-qabatu" akka gadi lakkifaman akka godhu barreesse.
Qaamoleen kunneen baay'ee wal-xaxoo ta'uu garuummoo namni baay'een baruu kan barbaadu ta'uus barreesse.
Yeroo dhiyoo as US keessatti fedhiin waa'ee UFOfi eliyaans baruu hawaasa biratti dabalaa dhufeera. Keessumaa bara 2017 keessa paayileetonnifi miseensonni waraanaa yeroo xayyaara balaliisan waan samii keessatti argan Pentagon akka hin baasne godheera jechuun falmiin ka'ee ture.
Bara 2022 keessa Kongiresiin US Pentagoon dhiyaatee yaada akka kennu gochuunsaa waggaa 50 keessatti kan jalqabaa ture. Peentaagoon waa'ee qaamolee kanaa qorannoo akka gaggeessufi waa'ee UFO odeeffannoo jiruufi miseensonni waraanaa waan argan akka gabaasaniif biiroo of danda'e akka hundeessu waadaa galee ture.
Bara ittaanu gabaasa Mana Mareef dhiyaateen qaamni lubbuu qabu jiraachuufi dhiisuu waanti adda bahe akka hin jirre gabaasni dhiyaate.
Bara 2024 Pentaagoon gabaasa dhiyeesseen, eliyaans, UFOfi qaamoleen biroo jiraachuu mootummaan US waan mirkaneeffate akka hin jirre ibse.
Paayileetonniifi miseensonni waraanaa US yeroo garaa garaatti qaamolee samii keessa balali'an waan akka diiskiifi bifa garaa garaa qaban mudannoosaanii ibsaa turan.
Qaamoleen kunneen saffisa guddaan waan deemaniif xayyaaroti waraanaa illee duuka bu'anii qaqqabuu hin dandeenye ykn maalummaasaanii adda baasuf akka rakkatan himu.















