Loltoonni Ameerikaa qaamota samii keessa balali'an (UFO) argu himan heddummataa jiru

UFO

Madda suuraa, Getty Images

Loltoonni Ameerikaa qaamota samii keessa balali'an kan maalummaan isaanii hin beekamne (UFO) yeroo garaa garaatti arguu kan gabaasan heddummataa jiru.

Ragaan galmee icciitii Ameerikaa keessaa bahe akka agarsiisutti, bara darbe qofa loltoonni humna galaanaafi humna qilleensaa Ameerikaa 500 ta'an qaamota samii keessa balali'an ykn UFO jedhaman arguusaanii gabaasanii ture.

Kaampaanin Ameerikaa fiilmii hojjachuun beekamu Holiwuud waa'ee qaamolee samii keessa balali'aniifi maalummaan isaanii hin beekamnee kana fiilmii heddu hojjatee dhiyeessera.

Kanaan dura mootummaan Ameerikaa qaamoleen samii keessa balali'u jedhamaniifi namoonni yeroo garaa garaatti arguu himan kana wantonni akkasii hin jiran jedhee murteessuu irraa akka of qusatu beeksisee ture.

Haata'u garuu maalummaa qaamolee UFO jedhamanii kanaa waanta ragaadhaan deeggame dhiyeesse ammoo hin qabu.

Loltoonni ishee wantoota samii keessa balali'aniifi maalummaan isaanii hin beekamne arguu isaanii US beeksiftee turte.

Loltoonni wanta balali'u samii keessatti arguu erga gabaasanii booda diroonifi afuuffen dhifamee gadi lakkifamee akka ta'e barameera.

Paayileetonni waraana Ameerikaa waa'ee qaamolee hin beekamnee kana argine jedhanii kan gabaasan yeroo dirqama garaa garaaf bobba'anitti.

Gabaasa waa'ee UFO loltoonni Ameerikaa dhiyeessan keessaa 171 irratti qorannoon godhamee maalummaan qaamolee balali'an kanaa murtoorra gahuuf ragaan gahaan akka hin jirre ragaan dookumentii icciitii US bahe kun ni agarsiisa. Maalummaa qaamolee balali'an kanaa adda baasuf rakkisaa kan godhe ammoo saffisa qaamoleen kun ittiin balali'aniidha.

Yeroo heddu namoonni wantota samii keessa balali'an argine jedhan waan akka geengoo ykn diiskii fakkaatu fa'aa himu.

Ji'a darbe keessa Peentagonitti qondaalli waraanafi tikaa olaanan tokko miidiyaatti akka dubbatanitti hanga ammaa qaamolee maalummaan isaanii hin beekamne ykn UFO jedhaman kun jiraachufi dhiisuu isaanii ragaan amansiisaa ta'e akka hin jirre himanii turan.

Ragaan amansiisan hin jiru jechuun waa'ee UFO qorachuun ni dhaabbata jechuu akka hin taane qondaalli kun himanii turan.