UFO ilaalchisee gabaasni waraana US'n dhiyaate haaraan maal hima?

Madda suuraa, GETTY IMAGES/NASA
Baroota 1950 fi 60'oota keessa namoonni UFO argine jedhan itti heddummaateef, yaalii xiyyaarota basaasaa fi teknolojii hawaa US gaggeessaa turteen akka tahe gabaasi Pentaagon goolabe.
Itti dabaluunis mootummaan Ameerikaa uumamoota dacheen alaa wajjin qunnamuusaaf "ragaan hinjiru" jedhan anga'oonn.
Kanneen UFO jedhamuun gabaafaman hedduun isaanii meeshaaleema Dachee kanaati, jedha gabaasni Kongireesiif Jimaata dhiyaate kun.
Haatahu malee anga'oonni Pentaagon, qorannoon kun amantaa uummataa uumamni dhala namaa hin taane dachee daawwataniiru jedhu akka hin jijjiirsiisne ni fudhatu.
"Sagantaaleen televizhinii, kitaaboleen, fiilmii fi qabiyyeen intarneetiifi marsaalee hawaasaa UAP irratti hojjetaman, dhimma kanarratti marii godhamurratti olaantummaa qabachuunsaa hinoolu...," jedha gabaasi kun.
Gabaasni haaraa kun qaama yaalii mootummaan waa'ee Wantoota balali'aniifi adda hin baafamne - UFO ykn akka anga'oonni waamanitti UAP qorachuuf taasisudha.
Qorannoon kunis marii banaa qondaalota Nasa wajjin godhame, akkasumas gaaffiifi deebii Kongiresitti taasifame hammateera.
Gabaasni waajjira Pentaagon keessaa All-domain Anomaly Resolution Office (AARO) jedhamuun gadhiifame kun, yaadni hawaasaa waanta miidiyaarratti arguun dhiibbaa jala jiraachuu hima.
Qorattoonni kunniin waa'ee "seenessa cimaa tokkoo" kaasu. Innis mootummaan xiyyaar-samii fi qaama uumama dacheerraa hintaane argateera; akkasumas hojiisaa 'alien' wajjin walqabatu icciitiin qabachuuf dhama'a kan jedhudha.
Dubbi-himaan Pentaagon akka jedhanitti, qondaalonni gabaasa kana sammuu banaa taheen kan itti adeeman tahus, uumamni biraa lafa keenya dhufuu isaaniif ragaa tokkollee hinarganne jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbanni Gallup bara 2021tti yaada ummataa walitti qabeen, lammiilee Ameerikaa %40 ol tahan xiyyaar samiin dachii kanarraa hin taane Addunyaa keenya daawwachuu ni amanu.
Lakkoofsi kun ganna lamaan dura %33 irra kan ture ennaa tahu, daran olguddate.
Waajirri AARO gabaasa kana midhaaasse, kuusaalee ragaafi faayiloota iccitiin qabaman sakatta'eera. Kana malees, qorannoowwan mootummaan gaggeesse hanga 1945tti duuba deebi'uunis ilaalaniiru.
Kana malees qorattoonni taateewwan xiyyaar-samii qaama uumama dacheerraa hintaaneeti jedhamanii argamanis bira deemuun qorataniiru.
Isaan keessaa inni tokko, taateen bara 1961tti xalayaan waa'ee UFO miliqee baheedha jedhamu soba tahuu bira gahaniiru.
Saamudni "xiyyaar-samiin uumama dacheerraa hintaane" jedhamee fi meeshaalee dachee biraarraa hojjetame jedhamee dhiyaate soba tahuu fi albudoota maagneeziyemii, zink fi bismaz irraa kan tolfame tahuu mirkaneessan.
Gabaasi kun teknoloojiiwwan haaraa 1950 fi 60'oota keessaa, gabaasaalee UFO argineerra jedhaniif sababa tahaniiru jedhaniis tarreessaniiru.
Isaan keessaa balloonii ykn afuuffee olka'insa guddaan balali'anii fi xiyyaara basaasaa U-2 jedhamu keessatti argamu.
Ballooniin gosa kanaa 1947tti dhiyeenya Roozweel, bulchiinsa Niiw Meksikootti kufee caccabe, gaafas namoota hedduutu UFOdha jechaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasaalee UFO argineerra jedhamuun dhiyaataniifi walakkaa ol sakatta'aman keessaa, balalii basaasaa US akka turan ragaan dhaabbata tikaa biyyattii - CIA ni mul'isa.
Piroojektoonni qorannoo icciitiin gaggeeffamaa turan, xiyyaarota geengoo tahan ykn saahinaa fakkaatan kan itti yaalamaa turanidha. Kunis namni baay'een xiyyaar-samiin qaama dacheerraa hintaane boca akkasii qaba jechuun akka yaadan taasiseera.
Kanaafis akka fakkeenyaatti kan kaasan, xiyyaara waraanaa Kaanaadaa boombii darbatu VZ-9AV Avrocar boca akkasii akka qabu kaasu. Xiyyaarri waraanaa geengoo tahe kun, achuma bakka dhaabateeraa olkahee balali'uu fi achumatti qubachuu danda'a.












