Namoota ragaa sobaan baankota Birrii Mil. 89 kasaarsan to'achuu Poolisiin beeksise

Madda suuraa, Poolisii Federaalaa
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa akka jedhetti shakkamtootni kun Baankii Gadaa, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Daldalaa Itoophiyaa fi dhaabbilee biroo irratti yakka malaammaltummaa cimaa raawwachuun kisaaraa birrii miliyoona 89 ol qaqqabsiisee jedhe.
Nama yakka malaammaltummaa guddaa qindeessuun himatamee kanaa fi garee isa waliin qindaa'anii hojjetan to'annaa jala oolchuu fi qorataa jiraachuu Poolisiin beeksisera.
Akka galmee qorannoo poolisiitti shakkamtoonni kunneen yakka kana kan raawwatan aangoo isaaniitti fayyadamuu fi sanadoota baankii sobaa qopheessuudhani.
Qorannoon poolisii kun keessumaa shakkamaan ijoo kan ta'an obbo Geetaahuun Melles hogganaa dhaabbata oomisha wayinii Gudar (Goder Wine Trading Private Limited) kan ta'an hogganaa Baankii Gadaa Damee Agemsaa Abdisa Tolosa waliin ta'uun, mallattoo fi chaappaa hogganaa dameetti fayyadamuun gocha yakkaa kana raawwachuu mirkaneessee jira.
Gocha yakka qindaa'e jedhame kanaan shakkamtoonni kunneen raawwii waliigaltee fi ragaa kaffaltii dursaa fakkeessanii Yuniyeeniia Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Wadaraaa irraa Birrii miiliyoona 23.296,akkasumas ragaa sobaa gurgurtaa birrii miiliyoona 20 Dhaabbata Oomisha Faayaa Fenan Mohaammad Bashir waliin taasisuun walumaa galatti kisaaraan qorannoo marsaa kanaan mirkanaa'e Birrii miiliyoona 43.296 gaheera.
Shakkamaan biraa Abebaw Mekonnen jedhamu Geetaahuun fi Abdiisaa gargaaruun yakki kun akka raawwatamuuf haala mijeessuun himatame
Poolisiin akka jedhetti qorannoon isaanii kanaan Abebawu fayidaan walitti hidhamuun hanga guyyaa obbo Geetahuun hidhameetti yakka kana raawwachuu keessatti hirmaannaa guddaa fi shoora olaanaa akka qabu ibseera
Gama biraan shakkamaan Geetaahuun Melles kanaan duras sanada ragaa baankii sobaatiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa irratti miidhaa birrii miliyoona 28 qaqqabsiisee poolisiin barbaadamaa akka turuu ibsi poolisii kun eerera.
Kana malees, namnuti kun liqaa mana isaa qabsiisee liqeffate kan dhorkiinsi baanki irra jiru sanada sobaa fayyadamuun kaasisee qaama sadaffatti dabarsuu isaatin Baankii Daldala Itoophiyaa irratti kisaaraa birrii miiliyoona 18 qaqqabsiisuun barbaadamaa ture
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa namoota dhuunfaa yakka diinagdee biyyaa irratti miidhaa guddaa geessisan to'annaa jala oolchuu fi seeratti dhiyeessuuf tattaaffiin itti fufee jira jedheera.
Ummanni deeggarsa barbaachisaa poolisiif akka taasisu waamicha dhiyeesse














