Ajjeechaa daa'imman lakkuu hordofee haati akkamiin hidhaa waggaa 23'n adabamte?

Bokkuu daanyaa

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Urjii Mahaammad Umar magaalaa Maayaatti jiraattuu kutaa magaalaa Awwadaay araddaa 01 yemmuu taatu, daa'imman haadha buddeenaa taatuuf lama waliin jiraachaa turte.

Daa'imman kunis umrinsaanii waggaa 15 fi 13 akka ta'e galmeen Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaa agarsiisa.

Gama biraatiin Urjii Mahammad ulfa ji'a torbaa kan turte yemmuu ta'u, ALI Waxabajjii 19, 2017 halkan keessaa naannoo sa'aa 10:00 yemmuu ta'u sagaleen boo'icha daa'immanii kutaa ciisichaa Urjiitii dhagahame.

Sagalee kana kan dhagahan immoo daa'imman lamaan waliin jiraataniifi kutaa biraa keessa ciisanii kan turanidha.

Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Abbaa Seeraa kan ta'an Ramzii Bakrii, "Daa'imman lamaan mana kana keessa rafaa osoo jiranuu sagalee daa'ima booyuu dhagahanii lafaa ka'an. Itti aansuunis himatamtuun ijoollee dhalte uffataan yeroo martu qaawwa balbala keessaan argan," jedhan.

Himatamtuun daa'imman lakkuu deesse uffataan erga ukkaamsitee booda sagaleen daa'immanii battala callisetti daa'imman lamaan bakka rafanitti deebi'anii akka nama rafee fakkaachuun ciisuusaaniis Abbaan Seeraa himan.

Itti aansuunis himatamtuun daa'imman haadha biddeenaa taatuuf rafaa jiraachuusaanii erga mirkaneeffattee booda daa'imman lakkuu ajjeeste qabattee gara alaa baate.

"Mana duuba deemunis biyyee bo'oo qotamee tuulametu jira. Biyyuma tuulamee taa'u kana addaan saaqxee daa'imman kana keessa keessee biyyee irratti deebistee gara manaatti ol deebite" jedhan Abbaan Seeraa.

"Bakka awwaalterraa akka baastu taasifame"

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Halkanichi erga bari'ee boodas daa'imman lamaan taatee argan obboleessa isaanii hangafaa iddoo biraa jiraatutti himan, innis qaamolee nageenyaatti eeruu kenne.

"Qaamoleen nageenyaafi maanguddoonni himatamtuu qabanii daa'imman bakka awwaalterraa akka baastu taasifamuufi daa'imman mana yaalaatti akka geessan ragaa bahan.

Mana yaalaattimmoo daa'imman kun daa'ima umrii ji'a torbaa erga guuttee booda dhalattefi kan duute ta'uu ibsuudhaan ragaan barreeffamaa dhiyaate" jedhan.

Abbaan Alangaas ALI Onkololeessa 12, 2018 Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 539/1A jalatti himata yakka ajjeechaa lubbuu daa'imman lamarratti raawwatte jedhu Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti hundeesse .

Abbaan Alangaa himatawwan lama dhiyeessuu kan himan Abbaa Seeraa Ramzii Bakrii, "Sababnisaas daa'imman lama waan ta'aniif lubbuu nama lamaa dabarsite. Yakki raawwatames daa'imman lakkuu fayyaa qaban himatamtuun deessee ajjeefte kan jedhudha" jedhan.

"Sababa na dhukkubeef narraa baate"

Abbaan Alangaa himata hundeesseef ragaalee namaafi ragaa barreeffamaa mana yaalaa dhiyeesse.

Haata'u malee, himatamtuun himata irratti dhiyaate guutummaatti kan haalte yemmuu ta'u, 'sababa na dhukkubeef narraa baate malee ani hin ajjeesne' jechuunis mormite.

Dabalataan ragaalee ittisaa lama kan dhiyeeffatte yemmuu ta'u, "ragaa tokkoffaa ta'ee kan dhiyaate abbaa manaa himatamtuu kanaati kan jedhu 'na dhukkuba mana yaalaa na geessi' yeroo jettuun 'amma Dirre Dhawaan jira ganama dhufeen si geessa' jechuun akka bilbila deebiseef ragaa bahe" jedhan Abbaan Seeraa.

Kana malees, ragaan ittisaa kun himatamtuun ulfa akka turtefii daa'imman lubbuun darbes daa'immansaa akka ta'an jecha ragummaa kennuusaa himaniiru.

Haata'u malee, jechi ragaan ittisaa kun kenne ragaalee Abbaa Alangaa kuffisuu hin dandeenye. Jechi ragaan ittisaa lammaffaan laatanis akkasuma.

Manni murtiis ragaalee bitaafi mirgaa erga xiinxalee booda dhaddacha ALI Mudde 15, 2018 taa'een himatamtuu Urjii Mahaammad irratti hidhaa cimaa waggaa 23 murteesseera.

Keewwanni himatamtuun ittiin himatamte hidhaa umrii guutuu dabalatee du'aan adabsiisuu akka danda'u kan himan Abbaan Seeraa, manni murtichaa yaadawwan adabbii salphisan fudhachuun hidhaa waggaa 23 akka murteesse himaniiru.